Filannoof baatii 9tu hafe. Hegereen Finfinnee maal ta’uuf?

Finfinnee fi hegeree isii

Filannoo ifaa fi walaba ta’e geggeessinaan  Finfinneen gara Baaldaraas/ABN deemuuf; sanuu kan yoom akka deebitu hin beekamne.

Filannoon biyyoolessaa woggaa dhufu baatii Caamsaa keessa geggeeffamuuf deema. Filannoon yeroo isaa eeggatee geggeeffamuun, haalli siyaasa biyyattii rakkisaa ta’uyyuu, gaarii ta’uu mala. Garuu, filannoon dhufaaru kuni Finfinnee, handhuura Oromoo, dachii goonni/Qeerroon meeqa wareegameef, akka laayyotti dabarsee alagaaf  laatuu mala. Oromoon Finfinnee ABN fi Baaladaraaf dabarsee laatuuf qophiidhaa? ODP fi paartileen siyaasaa Oromoo hundi kasaaraa maqaa filannoon nu mudatuu maluuf uf qopheessuu, tarsiimoo dantaa sabaa Finfinnee irratti eegsisaniin ammumaa diriirsuu qabu.

Qaamota ‘filannoo, filannoo, filannoo’ jedhan keessaa inni tokko, tarii guddichi, Iskindirii fi Baalaadaraa isaati. Iskindirii fi gareen isaa waa malee ‘filannoo, filannoo, filannoo’ hin jenne. Sababa quubsaa qabu. Filannoon dirree isaan akka salphatti goolii heddu irratti nutti laakkofsiisan ta’uu qajeelatti beeku. Kun nu jalaas dhokachuu hin malle.

Sababni isaan filannoo jedhaniif, tokkoffaa, laakkofsi Amaara Finfinnee keessa jiruu, kutaalee magaalaa/aanaalee hunda keessatti guddaa waan ta’eef filannoon ulaagaa dimokraatawaa isa bu’uuraa guutu  geggeeffame taanaan akka salphatti Finfinnee keessaa alatti akka nu ari’atan beeku. Kana Iskindirii fi kittillayyoonni isaa takkaa iccitii hin goone. Magaalaa Finfinnee irratti moo’achuu farrootaa kan mul’isu  hunda caalatti caalmaa laakkofsaa (demographic advantage) qabaniidha. Amaarri kutaa magaalaa Finfinnee 5 keessatti 50% oli. Kutaa magaalattii 2 biraa keessatti ammoo 40% oli. Kutaa magaalattii 5 irratti kophatti, 2 irratti ammo deeggarsa muraasa saboota bicuuu irraa argannaan akka salphatti kutaa magaalatti 7 dhuunfatu. Isaan hafan keessattis carraa moo’achuu gaarii kan qabu isaanuma. Kutaan magaalaa Finfinnee Oromoon keessatti baay’atu Aqaaqii-Qaallittiidha. Aqaaqii-Qaallittii keessattis yoo ta’e laakkofsi Oromoo 37% hin caalu. Kutaalee magaalaa Finfinnee 7 keessatti laakkofsi Oromoo 20% gadi.

Lammaffaa, sodaa Oromoon magaalattii nurraa fudhachuuf ykn Oromsiisuuf deema jedhu guddatu warra Amaaraa bira jira. Magaalattii barabaraaf ‘Amaara, Amaara’ akka jettuuf xiqqiin hojjataaru. Sochiin sabboontonni Oromoo aadaa, seenaa, afaanii fi laakkofsi saba Oromoo magaalaa Finfinnee keessatti akka dabaluuf hawwan ykn yaalan hidda akka hin godhanneef carraaqqiin gama kaaniin jiru salphaa miti. Wanti hojjatamaaru hundi ifattii miti. Isa mul’atu irra wanti dibame, keessa keessaan hojjatamaaru heddu. Foolliin Oromoo magaalattii keessaa akka hin urgoofe, aadaa fi afaan sabichaa akka hin mul’anne godhuuf hawwuu/hojjachuu irratti Baaldiraasii fi qeesonnis yaada walitti dhiyaatu qabu jechuun ni danda’ama. Ol’aantummaa laakkofsaa, aadaa, afaanii fi siyaas-diinagdee barootaaf ijaratan harka isaanii tursiisuuf fiigicha addaatti jiru. Shirris, biyyaa fi biyyaan alattis, xaxamaara.

