Faaydaalee shunkurtii kanniin beektuu?

Jiraachuun nyaataan gargar hinbayu. Jiraachuuf nyaachuu qabna. Akka gaaritti nyaannaan ammoo jireenya fayya-qabeessa jiraanna; umrii dheeraas qabaanna.

Nyaanni hundi tajaajila wolfakkaataa ykn wolqixa ta’e qaba jechuun hindanda’amu. Sooranni tokko tokko tajaajilli isaa garaa guutuu qofa.  Isaan biroo ammoo faaydaa dhibee namarraa ittisuu, umrii dheeressuufi qaama namaa daran midhaagsuus qabu.

Gosa soorata yeroo heddu nyaannu, kan garuu xiyyeeffannaan guddaan itti hinlaatamne keessaa inni tokko shunkurtiidha. Shunkurtiin, akka hubannaa nama hedduutti, tajaajilli isii nyaatuma urgeessuufi mi’eessuudha. Tajaajilli qullubbii heddu ta’uu ammo hundatu odeessa; dhibee 12f dawaadha yoo jedhamus yeroo heddu dhagayeera.

Qullubbiin fayyaaf faaydaa heddu akka qabdu ummata biratti nibeekama. Inni qullubbii akkuma jirutti ta’ee, tajaajilli shunkurtii nyachuun namaaf laattu isaan asii gaditti tarreeffamaniidha. Faaydaaleen shunkurtii kuni irra jireessatti kan argamu garuu yoo shunkurtii dheedhitti dhimma baane qofa.

  1. Utaalloo ykn qufaaf. Worri Chaayinaa qufaa fayyisuuf ykn ufirraa tiksuuf kanniin dhimma itti bayan keessaa inni tokko shunkurtiidha. Shunkurtiin faaydaa kana kan laattu nyaachuu qofaanii miti. Keemikaalli shunkurtii inni ija namaa boochisu karaa miilaatiinis marsaa dhiigaa niseena.

Akkaataa wol’aansaa: Shunkurtii cicciraa faana keessan jalatti hidhaa kaalsii itti godhadhaa bulchaa.

  1. Kaansarii ufirraa ittisuuf. Shunkurtiin dhibee kaansarii gosa adda addaa ufirraa ittisuuf akka nama gargaartu erga hubatamee bubbuleera. Shunkurtii heddu nyaachuun carraan kaansariin qabamuu ufirraa hir’isuudha, gabaabamatti.
  2. Hooxxoo gurraaf. Gurri keessan inni gara keessaa hoossisee isin dhiisuu yoo dide gara mana yaalaatti ykn dawaa biraa barbaaduutti hinfiiginaa; shunkurtii raajii hojjattu qabdi waan ta’eef.

Akkaataa wol’aansaa: Shunkurtii barbaaddanii gurrattii cuqqaalattanii (gurra keessa lixuu hinqabdu) bultan taanaan fala argattan. Shunkurtiin guurii gurraatiifis fala gaariidha. Shunkurtii danfistanii gurratti ufcobsuus dandeettu. Gurratti cuqqaalachuun dirqii miti.

  1. Shukkaara dhiigaa too’achuuf. Sulfur fi flavonoid shunkurtiin ufkeessatti ammatte dandeettii shukkaara dhiigaa hir’isuu guddaa qaban. Namoota dhibee shukkaaraa qaban kanniin shunkurtii nyaatan irratti sadarkaa shukkaara isaanii gadi bu’ee mul’ateera.
  2. Dhibee Asmaatiifis shunkurtii faaydaa qabdi.
  3. Ilkaan akka hinshamneef. Shunkurtii dheedhii nyaachuun baakteeriyaan ilkaan namaa shamsu akka dhabamu gooti. Shunkurtiin dheedhiin daqii 2 – 3 yoo alanshame baakteeriyaa afaan keessaa ni ajjeesti.

Faaydaan asii olitti tarreeffame kuni irra jireessatti kan argamu shunkurtii dheedhitti yoo dhima bayameedha. Hawaasni keenya shunkurtiitti baay’ee fayyadama- yeroo dheeraadhaaf erga bilcheesseeti garuu. Shunkurtii akkas bilcheessuun faaydaa shunkurtii heddu nudhabsiiseera. Kanarraa kan hubatamu, akkaataan itti fayyadamiinsa shunkurtii itti yaaduu akka qabuudha. Shunkurtii dheedhiis nyaachuu aadeffachuu, darbaa darbaas yoo ta’e, kan qabnu isinitti hinfakkaatuu?