Godina Arsii Lixaatti ummanni eboo fi albeen woraana Woyyaanee afoo dhaabataa jira

Magaalaa Dodolaatti qabeenni lukkee Woyyaanee woraana Agaazii nyaachisaa fi daandii itti argisiisa ture ibidddaan barbadaayeera.

Godinni Arsii Lixaa ammas too’annaa mootummaan ala jira; humni Agaazii kallattii hundaan isa marsus. Ummanni fardaa lafoon, xiqqaa guddaan osoo hin hafin kan daanditti bayee. Eboo fi albee qabateeti kan gootummaa addaatiin mirga, haqaa fi qe’ee isaa kabajsiifachuuf falmataa kan jiru. Daangaa hanga daangaati socho’uun ummataa, humni Agaazii fi Federaalaa heddu ummata irratti bobba’us, hanga ammaatti godinicha harka ummtaatii baasuu tasa hin dandeenne.

Hiriirri cimaan magaalaa Kokkossaa fi Nageellee Sigaalootti taasifamaa ooleera. Dhukaasni magaalaa Kofalee, Shaashamannee fi Dodolaa irratti baname dirree woraanaa isaani fakkeesseera jedhu jiraattonni. Wanti gaddisiisaan, humni Agaazii kallacha ijoollee fi manguddoo irratti xiyyeeffachuu isaati. Har’as akkuma kaleessaa Dodola, Asaasaa fi Kofaletti lubbuun Oromootaa galaafatamuun beekameera. Kofale fi naannawa isii irraa Garuu Araarsaa, Abdoo Haajii, Galgaluu, Abdoo fi Kaduu Waayyuu; akkasumas Ayyuub Musxafaa (Dodola), Mahadii Saani (Guraawwaa) fi Saafii Ibroo (Guraawwaa) gootota Oromoon guyyaa lamaan kana keessatti dhabeedha. Namoota jannataa isaan haa godhu. Seenaan isaan bara baraaf isaan yaadata.

Godina kanatti toora bilbilaa addaan kutuudhaan ummanni akka wol hin qunnamnee fi odeeffannoon akka hin daddarbine godhutti jira, mootummaan Woyyaanee.

Daandiin hundi, bifa takkaa argamee fi dhagayamee hin beekneen, cufamuu irraa kan ka’e sochiin woraanaa ammas akkuma danqametti jira. Garuu, woraanni hangi tokko konkolataa gurguddatti dhimma bayuudhaan Kofalee, Dodolaa fi Asaasa seenee lubbuu baasuu fi dhiiga dhangalaasuu danda’eera. Daandiin Baatuu gara Shaashamannee, akkassumas inni Asallaa Asaasa geessu banaa ta’uun qaawwala woraanni ittiin ummata seenu uumeera.

Wollagga naannoo Horrootti magaalonni Amuruu fi Aliboo dirree qabsoo ta’aniiti kan jiran. Dargaggoonni Oromoo madaayuu fi hidhamuu hubachuun danda’ameera. Achuma Wollagga keessatti ummanni magaalaa Arjoo fi naannawa isii daandii Naqamtee fi Jimmaan wolqunnamsiisu cufuudhaan maal akka godhuu danda’an lammii isaaniitti agarsiisan; abba-irreetiif ammo ergaa diddaa gabrummaa cimaa fi ifa ta’e dabarsan.

Haragee Bahaatti aanaan Guraawwaa maandhee fincila diddaa gabrummaa akkuma taatettii itti buftee jirti. Magaalaa tanatti namoonni heddu woraana mootummaan ajjeefamuu fi badiin garajabeennaa hamaanirratti raawatamus gara duubatti jedhutti hin jiran. Inumaa jirattoonni magaalaa Doguu too’annaa ufii jalatti galachaniiru.

daandii cufuuUmmanni Amboo fi Gudaris qabsotti deebi’ee jira. Daandileen naannoo Amboo fi Gudaritti argaman bakka heddutti cufamanii tajaajilaan ala taasifamanii jiru. Sochiin Amboo fi naannawa isii kan isa yaachise mootummaan Woyyaanee lammii heddu daandii fi mana isaaniitii guuraa hidhatti darbaati kan oole.

meeshaa woyyaaneeQabsoon Oromoo godinoota hunda keessatti itti jiru firaa fi diinaattis, yaada sammuu namaa fi woraqaa irra ture,  tokko hujiin mirkaneessee jira.  Kunis, hundi altokkoon kaanaan woraanni hangamuu osoo baay’atee fi garaa jabaatee Oromoo jilbiifachiisuu kan hin dandeenne ta’uu isaa. Dhugaan Woyyaaneen hadhaayus liqimsuu qabdu hangamuu yoo hidhattee fi garaa jabaatte Oromoo hunda hidhuu fi ajjeesuu kan hin dandeenne ta’uu isiiti.

Hanga har’aatti, gowwummaa fi gara jabeenna addaatiin kan ummata bulchaa fi samaa turte, Woyyaneen. Hundi daangaa qaba; kan hin beekne isiin garuu. Oromoon ganna hedduuf bifa hamaadhaan danqamuu fi salphina takkaa argee hin beekneef saaxilamuun isaa akka kinniisaatti akka isii idduu fi akka danbaliitti akka isii dhidhimsu taasiseera. Kana booda ummanni kuni ni rafa tarii ni jilbiiffata jettee ni yaaddi ta’a; kan sammuu hin qabnetti silaa wanti hin fakkaannee fi hin mudhanne hin jiruu. Ufiin beekti ykn kan itti himan dhagetti yoo ta’e kan Woyyaanee baasuu fi Maqalettis yoo ta’e nagaan akka jiraattu kan isii taasisu yoo ajjeechaa dhaabde fi woraana ummata irraa kaaste qofa. Ammas akkuma kana duraa Oromoo tuffattee humnatti dhimma bayuu hujii yoo godhate, kan gubatuu fi gaaga’ama biyyattii irra gayuufis itti gaafatamuummaa kan fudhatu eennuuyyuu osoo hin taane Woyyaaneedhuma qofa.  Adeemsa badii, yaalii Oromoo jilbiiffachiisuu fi saba boonaa salphisuu, irraa barachuufis ta’ee toofta jaarraa 21ffaan wolgitu baafachuudhaaf ammas yeroo fi hireenis isii hin dabarre. Garuu, guyyaa guyyaan qadhataa fi dhippataati kan demaa jirtu.

Oromoon woggaa 25f, Woyyaanetu quba hin qabne malee, du’aatiin kan jiraate. Ummanni hallayaa du’aa keessa gangalataa fi daaraa nyaataa as gaye waan sodaatuu fi qusatu tokko hin qabu. Hundi isaanii kana beekuu dadhabuudha kan danbalii kanaan akka rukutaman isaan taasise.

Oromoon salphinaa fi ajjeefamutti xumura laatuu qaba. Kuni kan mirkanaayu qabsoo boonsaa eegale hanga salphina Woyyaanee argutti daran oo’isee itti fufuu qofaan. Kan jiidhe roobaa hin badadu. #Oromoprotests

Kan dhabatetti kooraan hin fe’amu, jedhe Mahatammaa Gaandii.