Gaafa mootummaan garajabeenya filannoo godhate, Oromoon injifate

Garajabeenyi mootummaa kan ragaa bayu, sirnichi sodaachuu fi hollachuu isaati

Hiriira mormii nagaa jiraattonni Harargee Dhihaa geggeessaniin lubbuun Oromoo jaha harka humnoota mootummaatti bifa suukkanneessaa ta’een galaafamateerti. Abdulhakiim, Muusaa Hasan, Yaassinoo Abdallaa, Ahmadii fi Abdallaa Hasan Oromoota guyyaa kaleessaa wareegamaniidha. Gocha badii fi reebicha guyyaa kaleessaa jirattota naannoo Mi’eessoo fi Asaboot irratti raawwatameen namoonni heddu hubamuu fi hidhamuunis beekameera.

Sirnicha dhiigni macheesseera. Isa ajaja ajjeessuu dafee hujii irra oolchu malee kan lafarra harkisu hin qabu yeroo itti keessummeessu. Abdallaa Mahaammad Ibroo, komaandariin poolisii naannoo Mi’eessoo, ummata nagaatti dhukaasee ajjeesuu tole jechuu dide. Gatiin inni kaffale: Lubbuu qaalii isaati. Gootummaa isaaf Oromoon ni galatoomfata; seenaanis yoomuu isa yaadata.

Sirnichi abdii kutatee garajabeenya filannoo taasifate

Ajjeesuu qofaa miti kan woraanni mootummaa yeroo ammaa irratti bobba’e. Ajjeechaa suukkanneessaa fi ukkaamsaa addaati kan jiraattota Mi’eessoo fi Asabooti irratti guyyaa kaleessaa raawwatame. Garajabeenni yeroo kanatti daangaa ce’eera: Kallacha irra rukutuudhaan kan ijoollee Oromoo lafa qabsiisaa jiran. Ajjeessuun akka waan isaan hanqatee nama du’e irratti rasaasa 20 rooobsuun reeffa tortorsu. Garajabeenna Oromoo irratti raawwatamaa jiru Oromoonis, addunyaanis argaa fi dhagayaa jiraachuu mootummaan kuni sekendiifis hin qabu dagachuu. duguuggii sanyii mi'eessoo

Oromoon xiiqii yeroo dheeraa qabaachuu fi ganna 25’f gaddaa, hara’a boru jedhaa, jiraachuu mootummaan quba hin qabu ture. Ija tuffiin saba kana ilaaluu fi madaalli dogoggoraa irra kaayatiin kan hanga har’aa jiraatan. Eebjuunis ibiddi sadarkaa kanaa nutti qabata jedhanii hin eegne; ibiddi dhufaa jiraachuus hin argine ture.

Oromoon mirgaa fi haqa isaa kabajsiifachuuf kakatee, ni moonaa dhadannoo godhate. Dantaa Oromoo tiksuu fi gaafii isaa karaa nagaan deebisuun inuma danda’ama ture. Waan guddaa xaxaa qabus hin turre. Kan argutti jirru ammas mootummaan ajjeesuu fillannoo godhachuu isaati. Kan ajjeesaaran Oromoo ta’uu qajeelatti hubachuu qabu, garuu. Ajjeechaa fi shororkaan Oromoo baatii lamaa oliif mataa olqabatee dhaabate; mataa gadi hin qabachiisu, hin jilbiiffachiisu. Gochi mootummaa garuu, sirnichi hollachuu fi sodaachuu isaati kan nutti argisiisu. Sa’aa kanatti kan Oromoo irraa eegamu, sochii isaa cimsachuu fi funduratti tankaarfachuu qofa. Aanan dhangala’e; dubbiin dur boora’e.