Diinagdeen Woyyaaneen hannaa fi saamichaan ijaartee qoqqobbiin akka rukutamuuf sochiin eegalame

Harun Hassen | Guyyaa muraasaaf ifaa fi bilbila Woyyaanee lagachuudhaan akka isiin mindaa Agaazii, federaalaa fi humnoota tikaaf kaffaltu dhabdu taasisuun ni danda’ama. Rakkoo guyyaa muraasaa miliquuf jecha rakkoo bara baraa daakaa jiraachuun falas, abshaalummaas hin ta’u.

Wanti qajeelatti beekamuu qabu yoo jiraate mootummaan abbaa-irree Wooyyaanee kuffisuuf tankaarfiin heddu, kan wolirraa hin cinne, baay’ee ciccimoo fi hadhaawaa ta’an fudhatamuu kan qaban ta’uu isaati.  Asirratti kan ifa ta’uu qabu, dhugaa wolitti himuun barbaachisaa yoo ta’e, osoo itti hin miidhamin, itti hin dadhabin silmii ganna 25 Oromotti rakkatte buqqisuun tasa kan hin yadamne ta’uu isaati. Bilisummaa saba isaanii dhugoomsuudhaaf, gootonni Oromoo lubbuu qaalii laataati kan jiran. Nuti, worri lubbuun jirru, bu’i bayii qabsoo hifachuu; ajjeechaa fi gidiraan Woyyaaneen hammaatte jennee harka laachuu hin qabnu. Miidhaa yeroo gabaabaa baqaaf jechas ba’aa diinaa hagas ulfaatuu baadhataa jiraachuunis waan fudhatama qabuu miti. Kan hanga har’aatti baadhanne yoom nu hanqate?

Dhugaadha hiriira nagaa geggeesseen Oromoon qabsoo isaa hedduu funduratti furguggachiisee boqonnaa haarawa seensisneera. Akkuma yeroo addaddaatti, kallattii heddu irraa dhagayamaa ture, hiriirri nagaa qofti kophaa isaatti mootummaa Woyyaanee saffisa hundi keenna hawwinuun ni kuffisa jedhanii yaaduun waan hin malle.  Tankaarfileen biroos, kan tooftaa hanga ammaa hordofne utuban, gadi bayuu qaban. Kana keessaa inni tokko tooftaa wirtuu diinagdee Woyyaanee cabsuudha. Tooftaan kunis Fulbaana 6, 2016 guutuu Oromiyaa keessatti akka hujii eegalu labsameera. Oromoo fi saboota kufaatii Woyyaanee hawwan hundaafis waamichi godhameera. Bifuma wolfakkaatuun, yeroo ayyaana woggaa jettee Woyayaaneen dhiittee dhiichistu kanatti, Oromoon mana isaa taa’uudhaan mormii sirnichaa, akkasums gadda lammii isaa ajjeefamee fi mana hidhaatti guurameef qabu akka agarsiisu gaafatameera.

Qoqqobbiin diinagdee kuni dhaabbilee Woyyaanee fi dhaabbilee kittillayyoota isii kanneen sirnicha utubanii tursiisan lagachuu irratti kan xiyyeefatuudha. Akka labsiin laguu baye addeessutti, sabni Oromoo omishaa dhaabbilee Woyyaanee kamuu akka hin binnee fi tajaajila isaan laatanittis dhimma akka hin baaneef waamichi kan dhiyeesse. Akkasumas sabni keenna omishaa isaa diinatti akka hin gurgurree fi tajaajila akaakuu kamuu isaaniif akka hin laanne gafatameera. Oromonis waamicha kanaaf, akkuma isa Hagayya 6,  ni simata, bal’inaan awwaata abdii jedhutu jira.  Oromoon gocha diinagdee diinaa cimsuu irratti qaban gumaachuu qaban kamuu irraa akka fagaatuudha kan gaafatame.

Kaayyoo fi galmi tooftaa kanaas impaayera diinagdee Woyyaaneen  saamichaan ijaartee guutummati barbadeessuudha.  Kaayyoon qoqqobbi diinagee kuni akka yaadametti milkaaye taanaan Woyyaanee diinagdeedhaan nidadhabsiisa; akkasumas qabsoon Oromoo sadarkaa itti aanutti ceesisa.

Akkuma hubatamu, ciminni mootummaan kanaa, woraanatti aanee, diinagdeedha. Diinagdeen biyyattii kan jiru harka isaaniiti. Hoteelaa hanga geejjibaatti, omisha worshaalee hanga qonnaatti kan harkaa qabdu jara. Tajaajila gosa hundaa kan dhuunfate Woyyaanee fi kittillayyoota isiiti. Omishaa fi tajaajila isaaniitiif gabaan guddaan kan jiru garuu Oromiyaa keessa. Hundi 100% kan daddarbu dachii Oromiyaa irra. Egaa gabaa isaanii balleessuu fi riqicha kallattii hundaatti isaan geggeessu dhabamsiisuu kan qabu Oromoodha. Yaaliin kana godhuu, boqonnaann jalqabaa, kan eegalu guyyaa muraasa keessatti. Qophiin barbaachisu garuu ammuma eegaluu qaba.

