Gamtaan Awurooppaa labsii kootaa baqattootaa ifa godhe

Baqattooni hedduminaan Awurooppa seenanis daangaa cufuu irra isaan simachuun ardii Awurooppaaf bu'aa qabeessa, jedha Komishinariin Gamtaan Awurooppaa

Gurri oduun baqattoota Sooriyaa irraa gara Awurooppaatti ce’anii hinseenne, ijji gidiraa baqattoota Awuroppaa seenuuf yaalii godhan irra gayu hinargine jiraa laat? Oduun gaddaafi shororkaa nuqaqqabaa kan ture foddaa televiziyoonaa keessaan qofa osoo hintaane gama toora intarneetaanis osoo hinhafin.

Kan rakkatee fala dhabe waa hinsodaatu, du’a irraas duubatti hingugatu. Danbaliin baqataa, takka osoo wolirraa hincitin,  tibbana ardii Awurooppaa rukutaa turee kanuma mirkaneessa; dhalli namaa yoo abdii dhabu mtankaarfii maal akka fudhatu agarsiisa. Lubbuun ummata Sooriyaa bakka heddutti kan qormaata ciccimaan wol-afoo dhaabbatte. Jalqabatti namoonni kuni kanniin mootummaa Asaadiifi garee ISIS jalaa miliqaniidha. Luubbuu ufiifi kan maatii qabatanii biyyoota ollaa kanniin akka Turkiifi Libaanosii seenuun hiree addaati; lammiin Sooriyaa heddu kana argachuuf hinmilkoofene. Imala lammaffaa irratti, ummanni kuni, doonii itillee diriirfamte irra woyyaa hinqabneen galaana Mediteraaniyaanii qaxxaamuranii Griik gayuun isaanii carraa addaati. Kan hedduu nama dhibu, du’a miliqanii ardii Awurooppaa erga seenaniis rakkon ummata kanaa furmaata waaree argachuu dhabuu isaati. Daangaa biyyoota hedduu irratti (Griikii hanga Hangaariitti) gufuun isaan dhahaa, shiboon dalla daangaa isaan qabaa, nyaataafi bishaanis dhabaati kan miilaafi baaburaan gara kaabaatti imalaa jiran.

Baqattoonni ardii Afrikaa Handaara Saharaa gadii irraa ta’anis (Oromoo dabalatee) rakkoodhuma wolfakkaataa keessa dabraa jiru. Iumaa kan isaanii yoo hammaate malee waan fooyya’iinsa qabuu miti. Addaaddummaan xiyyeeffannaa irratti.

Baqattoonni rakkoo ciccimoo kana hunda keessa darbanii ardii Awurooppaa irra yooejjatan kan simataman ummata harka badhatuufi fuula toluun miti. Rakkoo guddaafi haala wolxaxaa ta’etu jira. ta’us, rakkoon baqattoota ykn koolugaltoota simachuu rakkoo ta’ee kan mul’ate biyyoota hundaafi sadarkaa hundattii miti. Akkuma biyyoonniifi dhaabbileen siyaasaa tokko tokko argaa baqattootaa hinfeene, keessumaayyuu isaan ardii Afrikaa irraa dhufaniifi baqattoota amantaa Islaamaa hordofan; Gamtaan Awurooppaa fi Jarmaniin baqattoota simachuuf fedhiifi qophii guddaa akka qabaniidha addunyatti kan himaa jiran. Waan gaariifi kan hedduu jajjabeeffamuu qabuudha.

Woggaa kanatti yoo xiqqaate baqattoota 500,000 ta’an kallattii hundaan daangaa cabsanii ardii Awurooppaa irra quphachuu isaniitu himama. Laakkofsi baqattootaa akkas baay’achuun angawoota Awurooppaa hedduu kan rifachiisuufi daangaa isaanii gara kaluutti kan isaan geessu jedhamee sodaatamaa ture. Kan ta’aa jiru garuu faallaa kanaati. Komishinariin Gamtaa Awurooppaa, Jeen-Klaawud Yunker,  guyyaa kaleessa kan labse jibbitoota koolugaltootaa kan mataa lafa laalchisu, kanniin mirga koolugaltootaaf dubbataan ykn simachuu fedhii qaban kan gammachuun utaalchisu ture. ‘Awurooppaan ardii dulloomaa jirtu,’ jedhe Jeen-Klaawud Yunker. ‘Godaansi ummataa akka rakkootti ilaallamuu irraa gara akka qabeenyaatti fudhatamuutti geeddaramuu qaba.’ Komishiniin Awurooppaa seera haarawa godaansa ummataa gara ardii Awurooppaatti jajjabeessu jalaqa bara 2016 irratti akka labsuudha kan eegamu. Seera haarawa bayu kana jalatti baqattoonni meeqa akka simataman wanti ifa taasifame hinjiru. Garuu laakkofsa guddaa ta’uu akka maluudha kan tilmaamamu. Komishinarichi, ob. Yunker,  koolugaltoota siyaasaa qofa osoo hintaane baqattoonni hiyyummaa dheefa (hujii barbaacha) gara Awurooppaatti dhufanis keessummeeffamuu akka qaban jala sarareera.

Ob.Jeen-Klaawud Yunker seerri Woliigaltee Dabliinii jedhamuun beekamus foyya’uun isaa akka hinoolle akeekaniiru. Woliigalteen Dabliinii baqattoonni biyya jalqaba seenaniin latti biyyoota Awurooppaa keessa deddeemaa koolugaltummaa akka hingaafanne kan daangessuudha.

Baqattoonni gara Awurooppatti dhufan gara biyyoota Awurooppaa hundatti bifa madaalawaa ta’e tokkoon kan tamsa’anii miti. Hedduun isaanii kan quphatan dachiidhuma jalqaba gara Awurrooppatti yoo dhufan irra ejjatan Xaaliyaaniifi Giriik keessa. Ammas hedduun isaanii kan fuulLeffatan gara Jarmaniitti. Kuusamiinsi baqattootaa, bifa madaala dabseen, biyyota muraasa keessatti ta’uudha kan Gamtaa Awurooppaa fi Jarmanii mataa dhukkubsaa jiru. Rakkoo kanaaf akka falaatti kan kaayame dhimma kootaati: baqattoota bakka itti heddummaatanii gara laakkofsi isaanii xiqqaa ta’etti geessuu.

Akka labsiin Gamtaa Awurooppaa haarawaa kanatti biyyoonni miseensa Gamtichaa ta’an hundi baqattoota isaaniif ramadaman fudhachuuf dirqama qabu. Dirqamni kuni kan hin ilaallanne Hangaariidha. Britaaniyaanis dhimmi kootaa kuni kan isii hinilaallanne ta’uu labsiteerti. Kan achirraa hafan dirqama qabu. Biyyi dirqama Gamtaan Awurooppaa irra kaaye kana fudhachuu didan ni adabamu: dhibbeentaa 0.002 GDP biyyattii. Biyyi kootaa isiif ramadame simatte mataa mataa baqataa fudhatteen Euro 6,000 aragatti, akka labsii Gamtaatti.  Haala kana mijeessuuf Gamtaan Awurooppaa naannoo Euro Biliyoona tokkoo lafa kaayeera.

Akka labsii kootaa haarawaatti baqattonni 120,000 ta’an greek, Xaaliyaaniifi Hangaarii irraa gara biyyoota birootti raabsaman. Laakkofsi kuni kootaa baqattoota 40,000 baatii Caamsaa dabre ifa taasifame hindabalatu.