Funduratti malee duubatti; injifachuu malee jilbiifachuun Oromoo irraa kana booda hin eeggamu

Mootummaa rasaasa nurratti roobsuu fi ololaan nudhamaasu obsa, murannoo, tooftaa fi gootummaa Oromoon irra aanuudhaan bilisummaan wolitti bayuu ni dadeenna. Oromoo dhaabate humni jilbiiffachiisu tokko hin jiru.

Yoo Qeeroon Oromoo iddoo hundatti ajjeefamu, adamsamuu fi dhiigni saba keennaa bakka hundatti dhangala’u argina. Kuni waan hedduu gaddisiisaa fi qaanfachiisaadha. Gochi fokkisaa fi suukkanneessaan akkanaa jaarraa kanatti qaama mootummaadha ufiin jedhuun mitii bineensa bosonaatiinuu nama irratti hin hojjatu. Gara jabeenni Woyyaanee kuni hundi kan maddu fedhii fi murannoo isaan nama 50n mataa Oromoo miliyoona 50 irra taa’uuf qaban irraati. Nutis egaa, fedhii fi murannoo jilbiiffannee namoota 50 mataa irratti baadhannee hin jiraannu jedhu qabaachuu qabna.

Baatii afran darban keessatti kana ifatti jenneerra. Imala gara gaara bilisummaatti goonu eegalleerra. Imala daandii bilisumama kana irraa duubatti nu deebisuuf kan miila nu harkisu heddu. Dhugatti gufuun tabba bayuu nu dhoorgu tokko hin jiru; qawwee Woyyaaneen alatti. Amma sunis, galata jagnoota Qeerroo Oromoo, danqaa guddaa fakkaatutti hin jiru. Sochii hanga ammaatti ta’een gootota ajjeefaman awwaalataa fi kan rasaasa diinaan rukutaman wol’aantaa muummee gaara bilisummaatti kaloofnee jirra.  Kana booda humni kamuu tabba bayuu irraa nudhaabu hin qabu.

Qabsoo baatii afuriif geggeefame irratti Woyyaaneen Agaazii, taankii fi xayyaara isii bobbaastee gocha garajabeennaan Oromoo cabsuuf yaalteerti. Yaalii fi carraqqiin isii hundi irree Oromoo cabsuu fi saba kana jilbiiffachiisuu tasa hindandeenne. Ololli bal’aan takkaa osoo addaan hin citin halkan-guyyaa nurratti roobsames nu hin dhamaasne; gaafii keenna akka gannu nu hin taasisne. Yaaliin isiin qabsoo mirgaa fi haqaa amataa fi sabootaan wolqabsiisuuf goote bu’aa tokko isiif hin argamsiisne. Dhiiroo, kana booda humni addaa Woyyaaneen bobbaastuu fi tooftaan isiin dhimma itti baatu tokko hin jiraatu.

Gara laafina Woayyaanee osoo hin taane tokkumama fi murannoo saba keennaattu bakka amma jirruun nu gaye: gatii heddu kaffallee fi qormaata ciccimaa hunda irraa aanneeti kan har’a geenne. Gootummaa Oromoo fi gatiin inni kabajaa isaa deeffachuuf kaffalaa jiru saboota hundaa fi guutuu hawaasa addunyaa kan raajeedha. Bifa kanaan itti fufe taanaan Oromoon akka salphatti sirna Woyyaaneetti xumura laatuu kan danda’u ta’uu isaati kan guutuun addunyaa sa’aa kanatti iratti woliigale.

Kuni akka ta’uuf deemu amanuus ta’ee dhagayuu kan hin feene Woyyaanee qofa. Kanumti hanga ammaa ta’ee hedduu isii yaachise, rifachiisee, fincaan fixachiise. Hunda caalatti, duruunfattee ijolle fi manguddoo ajjeesuun alatti, maal akka gootu isii wollaalchise. Woyyaaneen hollattee fi fincaan qabachuu dadhabde arguu hedduu nama ajaa’ibuu hin qabu. Irreen Oromoon argisiisutti jiru, dhugaa dubbachuuf, Woyyaanee mitii gaaras kan sochoosuudha.

Oromoon dhiibee-dhiibee muummetti kalaayeera; iddoo Malcolm Gladwell ‘tipping point’ jedhu sani. Nuti iddoo san irraa fagoo kan hin jirre ta’uu eennuunuu caalatti kan beektu Woyyaaneen iddoo san nu hanqisuudhaaf boombiin nutti hin darbanne, dhagaan nutti hin garagalchine; wolumaagalatti humni isiin hin bobbaafne tokko jiraachuuf hin deemu. Kuni wolsodaachisuu fi hamilee wolii rukutuuf osoo hin taane maaltu akka dhufuu malu beeknee bifa kanaan itti qophayuun nurraa waan jiraatuuf. Dursanii fagotti arguu fi waan dhufuu malu akka gaaritti tilmaamuu qofaan kan injifannoo harka keennatti galfachuu kan dandeennu. Tarsiimoo keenna yeroo yerotti geggeedarachuun dirqii ta’a.

Sa’aa kanatti, waanuma fedheen yoo gadi baate, tabba bayuu fi bakka qalbiin hunda keennaa jirtu gayuu irraa Woyyaaneen nudhaabuu akka hin qabne ufitti himuu fi wolitti himuun dirqama Oromoo hundaati. Haa hubannuu: yoo tabba baane qofa kan gabroomuu fi saamamuu; tuffatamuu fi dhiitamuu; ajjeefamuu fi hidhamutti xumura laannu. Qabsaayaatu jiraachuunis jiruu akka hin taane beekuu qabna. Egaa, gootummaa eegalleen qabsoo eegalletti xumura haa goonu jedha.