Gorsa daldalaa 7 yeroon hinshaarre kan daldalaan hundi hubachuu qabu

Namni daldala irratti bobba’uu fedhu waa heddu beekutu isarraa eegama. Beekumsa daldalaaf ta’u mana barumsaatii, ykn dalagaa irraa muuxxannoo horachuun ta’uu danda’a. Gorsa namoota daldalaan milkayanii irraas hedduu fayyadamaa ta’uun nidanda’ama.

Gorsi namoota muuxxannoo ykn ogummaa daldalaa qaban irraa argamu hundi kan yeroo hunda dhugaa ta’u ykn saahuu dhimma itti baanu ta’uu dhabuun nimala. Kana jechuun gorsi tokko tokko yeroo gabaabaa qofaaf fayyada jechuudha. Geddaramiinsi yeroo gorsa tokko yeroo muraasa booda tajaajila dhabeessa godhuun nimala. Gorsi daldalaa 7  jiru garuu kan yeroon hinshaarre.  Gorsa yoomuu hinmoofne 7n kanniin namni daldala irratti bobba’uudhaann jireenya isaa isa hegeree fooyyeffachuu barbaadu hundi fudhachuufi hujirra oolchutu irraa eegama. Gorsi turban kunniinis:

  1. Daangaa ce’uuf tattaafadhu. Daldala keessatti wonti siqunnamu kan sirifachiisu, sisodaachisuufi abdi sikutachiisu ta’uu nimala. Keessummaayyu gara jalqabaa irratti. Abdii osoo hinkutatin, harkas osoo hinlaatin murannoo guddaan jabaadhuu hojjadhu; funduratti tankarfadhu. Bakka worri kufe ykn dadhabee harka laate dhabbatetti hindhaabatin…daangaa ce’uuf murannoon saahuu carraaqi.
  2. Waan hojjattu saahuu fooyyessuu irra tasa hinboqatin. Addunyaan nigeeddaramti; sanuu baay’ee safffisaan. Dorgommiin namoota jidduufi kubbaaniyaalee gargaraa jidduu jiru baay’ee cimaadha. Barnoonni kaleessaa qabatama haala addunyaa hra’aaf heddu hinfayyadu ta’a. Kanaaf yerooo hunda barachuun, ufqaruufi uf-fooyyesuun kan barbaachisaa ta’uuf.
  3. Raawwiin oduu irra murteesaadha. Wonti murteessaan oduu miti. Yaanni gaariin qabduus gaarii ta’us kophaa isaati gayaa miti. Hundarra murteessaan raawwii waan yaannee ykn karoorfannetti. Daldala keessatti ammo kuni heddu barbaachisaadha.
  4. Milkiin carraaqqii guddaa qofaan argamti. Daldala keessatti milkiin carraaqqii guddaa qofaan argama. Waan hojjatanif fedhii guddaa qabaachuun dirqii ta’a. Namoota murannoofi kutannoo guddaa daldala irratti bobba’an qofa kan milkiin yeroo heddu wolitti bayan.
  5. Cimanii hojjachuun gammachuufi milkii argamsiisa. Yaaliifi carraaqqiin godhamu hundi yeroo hunda milkii ykn galma biraan nama hingayu. Humna fi beekumsa qabaniin galma ufii bira gayuuf yaaluufi carraaquudha kan gammachuu danuu namaaf laatu.
  6. Kufaatii hinsodaatin. Milkiin milkii irrattii miti kan ijaaramte. Milkiin kufatiifi gufuu adda addaa keessaa madditi.daldala irratti bobba’ee inni kufaatii qaanfatu, kan gufuu sodaatu tsa milkii hinargatu. Kufanii injifannoon bayuuf malee kufani hafuf kan hojjatu akka hinjirre beekamuu qaba. Dogoggoruu bira osoo hintaane rakkoon, dogoggora irraa barachuu dadhabuudha.
  7. Waan guddaa argamsiisuuf carraaqi. Waan cimaa fi gatii qabeessa uumuufi ykn argamsiisuuf caraaqqii guddaa godhuun tarii gorsa daldaltoonni hundi onnetti qabatchuu qabaataniidha. Gorsa kana hunjii irra oolchuu jechuun meeshaafi tajaajila cimaan maamiltoota ufii gammachiisuu jechuudha. Maamiltoota ufii gammachiisuun faaydaa maal akka qabu hundi beeka. Meeshaa ykn omisha caalaa qabaachuun yeroo tokko tokko qophaasaatti daldala keessati injifataa nama taasaisa.