Dr. Birhaanamasqal Abbabaa Sanyii: Afaan Oromoo Afaan hojii federaalaa ta’uu qaba

Sababoonni 10 Dr. Birhaanamasqal tarreessan maal fa'a laata?

Adduunyaa irratti mootummaan Afaan uummata bal’aa dubbachuu itti dide hin jiru. Kun ammoo kan hin baramin, hin yaadamne, haqummaa hin qabne, dimokraatawaa hin taane, nama qaanessu fi gonkumaa kan fudhtama hin qabneedha. Mootummaan Federaalawaa Itiyoophiyaa fi magaalootiin ishee gurguddoon lama afaan uummata caalmaa qabuu kana hin dubbatan. Seerri Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalawaa Itiyoophiyaa fi magaalota gurguddoo lameenii (Finfinnee fi Dirree Dawaa) haalduree tokkoo malee taasisa.

Sababbiiwwan ijoo kudhan Dr. Birhaanamasqal tarreesse

1. Haala uummataa: Afaan Oromoo afaan Itiyoophiyaa keessatti afaanota hundarra bal’inaan dubbtamuu fi Afrikaa keessatti lakkoofsaa fi bal’ina dubbattootaan sadarkaa afraffaa irratti kan argamuudha.Itiyoophiyaan alatti , yoo xiqqate biyyoota gaanfa Afrikaa sadii keessatti ni dubbatama. Odeeffannoon istaatistiksii garaagarummaa qabaachuu danda’us, uummanni Itiyoophiyaa haga %50 ta’u Afaan Oromoo ni dubbatu jedhameet tilmaamama.Yeroo waldorgomsiifamu, uummata Itiyoophiyaa mara keessaa %29.1 qofatu Amaariffa dubbata;innis kan seera qabeessummaan dirqama taasifamee afaan hoj mootummaa federaalawaa Itiyoophiyaa fi magaalota gurguddoo lamaanii, Finfinnee fi Dirree Dawaa, ta’ee jiruu dha. Baayi’na uummataa kana akka halduureti fudhachuun, biyya sablammootaa fi afaan hedduu kana keessatti afaan uummata caalmaa qabuu afaan hojii taasisanii fayyadamuu dhiisuun yoo xiqqate kan jechuun danda’amu kan haqummaa hin qabne,dimokraatawaa hin ta’in fi loogummaa qabuu dha.

2. Teessuma Lafaa: Qaamoleen bulchiinsaa mootummaa federaalaa, bulchiinsonni magaalota Finfinnee fi Dirree Dawaa kan keessatti argamanii fi keessummeeffaman Mootummaa Biyyaalessaa Naannoo Oromiyaa Afaan Oromoo dubbatu keessatti. Haata’u malee, himaammata afaanii Amaariffa qofa jedhu loogii godhuu fi kaan hin hammanneetiin dhaabbileen mootummaa federaalawaa fi magaalota gurguddoo lamaanii afaan uummatichaa fi naannnoo keessatti keesummeeffamanii hin dubbatan. Qaamoleen Kun akka Mootummaa bulchuu osoo hin taane akka humna gittaa bittaati jiratu, jiruu guyyuu isaanitiif nyaata, bishaan, ibsaa,buufataalee, iddoo balfa gatiinsaa fi karaa dabalatee qabeenya Oromoo irratti hirkachaa, uummata Oromoo fi naannoo Oromiya irra miidhaa cimaa uummataa fi qabeenya naannicha irraan geessisaa gidduu galaanaa uummata Afaan Oromoo dubbatuu keessatti oddoola(island)afaan Amaariffaa dubbatuu ta’anii itti fufuu hin danda’ani.

3. Tokkummaa Biyyattii : Himaammanni afaan Amaariffaa-qofa jedhu kun amala biyyummaa Itiyoophiyaa afaan hedduu fi aadaa hedduu ta’uu ishee kan faalleessuu dha.Mootummaan Federaalawaa Itiyoophiyaa fi magaalotiin lamaan bulchiinsa isaa jala jiran, kandhimmaman yoo ta’e, himaammata qoqqoodaa fi balaa fidu, kan walqixxummaa walkabajjii fi nagaan waliin jireenya uummata Itiyoophiyaa xiqqeessu kana dhabamsiisuuf dirqama biyyummaa hatattamaatu irra jira.

