Dhumaatii baqattoota galaana Mediteraaniyaan qaxxaamuruuf yaalanii 2015 keessa maaltu hammeesse?

Jalqaba bara 2015 keessa qofa baqattoonni 1500 caalan dhumuu isaaniiti kan gabaafame.

Oduuni rifachiisaan dhuma torbaan kanaa, isa gareen ISIS lammiilee Itoophiyaa 30 ajjesuu mul’isuun alatti, waa’ee dooniin baqattootaa galaana Mediteraaniyaan irratti dhidhimuudhaati. Sanbattanni dabre kana qofa keessatti  baqattoonni  900 ol doonii yaabaa turan woliin gara jeefa galaanaatti qajeeluu isaaniiti kan hedduu addunyaa rifachiise. Jalqaba bara 2015 kana keessa baqattoota 1500 oltu bifuma wolfakkaatuun dhumuu isaniiti kan himamu. Bara dabre yeroo wolfakkaatu keessa, jalqaba bara 2014 jechuudhaa, baqattoota 96 qofa kan lubbuun isaanii gaalaana Mediteraaniyaan irratti dabrite. Maaltu dhumaatii baqattootaa bara kana akkas hammeesse?

Sababni inni guddichi yaalin baqattoota galaana irratti rakkatanii baraaruu dhaabachuu ykn heddu hir’achuu isaati. Gamtaan Awurooppaa (GA) yaalii baqattoota galaana irraa baraaruu yeroo hedduuf geggeessaa ture kan ‘dhaabe’ dhuma bara 2014 itti. Hanga dhuma bara dabreetti dhaabbanni biyya Xaaliyaanii Mare Nostrum  jedhamu markaba 5 fi  xayyaara 14n galaana Mediteraaniyaanii sakattauudhaan baqattootaa galaana irratti rakkinni mudate baraaraa kan ture. Irra jireessatti sababa lamaaf GA yaaliin sun akka dhaabatu kan godhe. Tokkoffaan, sagantaan baqattoota galaana irraa baraaruu kuni baqattonni heddu gara Awurooppaatti akka ce’an jajjabeessa kan jedhu. Kanaan wolqabatee almmiile biyyoota Awurooppaailaalcha siyaasaa is agama mirgaa qabaaniin hedu balaaleffatamaa ture. Dhiibbaan siyaasaa mootummoota Awurooppaa irra jira jechuudha, afaan biraatiin. Akka fakkeenyaatti Mate’oo Salviinii dura ta’aan gare mormituu biyya Xaaliyaanii yaalii lubbuu baraaruu kanaan, ‘ tajaajila taaksii laatuu’ jechuudhaan kan qeeqa.  Minsterri Haajaa Biyyakeessaa Jarmaniis, ‘sagantaa lubbuu baraaruu jajjabessuu jechuun worri  baqattoota deddeebisan doonii heddu akka  nutti ergani  jajjabeessuu jechuudha,’ jedhe.

Lammaffaan, waa’ee baasii sagantaa lubbuu baqattootaa baraaruu kanaati. Sagantaan lubbuu baraaruu baasii guddaa gaafata. Baatitti dhaabbata Mare Nostrumiif qofa Euro miliyoona 9 kan ramadamee ture, hanag dhuma 2014 yero isaan saganticha dhabanitti. Hedduun biyyoota Awurooppaa baasii kana baadhachuuf qophii miti. Lammiileen isaanii tokko tokkos jiru kan maallaqani gibira kafaltootaa dhimma kanaaf ooluu hinqabu jechuun morman. Kunis dhiibbaa siyaasaa dabalataa angawoota irratti fe’e.

Gamtaan Awurooppaa (GA) dhumaatii baqattootaa sanbata dabree hordofee wolgahii hatattamaa taasisee ture. Wolgahii kana irraas wonti argame labsii karoora qabxii 10 ufkeessaa qabu. Kanniin  keessaa yaaliin daangaa Awurooppaa tiksuu dachaadhaan cimsuu qabxii ijjannoo isa guddicha. Inni lammaffaa dooniiwwan nama deddeebisan jedhamanii shakkaman barbadeessuudha. Kuni hundi kan ta’uff baqattoonni yaalii Awurooppaa seenuu irratti bobba’anii akka galaana irratti hindhumne dhoorguuf, akka ibsa GA.

Waa’een namoota galaana irraa nuuf birmaadhaaf waraatanii kuni, dhimmi lubbuu baraaruu kuni, angawoota GA hedduu kan yaachiseedha. Sababni isaas baraaruufi baraaruu dhabuunis rakkina mataa isaa qabaachuu isaati. Dhimmicha kanaan wolqabatee yaada gurguddaa lamatu jira. Inni jalqabaa, namoota galaana irraa baraaruun kanniin namoota seeraan ala dachii Awurooppaa irra qubsiisuuf yaalaniif hujii salphisa; akkasumas baqattootas nijajjabeessa amantaa jedhutu jira.

balaa galaana irraaYaanni lammataa, worri mirga namaaf falmani GA burqaa madda rakko dhiisee waan biro irratti xiyyeefataara jedhuun qeequ. Baqa hangana gayuuf falli daangaa cufuu ykn namoota birmannaa barbaadan usanii ilaaluu akka hintaane ibsu. Woggaa dabre qofa keessa baqattoota 220,000 ta’antu seeraan ala galaana qaxxaamuranii Awurooppaa akka senadhiidha kan gabaafame. Hunda caalatti, lubbuu galaana irraa nadhaqqabaaf iyyattutti cal jechuun seeraafi duudhaa Awuroppaan qabdu cabsa jedhu.

Kanas haa ta’uu sani. Baqattoonni kunniin sababa kamiifuu imala hamaa galaana qaxxamuruu irratti bobba’anuu Gamtaan Awurooppaa qeeqa dhaabbilee mirga namoomaf falman jalaa bayuu hindandeenne. Akka dhaabbilee kanniiniitti GA balleessaa ykn hir’ina kan hinqabne ta’uu uf fakkeessuuf quba isaa namoota baqattoota galaanatti oofanitti qaba jedhu. Ammas namoota baqattoota galaana ceesisan adamsuuf ykn dadhabsiisuuf jecha namoota galaana irraa nudhaqqabaaf iyyatanitti cel’isuun dogogorra guddaa ta’uu dubbatu. Dubbi himaan IOM, ‘baqattota heduuf Liibiyaa jiraacuufi galaana Mediteraaniyaan irratti dhumuun addaddummaa hinqabu. Hedduun namoota kanniinii worra biyyaa isaniitiifi Liibiyattis abdii jireenyaa dhabaniidha,’ jechuun hadhaa jireenyaa baqattoonni kunniin dhadhamaa turani ibse.