Embaasiin Itoophiyaa Yamanitti argamu humnoota wolworaananiin haleelame

Embaasiin Itoophiyaa Sana’aa Yaman jiru humnoota wolworaananiin haleelamuun himame. Akka dubbi himaan Ministera Haajaa Biyyalaa Itoophiyaa Andadolu Agency itti himetti rukuttaan kuni kan raawwate guyyaa har’aati. ‘Balaan qabeenya embaasii irra gaye humnoota wolworaanaa jiraniin jennee amanna,’ jedhe dubbi himaan ministerichaa ob. Tawoldee Mulugeetaa.

Hubaatiin nama irra gaye tokko hinjiru. Embaasichi hujii isaa idilee itti fufee jira, akka ibsa ob.Tawoldeetti.

Humnoonni kunniin emabaasii kana irra balaa sababa maaliif akka dhaqqabsiisan wonti himame tokko hinjiru. Haleellaa kanaaf hanga ammaatti humni itti gaafatamummaa fudhates hinjiru. Mootummaan Itoophiyaa tankaarfiin mootummoonni biyyoota Arabaa hidhattoota Hutii irratti fudhataa jiran tankaarfii sirriiti jechuun isaa xiyyeeffannaa humnoota Hutii kana keessa isa seensisuun hinhafne kanniin jedhan jiru.

Lammiiwwan Itoophiyaa 30, ijoolee 11 fi dubartii 12 dabalatee, Yaman akka gadi lakkisan taasifameera. Ob.Tawoldeen itti dabaluudhaanis, hookkara Yaman keessa jiru baqachuuf lammiiwan Itoophiyaa naannoo 2000 ta’an biyyattii gadi lakkisanii gara Itoophiyaatti deebi’uuf galmaayuu isaanii ibsan.

Baqattoonni biyya hedduu, Oromoos dabalatee, rakkataafi gidiraa addaddaa argaa jiraachuun isaanii beekameera. Biyyoonni heddu lammiilee isaanii xayyaranis ta’ee dooniin Yaman irraa baasaa jiru. Birmannaa baqattootaaf hanga ammaatti ani jira kan jedhe hinjiru.

Humnoonni gosa Huutii, kanniin garee Shi’aa irraa ta’an, Fulbaana dabre mootummaa biyyattii fonqolchanii angoo qabachuu hordofee biyyattiin jeequmsa hamaa keessa seenuun niyaadatama.