Haala rakkisaa kana keessatti, bakka Oromoon Finfinnee keessa jiraatu xiqqaa ta’etti, ammas irree siyaas-diinagdee tokko hin horannetti, dirree filannoo alagaaf mijataa ta’e seenaarra.  Woshaadoon seenaarru kun Finfinnee woggaa hedduuf nu harkaa baasuu mala sodaa jedhu qaba.  Finfinneen yoom teenna taatee beekti jechuu maltu.   Injiinar Taakkalaa Uumaa Oromoof waan raajii hojjate hin qabu. Ta’us garuu, bulchaa Finfinnee ta’uun isaa  qofti mar’umaa alagaatti ibidda qabsiise; yaaddoo guddaa keessa isaan seensise. Taakkalaan ykn namni Oromoo Finfinnee irra turuun isaa Oromoof hiika guddaa qaba. Madda abdiiti: boru tan caaltu ni dhuftii, dhawaataan Finfinneen harka Oromootti ni galti waan jedhu uuma. Abdiin kophaa isaatti waan guddaadha. Dukkana arguu irra ifnana argutu caala. Finfinnee ABN fi Baaldaraas too’atamuun hamilee Oromoo cabsuun isaa waan gaafii keessa seenuu miti. Waaqni isaan haa hoongessu!

Haalli Finfinnee rakkisaadha. Yeroo hamatti, qophii gahaa osoo hin godhin, filannoo seenaarra. Filannoo jedhaa saamicha sagalee irratti bobba’uun faallaa hawwii sirna dimokrasii ijaaruuti. Filannoo ifaa fi walaba ta’e (fair & free election) geggeessinaan ammoo Finfinneen gara Baaldaraas/ABN deemuun isii waan hin oolle; sanuu kan yoom akka deebitu hin beekamne.

Akkuma gara gubbaatti ka’e, kutaan magaalaa/aanaan Finfinnee laakkofsi Oromoo keessatti 37% caalu tokko hin jiru. Haala amma siyaasni biyyattii itti taphatamu kana keessatti Amaaraa mitii Guraageen Oromoof sagalee ni laatti jedhanii eeguun uf gowwoomsuu ta’uu mala. Hundi dirree filannoo seenuu kan qabu laakkofsa saba isaa hedateeti. Yeroo kanatti kan kaasus, kan kuffisus lammii ufiiti.  As biratti saba Amaaraa fi Guraagee biraa kaadhimamaan Oromoo sagalee tokko hin argatu jechuu kiyya akka hin taane haa hubatamu. Kan jedhaa jiru sagalee ykn deeggarsi moo’ataa nama taasisu, paarlaamaa nama seensisu alagaa irraa hin argamuudha. Biyya siyaasni sarara sabaa hordofee baqaqe keessatti namoonni akka Dr Abiyyi, Ob Lammaa fi inj Taakkalaa sagalee saba biraa hedatanii dirree seenuun uf gatuu ykn hiree ufii fi hegeree saba Oromootti taphatuudha.  Bakka deeggarsii fi laakkofsi Oromoo amansiisaan hin jirretti, deeggarsi saba biraa boraati yoo ta’een alatti utubaa kufaatii irraa nama baraaru ta’uun isaa mamsiisaadha. Kana keessatti Inj Taakkalaniis ta’ee sabboontonni Oromoo biroo bifa kamiin sagalee gayaa Finfinnee keessatti akka argatan beekuuf nama rakkisa. karaa edaasaan heerregaa sirrii ittiin dhufu arguun ni rakkise. Dur gantuun maqaa Oromoon daldaltu waan ni argatti ture. Bara kana, yoo akka dhaadannaa Baaldaraasii fi ABN, gantuun Oromoos Finfinnee ABN keessatti maandheffate keessatti hiree waan argattu hin fakkaatu. Carraan dhiphoon jiru, yoo paartilee fi kaadhimamtoonni hedduu sagalee walsaamaniidha. Sun qaawwala marfee hulluuquu irra waan salphatuu miti.

