Ergamtoonni Woyyaanee naannoo Somaalee lafa Oromoo weeraraan fudhatu; saba Oromoos tuffatu

Oromoon gootummaa fi tokkummaan mirga fi daangaa isaa kabajsiifachuu qaba. Kuni kan ta'uu qabu ammoo boru osoo hin taane har'a- kallattii hundaan itti roorrifamaara waan ta'eef.

Ergamtoonni Woyyaanee bulchiinsa naannoo Somaalee sochii weeraraan lafa Oromoo fudhachuu bal’aa geggeessaa jiru. Weerara kanaan Oromiyaan kan dhabaa jirtu lafa qofaa miti. Lubbuun ni galaafatama. Qabeeni ummata irraa ni fudhatama. Lukkeleen Woyyaanee naannoo Somaalee (biyyaa fi biyyaan ala jiratan) woraana jibbaa fi tuffiis Oromoo irratti bananiiru. Barreeffamni Jigjiga Herald irratti baye kanuma ifa taasise.

Akka barreeffama (olola) kanaatti daangaan weerarame fi qabeenyi saamame isa naannoo Somaaleeti. Woraana nannoon Oromiyaa bobbaasetu daangaa Somaalee cabse jechuudhaan oduu madda dhugaa tokko irratti hin hundoofne, isa haqa jallisu, bal’inaan tamsaasu. Oromoon dheebuu fi seenaa lafa saboota biraa saamuu qaba jechuun seenaa Oromoo xureessu…jibbaa fi tuffii Oromoof qaban ifatti labsu. Oromoon dhugaan eessa akka jirtu bareechee beeka, garuu.

Barreeffammni jibbaa, tuffii fi seenaa Oormoo jallisu kuni Oromoon maaster pilaanii Finfinnee afoo dhaabachuu isaa ni balaaleffata.  Lammaa Magarsaa, Nagarii Leencoo fi Worqinaa Gabayyoo gara angootti as dhufuu akka yaaddoo guddatti fudhata. Kallattiin siyaasni Oromoo (isa OPDOs dabalatee) itti adeemaa jiru kan isaan yaachise ta’uu dubbata. Oromoon ammatti too’atamu malee gara funduraatti huni isa afoo dhaabatu akka hin jirre hubachiisuudhaaf tattaafata. Akka olola barruu Jigjigaa Herald jedhamu irratti baye kanatti, Oromoon sochii gara dhihaan eegale (mormii maaster pilaanii fi mootummaa federaalaa) dhuunfatee amma ammoo fuula isaa gara bahaatti (gara daangaa Somaaleetti) deeffate. Kuni hundi soba. Ammas yaalii olola hamilee Oromoo cabsuu, akkasumas dhugaa akka adutti iftuu dukkaneessuuti kan taasifamaa jiru. Muka kufe dhagaraan itti heddumaataa mitii?

Somaaleen lafa Oromoo irra qubachuu fi yeroo yerootti gara lafa Oromoo daanga bal’ifachuudha seenaan kan dubbatu…galmee hunda irrattis kan mul’atu. Woggoottan 50’n dabran keessatti Somaaleen godinoota Hararagee, Baalee, Gujii fi Booranaa irraa lafa Oromoo heddu fudhatanii kan isaanii godhatan. Hawwii fi abdjuun Siyaad Barrees Oromiyaa harka Somaaleetti kuffisuu fi Oromoo seenaa malee hanbisuu ture.  Garee fi namonnni jibbaa fi tuffii Oromoo irraa qaban dhugaa kana arguu fi dhagayuu tasa hin barbaadan, garuu. Hawii fi aabjuun Siyaad Barree fi kittillayyoota isaa hanga har’aatti kan hin duune ta’uu isaati weerarri saahuu daangaa Oromiyaa irratti banamu kan nutti agarsiisu. Irree Oromooti kan balaa itti qiyyaafatame kana kan ufirraa deebisu.

Barreeffamni jibbaa, tuffii fi seenaa Oromoo xureessuu irratti xiyyeeffate kana keessa harki  Woyyaanee kallattiidhaanis ta’e garajalaan jiraachuu mala.  Garuu, namoonni dhiigaan Somaaleee (Ogaaden) ta’ani summii akkana hin tamsaasan jechuun hin danda’amu. Eennuu haa barreessuu, saba lamaan wolitti buusuu fi rakkoo jiru hammeessuudhaafis kan yaadame ta’uun isaa ifa. Yaadni saamicha lafa Oromoo jajjabeessu, jibbaa fi tuffii babal’isu afoo dhaabatamuu qaba. Kabajaa kan ufitti godhu abbaadha. Oromoon gootummaa fi tokkummaan mirga fi daangaa isaa kabajsiifachuu qaba. Kuni kan ta’uu qabu ammoo boru osoo hin taane har’a- kallattii hundaan itti roorrifamaara waan ta’eef. 

Barreeffama Jigjiga Herald irratti maxxanfame dubbisaa.