Dubartiin takka jaalala keetiin qabamuu akkamitti beekta?

Siif seeqachuun, si wojjiin kolfanii taphachuun kophaa isaatti jaalalaan qabamuu hinargisiisu suuta jedhi

Jaalachuun, jaalalaan qabamuun hundi adeemsa jireenyaa ilma namaati. Jaalanna, waan barbaannu harkatti galfachuuf tattaafanna. Dhumarratti hangi tokko itti milkoofna. Kan jaalatu hundi wan jaalatu akka salphatti hinargatu. Kan dhabu, harka qullaa galuuf dirqamus heddu. Kan isii/isa jaalatu akka salphatti harkatti galfatu baay’ee xiqqaadha.

Hedduun keenya eenyuun akka jaalanneefi maalif akka jaalanne bareechinee beekna. Dubbiin isii sijaalatte akkamitti beekta, hubattaadha. Yeroo heddu dogogorri, kessattuu nuti worri dhiiraa, uumnu guddaan intala nuuf seeqatte, nutti hidhii banatte hunda najaalatte, nabarbaadde jechutu nuuf salphata. Dhugumatti nama wojjiin kolfanii taphachuun mallattoo jaalalaati malee bifa kamiinuu agarsiisa jibbaa ta’uu hindanda’u. Dubbiin qajeelatti beekuu qabnu, daangaa ce’uu irraa ufittisuuf jechuudhaa, seequun suni dhugumatti maal agarsiisti? Intalti takka seequu qofaan ergaa jaalalaan qabamuu isii bifa hinmamsiisneen dabarsitii?

Gaafiin kunniin gara intalti takka jaalalaan qabamuu ykn nama tokko irraa fedhii qabaachuu isii mallattoo maal maal fa’aan agarsiisti jedhutti nugeessa. Nuti worri dhiiraa yeroo heddu mallattoo shamarran agarsiisan hedduu woliin dhoofna. Rakkoon dhiiraa guddaan, akka hayyoota qorasammuutti, mallattoo dubartoonni agarsiisan dubbisuu dadhabuu ykn karaa dogoggora ta’etti hiikuudha. Yeroo heddu waan isaan agarsiisan, ergaa isaan dabrsan dhiisnee waan ufii arguufi dhagayuu feenutti hiikkanna. Kuni rakkoo uuma. Addaan nama baasa…wolirraa baqatutti nama geessa.

Waa’ee kolfa, taphaafi seequu biratti mallattoolee ciccimoon biroo dabalataan mul’achuu qabani dubartiin takka sijaalachuufi fedhii sirraa qabachuu isii guutummatti mirkaneeffachuuf. Qabxiilee 8tan kanniin dubartii takka irraa arginaan siif kufuu isii beeki. Funduratti ijjachuun, tankaarfii barbaachisu fudhachuun sirraa eegama. Cal’isuun, osoo mallattoolee kanniin argitu usuun ykn obsuun akka isiin si eegdee dadhabdee, hifattee, obsa fixattee sibaqattu taasisa. Kuni akka ta’uuf hinhayyamin.

1. Daftee, harkarratti, bilbila, SMS, chat kee deebifti. Ergaa kee deebisuun wolqabatee tasa wonti ‘busy’ ture jedhu tokko hinjiru. Faallaan kan godhuu dadhabuu maal akka ta’e beektu…fedhii namarraa dhabuudha. ergaan ‘busy’ jedhu sitti heddummaannaan hedduu nama cinqutti jiraachuu kee beekii adeemsa kee sirreeffadhu.

2. Bakka ati jirtuu daftee hindeemtu. Lafuma ati halkan guutuu dhabataa bultetti isiis itti bariiti. Ammas bakka ati dhaqxu dhaquu jaalatti, hawwiti. Dirqamtee deemtus, demuu isii jibbaa, gaddaa, ufitti aaraa, osoo miilli isii duubatti isii harkisu funduratti sossooti.

3. Bakka ati jirtutti nidhiphatti. Qajeelatti dhimmoota jaalalaa irratti gadi fageenyaan siwojjiin haasayuuf rakkatti; niqaanfatti.

4. Waan ati gootu hunda gochuufi sifakkaachuu barbaaddi. Kuni namatti hintoluu?

5. Carraa argame hundatti fayyadamtee situquu yaalti, kajeelti. Isiin isaan biroo irra harka, ceekuufi dudda kee tutuquuf gamtu waa qabdi. Mallattoo kanniin akka salphatti bira hindarbin. Fedhiin kees gama san jira taanaan atis harka deebisi.

6. Nama kolfisiista, nama ajaa’ibsiista siin jetti, irra deddeebi’aa. Wonti ati jettu hundi guutummatti fudhatama; abbaa raajiifi diraamaa maqaan jedhus siif laatama. Hiriyyoota kee yeroo dheeraa irraa dhaadhessaa akkanaa takkaa hindhageenye ta’a. Amma nama kee argatteerta…kan sidhaadhessu…hamilee kee kaasu. Asumaan, dubartoonni nama nama kolfisiisu, taphachiisu akka hedduu jaalatan beektu. Mitii?

7. Waa’ee waa’ee kee odeeffannoo waytaawaa qabdi. Hanga sadarkaa eenyutu waa’ee koo guyyatti itti gabaasa jettu tokkotti waa’ee kee beekti; duukaa buuti. Kunis si hinraajin! Kan isiin yaaddu hundi waa’ema keeti waan ta’eef.

8. Gama ‘social’ miidiyaatiin  sijala buuti. Waan ati gadi lakkiftu cufa like, share, comment gooti.  Waa’ee kee irras hedduu sigaggaafatti.