Filannoon dimokraatawaa (fair & free election) geggeeffame taanaan carraan farronni Oromoo magaalattii harkatti galfachuu bal’aadha. Kun dachii Miniliik qawween irraa nu ari’e, tan harkatti deeffachuuf Oromoon barootaaf gatii guddaa itti kaffale irbaata farrootaa akka taatuuf qoriidhaan mijeessanii laatuudha. Finfinneen, erga qabsoo hadhaayaan jijjiiramne dhufee booda, harka farroota akka ABN fi Baaldaraasiitti kufuun Oromoof fafa, siyaasaa fi tarsiimoo hordofaa jirruuf ammoo kasaaraadha. Kun akka ta’uuf hayyamamuu hin qabu garuu.

Duratti Oromoon Finfinnee keessaa homaa hin qabu jechuun ni danda’ama. Erga jijjiiramni dhufees wanti addaa uumame, keessumattuu gama laakkofsa Oromoo Finfinnee keessa jiraatuu wolguddisuutiin, wanti hojjatame hin jiru. Wanti hojjatame yoo jiraatee inj. Taakkalaan ummata magaalattii tajaajiluuf ijibbataa godhaa jiraachuu isaati. Ummanni inni tajaajilaaru eloo fi dafqa isaa sagalee gahaadhaan waan kafaluuf natti hin fakkaatu. Siyaasni biyyattii duruu rakkoo qaba. Baaldaraasii fi ABN haalicha daran hammeessaniiru. Jiraattoonni Finfinnee afaan cuqqalatanii kaadhimamtoota Amaaraa (kan dhuunfaa fi ADP/ABN) filcahuun isaanii waan hin oolle. Raajiin yoo tilmaamni kun dogoggora ta’eedha.

Uf gowwoomsuun hin barbaachisu. Dhugaa hadhooftuu ufitti himuun dirqama. Haala amma jiru kana keessatti carraan kaadhimamtoonni (sabboontonni) Oromoo (dhuunfaa fi paartilee bakka bu’an) magaalaa Finfinnee keessatti filatamuu baay’ee xiqqaa; hedduu dhiphaadha. Sagaleen muraasni bulchiinsa asii fi achii argamuu malu magaalattii nama hin dhuunfachiisu. Kana jechuun Oromoon bulchiinsa magaalattii keessaa baatii 9 booda alattii dhiibamuuf deema jechuudha.

Finfinnee keessaa duula filannootiin dhiibamnee baana taanaan miidhaa cimaa, madaa dafee hin fayyine ta’uu mala. Kun Oromoo fi siyaasa isaaf kasaaraa guddaa ta’uun isaa hin oolu. Inni jalqabaa walaalachudha: ebalutu nu nyaachise, ebalutu nu salphiseedha. Kun diigamiinsatti male tokkummaa sabaa cimsutti hin geessu.

Dhimmi Finfinnee dhimma Dr Abiyyi, ODP, ABO, KFO, ODF, ONP, kkf hundaati. Rakkoonis kan hundaati. Falas akeekuu kan qabu hunduma. Filannoo dhufu irratti Finfinneen harkaa nu baanaan qaxxaamurri paartiin tokko Finfinnee harka Oromootti ittiin deebisu jira hin fakkaatu. Qe’ee teenna irratti yoo alagaan taphatu, dachii teenna qoodatu, afaanii fi eenyummaa keenna irra miilaan ijjatu argaa jiraachuuf deman ta’a. Kana nu hin argisiisin Waaqa! Hin ta’u jechuun ammoo hin ta’u. Carraan kun ta’uu jira. Jibbaan Baaldaraasii fi ABN Oromoo fi eenyummaa isaa irraa qaban waan arraba irraa oso hin taane isa dhuka keessaati.

Quba walitti akeekuuf qophayauun tarsiimoo sirrii hin ta’u. Qormaata akka sabaatti nu qormaatuuf deemu kana irra aanuudhaaf paartilee fi hayyoonni Oromoo tarsiimoo fi tooftaa akeekuu, lafa kaayuu qabu. Filannoof baatiin 9tu hafe. Ammatti kan argutti jirru yoo hundi waa’ee barcuma paarlaamaa keessatti argatuu fi sagalee paartiin isaa moo’atuu heerregatu malee Finfinneen harka ABN fi Baaldaraasitti akka hin kufneef maal godhuu qabna waan jedhuuf mala isaan kaayan argutti hin jirru. Oromoo argutti hin jirru.

Waraabessi sabicha nyaatuuf ykn dantaa isaa fudhatuuf yuusaaru kumaa kitila. Rakkoon hooggansa laatuu, qormaata akka sabaatti nu mudatuuf jiruuf dursanii malatuu baay’innaan mul’ataara.