Gaafa Woyyaaneen tooftaa keennatti gammadde tooftaa keenna bira rakkoon jira jechuudha

Hiriirri amma adeemaaru ajjeechaan akka nurraa dhaabatuuf kan yaadame ta’us, hiriirri kun geggeeffamuu isaattii, hunda caalatti, kan gammade TPLF/Woyyaaneedha. Woggaa 2 dura qaamni akka Woyyaanee hiriira Oromiyaa keessatti geggeeffamu balaaleffataa ture hin turre. Balaaleffachuu qofa osoo hin taane daandii irratti humna Agaaziin nu ajjeesaa turan. Har’a, Woyyaaneen hiriirichatti gammaduu qofa osoo hin taane Finffinnee keessattis hiriirri akka geggeeffamuuf waamicha godhaarti.

Hiriira nuti geggeessinutti maaltu akkas Woyyaanee mirqaanse? Hundi uf gaafachuu qabna. Wanti tokko ifa. Woyyaaneen hiriiratti kan gammaddeef dantaa Oromoof yaaddee akka hin taane beekamaadha. Woyyaaneen kufaatii Oromoo malee milkii isaa, dhumaatii keenna malee naga keenna hin feetu. Qorannoon addaa nu hin feesisu. Gammachuu fi mirqaanni Woyyaanee waa’ee tooftaa qabsoo nuti hordofaarruu waan nutti himu heddu qaba. Kaayyoon nuti hiriiraarruuf dantaa Woyyaanee tiksuuf ta’uu dhabuu baatus, hiriira kana keessaa faayadaan Woyyaaneen haamataa jirtu jira. Maddi gammachuu fi mirqana isiis kanuma.

Karaa Somaaleetiin kan nu waraane horsiisee bulaa Somaalee miti. Karaa Beenishanguliin kan waraana nutti labse qoteebulaa Gumuz akka hin taane ifa. Kallattii hundaan kan nu dhiigsaa jiru Woyyaaneedha. Wooyyaanneen nu waraantus, har’a mitii, yeroo ganna 27f aangoo irra turtee sanyii Oromoo lafarraa dhabamsiisuu hin dandeenne. Har’as, akka nu hin fixne beekti. Kaayyoon isiis isaa miti. Kaayyoon isii tuttuqqaa daangaan walnuficcisiisu, tokkummaa Oromoo dhabamsiisuu, Oromiyaa hookkara keessaa hin baanetti seensisuu fi Oromiyaa nuti ittiin dhaadannu dachii barabaraaf hiyyummaa fi doofummaa keessatti haftu taasisuudha.

Gaafa qabsoo/hiriira geggeessinu irratti diinni mirqaane/gammade bakka wayiitti rakkoon ykn dogoggorri jira jechuudha. Dogoggorri jiru dogoggora yeroo eeggachuu dhabuu ykn tooftaa fi tarsiimoo rakkoo qabu baafachuu ta’uu mala. Garuu, diinni waamalee akkas hin mirqaanu. Manni ibidda malee hin aaru. 

Tarsiimoon akka heerregaati. Miiraa fi mirqaanaan laakkofsa argan itti darbaa deebii sirrii argachuun tasa hin yaadamu. Tarsiimoo miiraan masakamuun qabsoo geggeessaarra. Waldhagayuu fi waliif hoogganamuuf rakkataarra. Yeroo eeggachuun hin jiru. Obsi bakka hundatti hanquudha. Yeroon keessa jirru garuu yeroo yoomiyyu caalatti tarsiimoon, bilchinni siyaasaa fi obsi itti barbaadamu. Waraabessi du’eera kan jettee yaaddu irra deebi’ii haala siyaasa naannichaa xiinxaalli. Waraabessi ni madaaye. Nuti faffacaanaan, funyoon tokkummaan keenna furannaan jeedaltis nu nyaachuu irraa uf duuba hin jettu.

Kiyyoo diinaa keessa seenaa jiraachuu keenna baruuf hagana fagaannee deemuu nurra turee? Haga diinni ifatti gammadee ililfatu eeguun nurra eegama turee? Waa’een tarsiimoo qabsoo kana boodaa hayyootaa fi hoogganootaaf osoo dhiifamee. Karaa miiraan saqannu osoo hin taane karaa hoogganootaa fi hayyoonni kaayan osoo hordofnee akka sabaatti fayyadamaa taana. Hunda caalatti akka saba hayyoota, hoogganoota, manguddootaa fi abbootii Gadaa hin qabneetti miiraan fiiguu osoo baannee. Saba kanatti diinaa fi gufuu heddutu jira. Rumicha heddutu kufaatii keenna eeggataara. Haala rakkisaa kana keessatti Oromoo kan ceesisu tarsiimoo bilchaataa hordofuu qofa. Akkuma argine fiiguun diigumsatti nu geessa. Afaan diina nu buusa. Gubataa fi gidiraa jaarraa olii irraa hin barannee?