Dhugaatiin sukkaarri itti heddummaate dhibee sukkaaraa, onneefi kaansariif balbala saaqa

Waan hedduu mi’aayu ykn sukkaara qabu jaalattuu? Itti yaadaa. Qorannon heddu yeroo adda addaatti kan ifa godhe nyataafi dhugaatiin sukkaarri itti dabalame fayyaa namaatiif gaarii ta’uu dhabuu isaati. Dhugaatii sukakarri itti heddumaate dhuguu keennaan rakkoon battalumatti nurra gayu hinjiru. Balaan isaa waan gara boodaati. Ufeeggannaa barbaachisu hingoonu taanaan sukkaara heddummeessuun rakkoo fayaaf balbala saaqa, akka qorannoo barruu Circulation jedhamu irratti bayetti.

Dhugaatii sukkaarri itti eda’ame jechuun kanniin akka dhugaatii lallaafaa, cuunfaafi (inni sukkaara hinqabne rakkoo miti) dhugaatii anniisaa laatu dhuguun ykn heddumeessuun fayyaaf rakkoodha.  Maaliif? Dhugaatii sukkaarri itti heddummaate kana dhuguun kan nama geessu gara dhibee sukkaaraa, onneefi kaansariitti. Dhibee kanniin fagotti ufirraa tiksuu kan fedhu hundi tankaarfiin inni fudhachuu qabu tokko, ammumaa kaasee, sukkaara hir’isuudha.

Qorannoon kuni  isaan kan dura sukkaara irratti geggeeffame hunrraa kan gadifageenyaan geggeeffameedha. Qorannoon kuni kan xumura kanarraa gaye ragaalee erga bara 1980 eegalee wolitti sassaabaa ture irratti hundaayuudhaan. Qorannoo kana irratti biyyoota 51fi namoota wolakkaa miliyoonaa ol ta’aniidha kan hirmaatan.

Biyyoonni namoonni rakkoo sukkaara heddummeessuun wolqabateen hedduminaan keessatti du’an kan dursan Meeksikoofi Ameerikaadha. Rakkoon fayyaa sukkaaraan biyyoota hundarra Jaappaan keessatti baay’ee xiqqaadha. Rakkoon fayyaa sukkaaraan wolitti hidhatu kuni rakkoo manguddootaa qofa miti; namni umrii kamuu irra jiru hanga sukkaara heddumeessetti rakkoo kanaaf kan saaxilameedha.

Rakkoon sukkaaraa ammas akka namoonni tokko tokko yaadan rakkoo biyyoota guddatanii qofaa miti. Qorannoon kuni rakkoon sukkaaraa kan heddumaataa dhufe biyyoota guddinaan sadarkaa gadi aanaafi jiddu galeessa irra jiran keessatti ta’uu isaas jala sarareera. Itti yaaduu kan qabnu ta’uu isaati kuni kan ahunda keenyatti mul’isu.