Ergamtoota naannoo Somaalee fi Afaar maaltu akkas mirqaansisee kofoo fi marxoo akka gatan taasise?

Kufaatiin Woyyaanee kan hirriba dhabsiise mootummaan naannoo Somaalee ummata dirqamaan hiriira baase

Yeroo heddu nannoon Somaalee fi naannoon Afaar hongeen rukutama. Kan durii akkuma jirutti ta’ee, woggaa tokkoo oliif sababa El Nino’n wolqabatee  naannoleen kuniin rakkoo hamaa keessa turan. Jiraattonni naannoo kanaa yeroo dheeraadhaaf beelaa fi dheebuun rakkataa,  du’aa fi jiruu jidduu tirataati kan turan. Naannoo kanniin lamaan keessatti hubaatii guddaadha kan beeylada irra gaye. Yeroo ummanni naannoo kanniin lamaanii eennuun caalatti deeggarsa barbaadu kanatti bulchitoota naannoo Somaalee fi Afaar kanniin ufiin jedhan, ashkartoonni TPLF, namoota Goondar irraa buqqa’an gargaaruudhaaf cheekii barreessutti jiran. Kan Itoophiyaa hunduu baasa. Kuni adda ammoo!

Nannoon Somaalee qarshii miliyoona 10 gara heerrega baankii Tigraayitti dabarse. Naannoon Afaar ammoo qarshii miliyoona 10.2 harka Abaay Wolduu seensise. Ufii waan nyaattu hin qabduu…Jarreen kana garuu Tigree miliyoonaan badhaasuudhaaf dorgommii ciccimaa keessa maaltu isaan seenan? Dirqii ykn sodaa Abbaay Xahaayyee, kan angotti isaan fide, yoo hin taane raajii hoogganoonni naannoo lamaan kanaa itti jiran wanti ibsu tokko jira hin fakkaatu.

Deeggarsa maallaqaatti hin daangeffamne gochi isaanii. Kan jaalalli Woyyaanee dhamaase mootummaan naannoo Somaalee ummatas magaalaa Jijjigaatti, akkuma baratame dirqiin ta’aa, hiriira mormii baase. Kan morman eennu? Ummata mirga isaaf dubbate, kan saamamuun nagaye jedhee falmate. Hooggannoonni naannoo Somaalee heedduu jilbiiffachuu irraa kan ka’e ummanni Ogaaden yeroo addaddaatti humna Agaaziin dhiitamaa fi gochi gara jabeenyaa irratti fudhatamaa turuu guutumatti isaan dagachiise.

Sababa kamiifuu haa buqqa’anii, laakkofsaanis meeqas haa ta’anii, namoota Goondar irraa geggeeffaman mootummaan naannoo Tigraay (silaa Federaallis kanuma isaaniiti),  sana bira yoo dabre ammoo miliyeenaroonni Tigree fi kubbaaniyaan EFFORT gargaaruudhaaf humna gayaa ol qaban. Maaliidhuma kan Somaalee fi Afaar akkas marxoo gachsisiise, kiisa hargufachiise garuu? Fakkeessaan akkasii isin fokkisa, naannoon hundi akka isinitti kolfu taasisa jedhaanii.

Hooggana warri ufiin jedhan Woyyaanee woliin dhaabatanii waan heddu haasayuu fi qabsoo ummataa afoo dhabachuu ni danda’u. Ummanni naannoo Somaalee fi Afaar garuu Oromoon Woyyaanee barbadeessee angotti as dhufuun bu’aa isaanii bifa kamiinuu akka hin tuqne hubachuu qabu. Qabsoon ummanni Oromoo itti jiru sirna Woyyaanee irratti malee saba Tigreetuu kan kiyyoo keessa galchee miti. Kan nama gaddisiisu hoogganoonni naannoo Somaalee fi Afaar ufii kufanii ummannis isaan faanaa daaraa keessa akka gangalatuuf carraaqqii cimaa godhaa jiraachuu isaaniiti.