Galiin Itoophiyaan woggoota shanan alergii irraa argatte karoora GTP I gadi ta´uun beekame

Bunni ammas madda galii alergii Itoophiyaa guddicha

Itoophiyaan woggoottan shanan darban keessatti galiin alergii irraa argatte hedduu waan Karoora Guddinaafi Transfoormeeshinii (GTP I) keessatti qabameen tasa kan wolhinginne ta´uun isaa hubatame. Faaydaan arelgii irraa woggoota shanan darban argame hedduu waan eeggamee gadi, akka gabasa Capital itti.

Galiin gurgurtaa meeshaalee biyyoota adda addaatti ergame irraa bara kana argame isa bara darbeen yoo wolbira qabamu %8.1 hir´ina argisiiseera. Itoophiyaan bara 2014/15 alergii irraa dimshaashumatti kan argatte Doolaara Ameerikaa (DA) biliyoona 3.25. Egaa galiin kuni %59.5 waan karoorfamee tureeti. Irra jireessatti galiin kuni kan argame alergii omisha qonnaa, qabeenya uumamaafi omisha wolrshaalee irraa ta´uunis beekameera. Faaydaan Itoophiyaan alergii irraa argatte bara 2011 hanga 2015ti wolduraa duubaan DA biliyoona 2.7, 3.1, 3.08, 3.25 fi 2.99 ture. Hundi faaydaa argamee hedduu karooraa gadi ture.

Galiin alergii raawwii karooraa guutuu kan dadhabeef sababa gara garaatiif. Irra jireessatti dhabamiinsi qindoominaa, hir´inni soriyaa omishaa, hir´inni humnaafi cimaa dhufuu woldorgmmii gabaa addunyaa rakkoolee ijoo ta´uu isaanii ministera daldala biyyattii wabii godhachuun Capital gabaaseera.

Biyyoota alergii Itoophiyaa bitan

Woggoottan lamaan dabran hedduun meeshaa ykn omisha Itoophiyaa ergamaa kan ture gara Chaayinaatti. Chaayinaan meeshaa gatii doolaara Ameerikaa miliyoona 377.8 itti shallagamu kan Itoophiyaa irraa bitte. Kuni %12.6 galii Itoophiyaan alergii irraa argattuudha. Biyyoonni meeshaa Itoophiyaa irra baayinaan seensisan wolduraa duubaan, Chaayinatti aananii, Somaaliyaa (%9.8), Jarmanii(%7), Saúud Arabiyaa(%7) fi Nezerlaand(%6) ta´uunis beekameera. Alergii Itoophiyaa %5.8 itti tilmaamamu kan bittu Ameerikaadha- sadarkaa 7ffaa. Wolumaa galatti, %40 meeshaalee alergii Itoophiyaa kan bitan biyyoota ardii Aaziyaati. Ardii Aaziyatti irraa biyyoota 36 kan meeshaalee Itophiyaa seensisan. Ardii Awurooppaa irraa 37 yoo %18.9 alergii Itoophiyaa kan gurgurame gabaa biyyoota Afrikaa adda addaa keessatti.

Madda galii alergii Itoophiyaa

Muummee meeshaalee biyya alaatti Itoophiyaan ergituu kan jiru buna. Bunni ammas madda galii alergii biyyattii guddicha akkuma taétti itti fufeera. Bara 2014/15 baay´inni buna biyya laatti ergamee hir´ina argisiisus faaydaan argame ammoo dabaleera. Kunis kan ta´eef gatiin bunaa gabaa addunyaa irratti waan ol ka´eef. Bara kana biyyattiin buna toonii 183, 840 gara alaatti erguudhaan galii DA miliyoona 780 argatte. Bunni Itoophiyaa hedduminaan kan ergamu gara Jarmanii (%18.1) fi Su´uud Arabiyaati (%16.7). Bunni Itoophiyaa gara Ameerikaa, Jaappaanii, Beeljiyemiifi Faransaayittis baayinaan kan ergamu ta´uun beekameera. Bunni Itoophiyaa %85.1 kan gurguramu biyyoota 10 keessatti.

Meeshaaleen alergii Itoophiyaan galii heddu irraa argattu kanniin biroo ammoo saliixii, nuugii, abaaboo, boloqqeefi jimaadha. Itoophiyaan bara kana DA miliyoona 504 gurgurtaa saliixii irraa argatte. Irra jireessa saliixaafi nuugii Itoophiyaa kan bitte Chaayinaa turte.

Daldala boloqqee irraa biyyattiin bu´aa DA miliyoona 220.3 kan argatte yoo ta´u omishni kunis kanas hedduminaan kan bitan Hindiifi Paakistaan. Faaydaan boloqqee irraa argames isa bara dabreen yoo wolbira qabamu %12 gadi bué.

Maddi galii alergii biraa daldala abaabooti. Abaaboo Itoophiyaa %81 kan bittu Nezerlaand yoo ta´u bu´aan DA miliyoona 203 argameera. Gabaan guddaan jimaa Itoophiyaa Somaaliyaa (%80) fi Jibuutii (%17.7)dha. Jimaa Somaaliyatti ergame irraa Itoophiyaan DA miliyoona 217 argachuu dandeetteerti.

Gama biraatiin faaydaan omisha gogaa irraa bara kana niargama jedhamee eegame kan ture DA miliyoona 500 ture. Dhumarratti kan argame garuu DA miliyoona 131.5 ta´uun hubatameera.

Faayadan albuuda iraa argamus gadi bu´aa dhufuun himameera. Keessattuu alergii worqee irraa faaydaan biyyattiin hir´ina guddaa mul´iseera.