Oromoon omishaa fi tajaajila diinaa guutummatti lagachuu qaba. Kan afaan qawween nu saaman hanqatee nutti gurgurachuudhaanis sooramuu hin qaban. Saamicha yoo dhaabsisuu dadhabne irraa bituu fi dhaabbilee isaaniitti tajaajilamuu diduun waan harka keenna jiru. Kan godhuu qofaan akka diinagdeen isaanii hallayyaa kasaaraa seenu godhuun ni danda’ama. Itoophiyaa keessatti Oromoon tokkuummaan ka’e taanaan wan fedhe godhuu akka danda’u ammas kan shakku ni jiraa? Oromoon kan kabajan malee kan tuffatan akka hin taane qabsoo baatii sagaliin mirkaneesseera.

Gama biraatiin omishaa Woyyaanee lagachuu jechuun diinagdee fi dhaabbilee Oromoo guddisuu fi akka irree godhatan taasisuu akka ta’e hubatamuu qaba. Meeshaa gaarii diinaa gatii cabaan bituu irra fookkisaa lammii gatii dachaan bituu woyya. Sabboonummaan Oromoo hanga sadarkaa kanatti ol guddachuu qaba. Kana godhuun Oromoo fi diinagdee isaa ni jajjabeessa. Diinni akka dirree diinageen ala ta’uuf dirqisiisa.

Inni biraa hafee baatitti guyyaa muraasaaf ifaa fi bilbila Woyyaanee lagachuudhaan akka isiin waan Agaazii, federaalaa fi humnoota tikaaf kaffaltu akka dhabdu taasisuun ni danda’ama. Guyyaa muraasaaf dukkana keessa buluu fi bilbila malee ooluun, rakkoo tokko tokko qabaatus, gaaga’amni  inni ummata irraan gayu hin jiru. Yaadadhaa, mootummaa Oromoo ajjeesuu fi akka gabraatti jiraachisu woliin kan qabsoon godhamaa jiru. Dhugumatti murachuu fi nu gaye jechuu keenna kallattii hedduun itti argsisuu qabna. Tankaarfii ciccimoon alatti abbaa-irree cabsuun hujii laayyo ta’uuf hin deemu.

Karoorri diingdee Woyyaanee lagachuu (bittaa fi gurgurtaa lagachuu) eennuunuu caalatti hiyyeessa fi qotee-bulaa Oromoo hubuu mala soda jedhu namoonni tarsiimoo qabsoo kanarraa shakkii qaban jiraachuun isaanii beekameera.  Dhugaadha tarsiimoon kamuu yoo bayu namni miidhamu jira; keessattuu hiyyeessaa fi namoonni humna hin qabne. Qabsoo irratti karaan miidhaa waan jedhamu gara ziirootti gadi ittiin buusan tokko hin jiraatu. Ta’us garuu, tarsiimoon tokko qaajeelatti itti yaadame, gadi fageenyaan irratti mari’aatame taanaan hubaatii inni lammii irraan gayuu malu gadi hir’isuudhaan balaa inni diina irraan gayu dachaa heddu taasisuun ni danda’ama. Rakkoo guyyaa muraasaa miliquuf jecha rakkoo bara baraa daakaa jiraachuun  falas, abshaalummaas hin ta’u, garuu.

Tarsiimoolee qabsoo hanga ammaa hordofamaniin heddu funduratti tankaarfanneerra, Oromoon. Gootowwan heddu itti dhabnus, bu’aa cululuqaa heedu itti arganneerra. Tooftaan diingdee Woyyaanee lagachuu kunis bu’aa caalu akka argamsiisu shakkiin hin jiru; hujitti jijjiirame taanaan. Milkaayinni isaa hirmannaa fi murannoo hundaatiin. Tankaarfiin qoqqobbii diindgee biyya hundatti hojjatee bu’aa gurguddaa argamsiisee jira. Itoophiyattis, keessattuu biyya abbaan-irree fi kittillayyoon isaa diingdee too’atte keessatti, kasaaraa guddaa ni qaqqabsiisa. Miidhaa tankaarfiin kun lammii irraan gayuu malu hanbisuudhaaf Oromoon haala naannoo isaa irratti hundaayuudhaan tooftaa baafachuu qaba.

Qabsoon Woyyaaneen woliin godhamu ulfaataa, hadhaayaa fi obsa fixaxhisaa ta’uu mala. Kana hubachuun Oromoon toftaa ciccimaa baafachuu fi mudhi isaa jabeefachuu qaba. Qabsoo irratti kan moo’atu isa murannoo fi cichaan hojjatu qofa.

Yaada qabda barreessaa harun2has@gmail.com braan gayaa.