Boru seenahuu jalaa bayuu feetaa? Gorsa kanniin fudhadhuu irratti hojjadhu

Waa hunda al tokkoon beekuun hindanda’amu. Xiqqeenyatti, yeroo ijollummaa, wontuma ijoolleen beektu beekna. Waan fundura dhufu wonti irraa quba qabu tokko hinjiru. Yeroo dargaggummaas kan dabree fi kan keessa jirruun alatti isa itti deemnu hedduun keenya bareechinee hinbeeknu. Waan keessa jirruu qajeelatti beekuu dhabuu irraa kan ka’e yeroo keenya tasa galaafanna, umriifi hiree teenyattis taphanna. Waa hundi kan beekamu, hubatamu gara boodaati…erga umrii guddatee, muuxxannoon heddumaatee. Yeroo sanitti rakkoon ykn gufuun namoota heddu akka waa baay’ee hinhojjanne danqu guddichi maaliidha? Jaarruma.

Muuxxannoo manguddoo fi hayyoota irraa barachuudhaan nuti hiree argamte hundatti dhimma bahuudhaan fundura keenya akka feenutti ijaarachuu nidandeenna. Hawwii qofaan jiraachuu irraas ni faganna.

Qabxiileen 26 asii gaditti tarreffaman waan namoonni gara boodaa hubatan, deebi’ani argachuuf rakkataniidha. Nuti ammumaa irratti haahojjannuu. Ufitti haafudhannuu.

  1. Hanga ufhubattuu ykn ufbeektuu olitti humna ykn dandeettii qabdaa hubadhu.
  2. Dogoggorii barnoota cimaa siif laata. Akka dogoggora tokko hojjattuun, galma keetti kalaayaa jirtaa beeki.
  3. Simalee wonti duubatti siharkisu tokko hinjiru. Yeroo heddu ufumaa ufsakaalla.
  4. Hangamuu ati carraaqxuu, milkooftuu namni sahuu wonti ati hojjataa jirtu akka hindanda’amne sitti himu hindhabamuu quba qabaadhu.
  5. Fageessinee yaaduu dadhabutu dandeettii keenya daangessa, fagoo gahuu nu hanqisa.
  6. Gaafiin guddichi ufgaafachuu qabdu: ‘Osoo sodaa guutummatti ufkeessaa haqee maal godha ture isa jedhu.’
  7. Dogoggorri guddaan hedduu simiidhu sodaa irraa kan ka’e waa hojjachuu dhiisuu filachuudha. Sodaan nama gaadi’a.
  8. Dogoggora hagamuu hojjattu, sochiin kee hagamuu laaffatu, namoota usanii taa’an irraa heduu fagotti tankaarfataa jirtaa beeki.
  9. Injifannoon mataa si hin korin, kufatiin onnee si hin seenin. Madaala eegi.
  10. Jireenya keessatti yeroo gaariin wolitti bahuuf yeroo hamtuu jala darbuun diqama.
  11. Jireenyi 10% waan uumamuudha, 90% akka ati waan uumame san itti simattu ykn keessummeesituudha.
  12. Waan hojjachuu qabdu osoo hintaane waan jaalattu hojjadhu.
  13. Wonti namoonni jedhan sihincinqin. Dhugaa kee hordofi.
  14. Barumsa irraa kasaaraan hinjiru. Galaana beekumsa irraa hanga dandeette dhuguu irraa ufhinqusatin.
  15. Cinqaa namni waa’ee koo maal yaadaa irraa ufbilisoomsi.
  16. Waan dabre haasayuu hujii hingodhatin. Waa’ee isa dhufuus cinqamaa jiruu uf hindhoorgin. Irra jireessatti jireenyi amma. Jireenyi har’a.
  17. Dubbiin carraa argachuu osoo hintaane carraa argamte fudhachuudha.
  18. Rakkoon, carraa waa barachuu siif laata.
  19. Dogoggora irraa waa heddu barachuun nidanda’ama. Yoo dogoggora waakkachuu hujii godhachuu baatte.
  20. Harka laachuun yeroo hunda dadhabbii simachuu jechuu miti. Harka laachuun yeroo tokko tokko ciminaafi gamnummaa agarsiisa.
  21. Wonti hojjataartu 100% hojjachuu isaatiif afaan guttattee dubbachuu hindandeettu. Ta’us garuu, cal jedhanii taa’uun akka hinhojjanne 100% afaan guuttattee dubbachuu nidandeetta.
  22. Hagamuu uf eeggannaan dubbattuu namni waan ati jettu mimicciiree, hiika biraa itti laatu hindhabamu. Waan jechuu barbaaddu jedhi.
  23. Wanti hojjatan hundi osoo salphaa ta’ee namni hunduu ni hojjata ture.
  24. Hangamuu hawwitu, wonti tokko tokko yoomuu kankee ta’uu hin danda’u. Waan qabdu jaaladhu, galatoomfadhu.
  25. Waan onnee guutuun fundura dhaabachuu hinfeene jijjiiruu hindandeettu beeki.
  26. Jireenyi hanga rakkoon dabru eeguu osoo hintaane rakkoma keessatti akkamitti akka jiraachuun danda’amu baruudha.