Godina Arsii Lixaatti ummanni halkan-guyyaa qabsotti jira; Agaaziin godinicha Baadimmee fakkeesseera

Qaanqeen qabsoo Ajjetti qabsiifamte oo’itee fi babadhattee godina Arsii Lixaa hunda ibsite

Falmaan mirgaa fi haqaa gara dhuma torbaan darbetti godina Arsii Lixaa magalaa Ajjee fi Abaarootti eegale akkaan babal’atee gara fincila diddaa gabrummaa humni Agaazii too’achuu hin dandeenneetti ol guddateera. Guyyaa har’aa, godina kana keessatti, jiraattonni magaalaa Kofalee, Shaashamannee, Waabee, Eddoo, Qoree fi Dodola humna Agaaziin wolfalamutti kan oolan. Sa’aa kanatti godinnii Arsii Lixaa, halkanii fi guyyaa osoo addaan hin kutin, boqonnaa fi hara galafannaa tokkoon maletti qabsoo hadhaayaa geggeesutti jiru.

Humni  woraanaa mootummaa ummatatti bobbaase godinicha dirree woraanaa fakkeesse jiraattonni dubbatu. Dhukaasa humni Agaazii duruunfatee ummata nagaa irratti baneen lubbuun namoota 5 galaafatamuu fi namoonni heddu ammoo madaayuu oduun Kofalee nu dhaqqabe ni agarsiisa.

Sochiin ummataa kan hedduu isa yachise mootummaan, humna woraanaa qabu gara godinichaatti baay’innaan bobbaasa jiraachun gabaafameera. Sochi humna woraanaa isa ummata ukkamsuu fi ajjeesuuf bobba’u gufachiisuuf jecha ummanni iddoo addaddaatti dandii cufuudhaan uftiksuuf yaalii ciccimaa godhaa jira. Ummanni aarii fi dallansuu isaa waajjiroota dhaabaa fi manniin murtii barbadeessuudhaan bayutti jira. Qonni Seeroftaa fi Gofooree, kan woyyaaneen ummata buqqistee Jibuutii fi kubbaaniyaa Arabaatii laatte, gubatuu oduun gamasii bayaa jiru ni mirkaneessa. Daandii Shaashamannee gara Finfinnee geessu irratti konkolaattota qabeenya Woyyaanee ta’an ibidddaan barbadaayaniiru.

Ummata mirga isaaf dubbachuuf daanditti baye irratti tankaarfii humni Agaazii fi feederaalaa fudhateen jirattota godinichaa irra gaaga’amni gayee jira: namoonni heddu madaayuu fi hidhamuun beekameera. Tankaarfiin Agaazii fi humni Federalaa fudhataa jiru hangamuu cimaa ta’us  hanga ammaatti ummata ukkaamsuu fi jilbiiffachiisuu hin dandeenne.

Godina kanatti, wolitti bu’iinsi kan uumame ummataa fi Agaazi jidduu qofattii miti. Humni tika nageenya naannoo ifatti humna Agaazii irratti dhukaasuun barameera. Dhukaasa taasifameen gama hidhattoota godinichaa fi humna Agaazii irras namni heddu du’aniiru. Wolworaansa humnoota mootummaa hidhachiise jidutti ta;e kana dhimma qaama biraan wolqabsiisuuf Geetaachoon yoo dhama’u mu’lateera. Dhugaan jiru ammatti kan mootummaa kana baadhachuu dadhabe ummata qofaa miti. Hidhattoota motummaattis ba’aan mootummaa kanaa hedduu ulfaateera. Kanan kan qawwee isaanii gara Agaaziitti deebisaaniif. Kuni kan addeessu qabsoon Oromoon baatii sadiif itti jiru boqonnaa haarawa seenuu isaati. Qabsoon kuni cimee itti fufe taanaan, gara funduraatti waan akkanaa bal’inaan arguu fi taajjabuuf deemna.

Fincila ummata dhaamsuuf jecha mootummaan Worqinaa Gabayyoo gara Shaashamanneetti ergus namni jalaa dhagaye tokko hin turre. Dhugatti ummanni wanti angawoota OPDO woliin dubatu, dubbatus deebiin argatu tokko hin jiru. Hin jirra ufiin haa jedhan malee, angoon xiqqoon dur qaban sunii fi Oromiyaan harka OPDOtii erga baatee bubbulteerti.

Sochiin ummataa godina Arsii Lixaa kan isaan yaachise Ameerikaan, Noorweeyii fi Finlaand lammiileen isaanii garasitti akka hin bobbaane akeekkachiisanii jiru.

Qabsoon Oromoon itti jiru torbaan kana keessa babala’teeti kan itti fufaa jiru. Godina Harargee keessatti ummanni Guraawwaa, akkuma kaleessaa, daanditti bayuudhaan sagalee mormii guddaa dhageessisaa jiru. Ummanni kumaatamatti laakkayamu hiriira nagaan daandilee Bulee Horaa dhiphisaa jiru. Magaalaam Harojiis, wollagga keessa, diree fincila diddaa gabrummaa taateeti kan oolte.

Mootummaan bakkuma kaleessaa jira: sochii ummataa xiqqeessuu fi gurrachessuu. Geetachoo Raddaa kan guyyaa muraasa dura sochiin ummata oromoo guutummatti dhaamuu labse, amma gadi bayee qabsoo ummata godin Arsii Lixaa wolitti bu’iinsa ummataa fi amantaa fakkessuuf yaaleera. Wanti gaariin, sa’aa kanatti, namni isa dhaggeeffatuu fi olola isaa dhugaadha jedhee fudhatu kan hin jirre ta’uu isaati.