Haalli qilleensa El Nino cimaan uumamuuf deema; Gaafa Afrikaas hubuun nimala

Haalli qilleensa El Nino Gaafa Afrikaatti uumamuun omisha qonnaa irratti dhiibbaa qabaata

Bara kana oo’i Galaana Paasifik irraa ol ka’uun haala qilleensaa addunyaa kan geeddaru ta’uun beekameera. Jijjirama qilleensa addunyaaf sababa kan ta’u uumamuu haala qilleensa El Nino jedhamuuti, akka ibsa dhaabbata the National Oceanic and Atmospheric Administration (NOAA) itti.

Oo’i Galaana Paasifik bara kana naannoo 2⁰C dabaluun isaa uumamiinsa haala qilleensa El Nino jedhamuuf sababa guddaa akka ta’uudha qorattoonni kan dubbatan. Egaa olka’iinsa oo’a qaama Galaana Paasifik kana uumamiinsa El Nino’f sababa gahaadha jedhanii saayinsistoonni afaan guttatanii akka dubbatan kan isaan dandessise. Oo’i galaana Paasifik irratti akkas olka’ee yoo mul’atu inni bara kanaa woggoota 65 dabran keessatti si’a 4ffaaf. Si’a sadan darban mara olka’iinsi oo’a qaama Paasifik El Nino uumuun isaa mirkanaayeera. Inni bara kanaas isa yeroo sadiin darbaniin adda ta’a jedhanii hineegan, saayinsistoonni.

El Nino’n bara kana uumamuu qofa osoo hintaane isa cimaaf seenaa El Nino keessatti kan takkaa hin mul’anne akka ta’uuf deemu ammumaa tilmaamameera.

Dhiibban El Nino waan naanoo tokko qofa irratti daangeffamuu miti. El Nino’n humna qilleensa addunyaa bal’inaan jeequ ykn jijjiiruu qaba. Jijjirraan humna El Nino’n dhufu kuni garuu geeddarama qilleensa addunyaa waaree hinfidu. Yeroo heddu geeddaramiinsa qilleensa addunyaa sababa El Nino’n uumamu kan turu naannoo woggaa tokko hincalleef.

Haalli El Nino bara 1998 uumame kallattii addunyaa heddu dhaqqabuudhaan hanga Ameerikaa kibbaa, Aaziyaafi Baha Afrikaatti miidhaa gurguddaa geesse ture. Roobni hamaan yeroo sanitti haalli El Nino uume lolaa hamaa uumuu bira dabree omisha qonnaa irrattis balaa hubaatii guddaa ture kan geese.

Haallin El Nino’n naannoo Gaafa Afrikaatti ni uumama jedhamee kan tilmaamamu bara kana baatii Fulbaanaa booda; yeroo qotee bulaan naannoo kanaa omisha qonnaa sassaabbatutti. Rakkoon qotee bulaafi omisha qonnaa irra gayuu cimaa ta’uun nimala. Rakkoo kana hir’isuuf ammumaa itti yaaduufi qophii gayaa godhuun dirqii ta’a.

Haalli qilleensa El Nino miidhaa qofaa miti kan fiduuf deemu. Faaydaas qaba, El Nino’n. Naannoon gammoojjiifi hir’ina roobaan yeroo dheeraadhaaf rakkataa turan sababa El Nino’n rooba guddaa argachuuf kan deeman ta’uunis hubatamera.  Hala El Nino’n uumuuf deemu kana irraa hedduu fayyadamaa ta’a jedhamee kan eeggamu naanno Kalifoorniyaa, Ameerikaa, dhabamiinsa roobaan gara gammoojjitti geeddaramaa jiruudha. El Nino’n naannoo biroo lolaasus, sammuu Kaliifoorniyaa hedduu gogde jiisuu bira kan ce’u hinfakkaatu.