Guyyaa faayda-qabeessa qabaachuuf ganama qabxiilee 7n kanniin irratti hojjachuu qabdu

Guyyaan guutuun ganama irratti kan bu’uureffame. Ganama gaarii qabaachuun guyyaa gaarii qabaachuudha. Ganamni bade taanaan; woyataa, bowwaafataa, ufhifataa lafaa kaanaan guyyaan guutuun galaafatame. Egaa kanaaf, jireenya keessatti ganama gaarii qabaachuun hedduu kan murteessaa ta’eef.

Ganama guyyaa guutuu midhaagsuufi faayda-qabeessa taasisu qabaachuuf maal gochutu nurraa eegama garuu? Gaafiin kuni deebii salphaa hinqabu. Fallis yoo jiraate tokko qofa ta’uu hindanda’u. Haata’uu malee qorannoofi muuxxannoon kan agarsiisu dhimmoonni yoo adeeffataman guyyaa faayda-qabeessa akka qabaataniif nama gargaaran heddu jiru.

Asbiratti qabxiilee torba guyyaa gaarii qabaachuuf murteessoo ta’an eerra. Qabxiileen hunduu waan ganama raawwachuu qabnuudha. Qabxiileen torban taarreefaman kunniin waa’ee filannoo osoo hintaane wantoota dirqama guutamuu qabaniidha- guyyaa gaarii qabaachuufi jireenya keenya fooyyessuuf muranneerra yoo ta’e.  Qabxiileen torban kunooti:

  1. Yeroodhaan hirribaa ka’i. Namoonni kana dhagayuuf hinqophoofne jirtu ta’a. Dhugaan hadhooftuun jirtu garuu namoonni jireenya keessaati milkaayan hundi ( Albert Einstein hanga Bill Gates) kanniin ganama hedduu rafuu jaalatan osoo hintaane sinbira ganamaati.
  2. Ganama hunda yoo hirribaa kaatu jirachuun kee hiree guddaa ta’uu yaadadhu. Ammas hiree addaa argatte kanaaf galata galfadhu.
  3. Qaama kee diddiriirsi. Kuni akka dhiigni qaama keessa saffisaan dhangala’u taasisa. Dabalataanis, sochiin sadarkaa anniisaa qaama keessaafi sammuu ol kaasa.
  4. Bishaan qaruuraa (bircciqqoo) tokkoo dhugi. Qaamni kee %60 bishaan. Ammas halkan guutuu bishaan malee akka bulte yaadadhu. Bishaan qaruuraa tokkoo dhuguuf dirqama hanga dheebottu eeguu hinqabdu. Dhugi fayyaa keetiif!
  5. Waa cufa salphisii ilaali. Waa olbokossuun jireenya sitti ulfeessa, gara dukkana cinqii keessa seenuutti sigeessa.
  6. Altakkaan waa heddu hojjachuuf hinyaalin. Kuni sa’aa sitti dhiphisa…yaada keessas siseensisa. Wantootuma ijoo ta’an irratti xiyyeeffadhu, isaanuma qajeelatti raawwadhu.
  7. Waan sammuuf soorata ta’u waa xiqqoo dubbisi (kitaaba fuula tokkos ta’u) ykn dhaggeeffadhu.

Yaadadhaa, as biratti jechi ganamni womaa mitii galgala nutolchi jedhu hinhojjatu fakkaata. Ganamni bade taanaan gara boodaa sirreesuun,hindanda’amu jechuu hindanda’uu, baay’ee nama rakkisa. Humnaafi yeroo guddaa nama baasisa. Itti yaadaa. Murteen dhumaa keessan.

Qabxiilee torban kanaan alatti kan biroo hinjiran jechuus akka hintaane nuhubadhaa.