Dogoggorri tooftaa raawwatamaa jiru gatii qaalii akka nu hin kaffalchiisne sodaatama

By Abdii F. Sabaa

Lammaa fi Abiyyi muummicha ministeraa ta’uun isaanii gaafii Oromoon woggaa hedduuf gaafataa ture hunda akka hin deebifne eennuun jalaayyuu waan dhokatee mitii. Faaydaan isaa, bu’aa xixiqqoo argamsiisuu maluun alatti, ergaa fi mallattoo isaati. Fedhii Woyyaaneen alatti Lammaa fi Abiyyi ministera muummee ta’uun hamilee qabsoo Oromoon geggeessaa jiruuf waan salphaa miti. Qabsoo keessatti wanti akka hamilee, injifataa jirraa, nama jajjabeessuu fi nama jiraachisu hin jiru. Namoonni tokko tokko Abiyyis ta’ee Lammaan achi taa’uun buáan inni fidu hin jiru jedhu. Yoo yaanni kuni dhugaa ta’e Woyyaaneen maaliif Lammaa xireeffatti? Woyyaaneen maaliif olola sadarkaa kanaa Abiyyi irratti banti? Maaliif yoo maqaan isaani ka’u abshadhiti? Barcuma san irra Oromoon taa’uun, xiqqaattus, rakkoon isaanitti fidu jira jechuudha. Kana maaltu akka hin argineef nu haguuga, agruu? Dhugumatti kana arguu dhabne moo waan biraatu duubaan jira? Yoom siyaasni keenna bilchaata? Yoomiin Oromoon hiretti, xiqqaattus, fayyadamuu barata?
Torbaan muraasa dura maal keessa akka darbine mee haa yaadannu. Yeroo sagalee fi tarsiimoo wolfakkaataan socho’aa turretti Lammaa fi Abiyyi deeggarsa cimaa Oromoo fi saboota biraa irraa aragtaa turan. Woyyaaneen Lammaa fi Abiyyiin akkamitti akka sodaataa fi balaaleffataa turte ija keennaan argine waan ta’eef kanas nami haga nutti himu hin eegnu. Abiyyis, akka Dayaaspooraan irratti ololtu osoo hin taane, nama qabsoo tana utubuu malu ta’uu isaatiif kunumtuu agarsiisa tokko ta’uun isarra ture. Ummata nuti xureessinuu fi tuffannu Woyyaaneen argaa isaanii hin feetu. Saa’aa kanatti Woyyaanee OPDO aantummaa sabaa qabduu mitii tan hafte woliinuu, Abbaa Duulaa yoo hin taane, hojjachuuf fedhii hin qabdu. Komaad Poostii keessa Oromoon tokko hin jiru. Kuni waa malee miti. Woyyaanee Lammaa Magarsaa Komaand Poostii keessa galchuu hin barbaannetu Lammaa Magarsaa minseensa paarlaama hin taane, heera jajallisuudhaan, osoo ‘Abiyyi fonqolcha irratti geggeessuu baatee’, muummee ministeraa ni gooti jedhaa haasawaa turan namoonni. Dhugaan jiru, yeroo kanatti hedduun OPDO tan tankaarfii Woyyaanee danqitu malee tan deeggartu akka hin taane hooggansi Woyyaanee irratti woliigaleera. Nuti ammas, keessattuu Dayaaspooraan, kana argutti hin jiru.
Woyyaaneen ammatti, hanga deebitee miilaan gadi-dhaabattutti, bifa OPDO irraa wolbala ta’een waa hunda hojjachuu barbaaddi. Yeroo kanatti ministerri muummee, cimaa mitii laafaan, Oromoo irraa akka ta’u Woyyaaneen hin feetu. Toftaa keenna ta’uun kan irra ture, Woyyaanee dirqamsisuu, cimaa ta’ee laafaa namuma keenna irree tokkummaan barcumaa san irra baasuudha. Qabsoon Oromoo Abiyyiin ministera muummee godhuuf hin eegalamne. Abiyyiin ministera muummee godhuudhaanis hin goolabamtu waan ta’eef, isa erga achiin geennee boda gaafilee hafaniif qabsoo roga hundaa geggeessuu wanti nu dhoorgu hin turre. Garuu, faallaa waan silaa ta’uu qabuu hojjataa hiree uf jalaa galaafataa jirra. Dhugaadha, qabsoon Oromoo Lammaa fi Abiyyiin maletti ni geggeeffamti. Lammaa fi Abiyyi qabsoo tana karaa danda’amu hundaan deeggaruun xumura gabrummaa ni saffisiise, gatii bilisummaaf kaffalamu ni hirísiisa. Madaalli kana qofaan barbaachisummaan isaanii namoota heddutti kan mudhatuuf. Abiyyi ministera muummee taúun, carraan yoo argame, namoonni akka danqaa qabsoo taútti kan fudhatan jiru. Bifa kamiin Abiyyi Shifarraa, Dabratsiyoonii fi Dammaqaa caalaa gufuu taúu akka dandaú wanti lafa kaayan hin jiru garuu.
Tokkummaa keenna sodaachisuu irra kan ka’e Woyyaaneen hoogganaan isii kaadhimamaa ministera muummee akka ta’uuf fedhii hin argisiisne ture, hanga torbaan kanaatti. Amma, wolirratti duuluuun keenna, keessattuu woraanni Abiyyi irratti baname, Woyyaaneef hiree uumeera. Nama dorgomaa cimaa ta’ee as baya jedhee hundi eegaa fi sodaataa turee Dayaaspooraan qilleensaa ololaa fi jibbaan harguftee Woyyaanee jalatti darbite. Kuni Woyyaanee kennaa addaati. Woyyaaneen dura duuba-duubaan Shifarraa Shugguxee jedhaa turte amma ufii isiitii Dabratsiyooniin qabatte as baatee. Kanaan kan nu gaye tooftaa Woyyaanee osoo hin taane dogoggora keenna. Sa’a abbaa gafa cabse ormi ija balleessaa taate dubbiin. Erga argaan Abiyyi Ahmad nu jibbisiisee Dabratsiyoon, Shifarraa fi Dammaqaa simachuuf uf haa qopheessinu. Yaa Waaqa kana oolchi! Yaa Waaqa dhiiga Oromoo bilaash hin godhin!
Tooftaan qabsoo hidhannoo maleessaa injifannoo tokko dhuunfataa isa biraatti takaarfatuu gaafata- makmaaksa Oromoo tokko jedhanii lama jedhaniin wolfudhata. Namni tokko jedhee lama jedhuu hin barbaanne ykn obsa hin qabne tarsiimoo qabsoo kanaa hordofuun isarra hin turre. Kan hordofuu qabu qabsoo hidhannooti. Qabsoon hidhannoo waan funduratti argamu hunda hunmaan dhabamsiisaa gara funduraatti deemuudha. Qabsoon gosa kamuu bitaa fi mirga midhachuu, boolla diinni qote ufjalatti ilaalaa tankaarfachuu, tooftaa jijiijirataa hojjachuu gaafata. Karaa kamiinuu qabsaayi, injifannoon, miraan masakamaa qabsaayaa fi hiree argamtu ufirra dabarsaa, argamu hin jiru. 
Barreessaa firasabaa@gmail.com qunnamuu dandeettan.