4. Carraawwan Diinagdee fi Hojii: Himaammanni qoqqooddii fi kaan hin ammanne afaan Amaariffa-qofaa mootummaa federaalawaa fi magaalota gurguddoo lamaan Finfinnee fi Dirree Dawaa, dubbattoota Afaan Oromoo yoo Amaariffaa dubbatan malee mirga hojii daldalaa hojjachuu fi naannoowwan bulchiinsaa isaanii keessa jiraachuu dabalatee hojiiwwaan federaalaa, bulchiinsa magaalaa, korporeeshinii fi dhuunfaa hunda keessaa guutumaan guututti hambifamaniiru.Hojjattoonni mootummaa federaalawaa fi magaalota gurguddoo kana lamaanii hundinuu % 100 dubbattoota afaan Amaariffaa ti. Oromoonni %10 gadi ta’an gara afaan Amaariffaa dubbachuutti liqimfaman qofatu yeroo ammaa kana dhaabbilee mootummaa federaalawaa fi magaalota gurguddoo lamaan kana keessatti qacaramee hojjata. Kana irra darbees, waajjiraaleen mootummaa federaalawaa fi magaalota gurguddoo kana lamaanii hospitaalota, dhaabbilee daldalaa fi tajaajila kennitoonni biro kamiyyuu tajaajila turjumaana afaanii maamiltootaa fi itti fayyadamtoota Afaan Oromoo dubbataniif hin kennanu. Haata’uutii, dubbattoonni Afaan Oromootii fi naannoon isaanii, Oromiyaan, mootummaa federaalaa fi magaalota lamaan kanaaf lafee dugdaa diinagdee fi maddeewwan waantota gara biyya alaatti ergamanii fi galii ashuuraa ti.

5. Sababiiwwan Bakka Bu’iinsummaa: Dhaabbileewwan mootummaa federaalaa Itiyoophiyaa fi sirni bulchiinsa isaanii akkasumas kan magaalota gurguddoo lamaanii, Finfinnee fi Dirree Dawaa, afaan Amaariffaa qofa afaan hojii isaanii taasisanii fudhachuudhaan dubbattoota Afaan Oromoo seera qabeessummaan of keessaa hambisaniiru. Haala kana keessatti, dubbattoonni Afaan Oromoo Mootummaa Federaalaa fi magaaloota lameen keessatti bakka bu’umaniirus yookin ammoo mootummaan federaalaa fi magaalonni lamaan dubbaattoota Afaan Oromoo bakka bu’u jechuuf ulfaataa dha. Muudamtoonni siyaasaa hundee hin qabne saba Oromoo ta’anii fi Amaariffa dubbatan mootummaa federaalaa fi magaalota gurguddoo lameen kanaa akka bakka bu’oota dubbattoota Afaan Oromootti of mul’isan seera cabsitootaa ofuu bakka hin buuneedha. Sirumaayuu, saboonni Oromoo aadaa fi afaaniin adda bahanii liqimfamanii dhaabbilee federaalaa Itiyoophiyaa fi magaalota gurguddoo lameen keessa hojjatan walumaagalatti %10 gadii dha.Kun kan ta’ee jiru biyya uummanni Oromoo baay’ina ummataa waliigalaa keessaa %40 ol ta’e keessatti.

6. Seera Qabeessummaa: Mootummaan afaan uummata nan bulcha jedhuu hin dubbanne , uummata sanaafis hin dubbatu;seera qabeessummaanis fedhii uummata sanaa bakka hin bu’u. Mootummaan Itiyoophiyaa bakka bu’aa seera qabeessaa uummata Afaan Oromoo dubbatuu ta’uudhaaf,gitoota hojii muudamiinsa siyaasaa fakkeessaa irratti qofaa osoo hin taane dirqama Afaan Oromoo dubbachuu fi dhaabbileewwan isaa sadarkaa maratti argaman keessattuu fedhii dubbattoota Afaan Oromoo bakka bu’uu qaba.

7. Haqa, Walqixxumaa fi Qabiinsa Walfakkaataa: Haqxi, walqixxummaa fi qabiinsi walfakkaataan dubbattoota Afaan Oromootiif akkuma namoota afaan Amaariffaa dubbatanii carraa walqixaa fi tajaajila walqixaa kennuu gaafata. Himaammanni qoqqoodii afaanii Amaariffa-qofaa mootummaa federaalawaa fi magaalota gurguddoo lameen Finfinnee fi Dirree Dawaa dubbattoota Afaan Oromoo golga dhaabbilee diinagdee, hawaasummaa, amantaa fi barnootaatiin guutumaan guututti ala baasuudhaan biyya uummanni walakkaa biyyattiitti dhihaatu dhaabbata mataa isaa tokko illee osoo hin qabaanne haala namoomaa gadii keessa itti jiraatu uumeera. Mootummaan federaalaa Itiyoophiyaa fi magaalotiin gurguddoon lameen kun himaammata afaanii haqummaa hin qabne, looguu fi appaartaayidii ta’e kana hatattamaan dirqama dhabamsiisuu qofa osoo hin taane, dhaabbileewwan diinagdee, afaanii, aadaa fi barnootaa Afaan Oromoo uumuudhaaf leencaalee maallqaa fi humnaa invasti gochuun isaan irra jira; akkasumas himaammattoota humneessaa diinagdee haqa dhabiinsa seenaa dubbattoonni Afaan Oromoo keessa darbanii fi ammas keessa darbaa jiran sirreessuu fi deebii kennu ofitti fudhatanii hojiirra oolchuu qabu.

8. Sabaa fi Sablammoota jiran Gidduutti Walitti-hidhamiinsa Uumuuf
Afaan Heddu Dubbachuu :
Himaammanni afaan Amaariffaa-qofaa uummata Itiyoophiyaa %80 ol ta’u gara warra xiqqina qaban afaan Amaariffaa dubbatanitti makuu ykn caasaa siyaasaa,diinagdee, amantaa fi hawaasumaa fi dhaabbileewwan mootummaa keessaa isaan baasuu irratti xiyyeeffate gareewwan sanyii nama biraa hin jaalannee fi jibbiinsaa kan walqixummaa fi kabaja sabaa fi sablammootaa, afaanii, fi eenyummaa sablammoota gargarii hin fudhanne akka uumaman taasiseera. Himaammanni balaa-qabeessi kun gareewwan sanyii nama biroo jibban fi jibbinsa adeemsisan akkasumas ‘maqaa himaammata afaanii Amaariffa-qofaa jedhuutiin tokkummaa Itiyoophiyaatiif’qabsoofna jedhanii ifumaan namoota Afaaan Amaariffaa hindubbanne irratti loogii geessisuu fi jibbiinsa ololuuf akkasumas walitti-hidhannoo sabaa fi sab-lammoota adda addaa gidduu jiru bifa diiguun sagantaa siyaasaa jibbinsa sanyii nama biraa baasan akka uumaman seera qabeessummaa kenneefiira.Gareewwan jibbiinsaa fi sanyummaa himaammatoota sanymmaa fi loogii afaan Amaariffaa-qofaa kana keessatti hammatamanii dhalatan shira isaanitiif kan addummaan irratti xiyyeefftan uummata Itiyoophiyaa Afaan Oromoo dubbatanii dha.

9. Himaammatni Afaan Tokkoo fi Olaantummaan Saba Tokkoo Itiyoophiyaa ni Ajjeesa: Itiyoophiyaan adda addummaa fi danummaa hammattu kan jiraachuu dandeessu adda addummaa keessa himaammata tokkummaa yoo fudhatte qofaa dha.Gufuuwwan gurguddoon lamaan himaammatni adda addummaa fi tokkummaa Itiyoophiyaa eeguuf yaadame akka hin milkoofne dura dhaabbtan tattaaffii biyya sabni tokko qofti keessatti olaantome uumuuf taasifamuu fi himaammata afaan Amaariffaa-qofaa dha. Isaan kun himaammattoota naqarsaawoo gaaga’ama fidanii fi Itiyoophiyaa ajjeesanii dha. Itiyoophiyaan jiraattee itti fufuu kan dandeessu caasaan federaalaa saboota hedduu fi afaan heddu qabate, walkabajnii fi nagaan waliin jireenyi sabaa fi sablammootaa sirna bulchiinsaa heera irratti hundaa’e kan malli qoodiinsa humna diinagdee fi siyaasaa haqa qabeessa ta’e seeraan keessatti hundeeffame dhaabbilee keessatti yoo diriirfamee hojiirra oole qofaa dha. Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federalaa fi magaalota gurguddoo lameenii taasisuun biyya dhukkubsattee fi laanshoftee humna hojiirra ooluu danda’u keessaa dhibbantaa sadii gadiin socho’aa jirtu kana baraaruuf balbala bana.

10. Misooma Namaatiif Afaan akka Sababa Ijootti Fudhachuun : Namni tokko bakka yaade akka gahu, guddina diinagdee fi hawaasummaatiif hawaasti dhala namaa kamiyyuu beekkumsaa fi odeeffannoo maddisiisuu, guddisuu, waljijjiiruu fi tamsaasuuf tooftaa fi karaan jiru afaan qofa. Mootummaan federaalaa Itiyoophiyaa magaalota qoqqoodoo lameen Finfinnee fi Dirree Dawaa himaammata isaanii afaan Amaariffa-qofaatti dhimma bahuun mirga bu’uuraa fi namummaan addaan hin baane kana uummata Itiyoophiyaa Afaan Oromoo dubbatu dhoowwataniiru. Itiyoophiyaan eegee addunyaa ta’uu fi indeeksii guddina namaa Mootummoota Gamtoomanii jala irratti argamuun ishii waan nama ajaa’ibu miti.

Akka nama qalbeeffataa miseensa hawaasa Afaan Oromoo dubbatuu tokkootti fi sababoota asii olitti tarreeffamaniitiin akkasumas kan biroo baay’eetiin,himaammata afaanii tokko qofaa jedhu hatattamaan haalduree tokko malee dhabamsiisuudhaan Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa Itiyoophiyaa fi magaalota gurguddoo lameen, Finfinnee fi Dirree dawaa, akka taasisu mootummaa Itiyoophiyaatiif waamicha nin dabarsa