Dhimmoota hariiroo lamee woljaallattan jidduu jiru diiguu malan

Yoo namni tokko sijaalate, akki isaan waa'ee kee itti haasayan adda. Sitti tola, sigammachiisa. Akka tasgabbiin sitti dhagayamu sitaasisa. Jess C. Scott

Hundi keenya nama jaallannu wojjiin jiraachuu ykn jireenya tasgabbii geggeeffachuu hawwina. Namni hundi kanatti nimilkaawa ykn hawwiin kuni niguutamaaf jechuun ammo hindanda’amu. Namoota (lamee) tokko tokkoof nama jaallatan wojjiin umrii guutuu jiraachun waan hawwii bira ce’uu miti. Maaltu fedhii lamee wol jaalatanii afoo dhaabbata? Maaltu namoota wojjiin jiraachuu filatan akka yeroo dheeraadhaaf, gufuu jireenyaa dandamatanii, wojjiin hinjiraanneef danqaa itti ta’a garuu?

Dursa wonti hubatamuu qabu garuu lameen, waahiloonni ykn hiriyyoon (dhiiraafi dhalaa) hundi tokko ta’uu dhabuu isaaniiti- uumaadhaan. Amalaafi ilaalchi isaanis bifa kamiinuu tokko ta’uu hindanda’u. Ta’us garuu, dhimmoonni namoota heddu wolfakkeessan heddutu jira. Amaloota namoonni heddu qoodaman irratti xiyyeeffachuudhaan qabxiilee kufaatii hariiroo lamee ykn diigamiinsa woliinjireenya waahilootaaf (dhiirsaafi niitii)  sababa gurguddaa ta’an jedhaman  tarreesseera. Qalbiin dubbisaa.

  1. Wolamaniinsi hir’achuu ykn guutummatti dhabamuu. Woliin jireenyi abbaa manaafi haadha manaa ykn hiriyyootaa umrii akka hinqabaannees sababoota ta’an keessaa inni guddaan laaffataa deemuu wolamantaati. Wolamanuun gaalee jaalalaa isa guddicha. Citiinsi ykn laaffatiinsi gaalee kanaa diigamiinsa jaalalaatti geessa.
  2. Wonti wolirraa eegan addaaddummaa qabaachuu. Hariiroon namoota lamaan jidduu jiru gara jalqabaatti dirree abaabooti. Hunduu bareedaafi urgaayaadha jechuun nidanda’ama. Wonti hundi akka eegaleen itti fufa jechuun hindanda’amu; birraa irraa gara gannaatti ce’uun uumaadha. Rakkoon ykn gufuun kan bulluq jedhuu egalu gara boodaatti; erga namoonni lama yeroo dheeraadhaaf woliin jiraachuu eegalaniiti. Akkuma woliin jiraachaa deemaniin, lamee jiddutti, wonti isaan wolirraa eegan heddummaataafi garaagarumaan babal’ataa adeema. Dran cimuun tasa hinjiru jechuus miti- hubannoo keessa galchaa. Kan jalqaba irra waa cufti ‘kan keenya’ jedhu gara boodaatti ‘ kiyya, kiyya’ fi ‘ kiyya haa dursu’ wontoonni jedhan heddumaataa adeemu. Kuni gamtaan jiraachuu hedduu laaffisuu bira dabree gara diigamuutti geessa. ‘Kiyya, kiyyaa’ hir’isaa.
  3. Saffisni jireenyaa wolgituu dhabuu. Jireenyi boqannaa heddus hinqabdu. Hundi jiga dadhabaa jiraa, kufee ka’aaraa garuu?  Bakka tokko ufiifi maatii hunda jijjiiruuf hojjatu, dadhabu, kufee ka’utti; inni biroo ufdagatee, diriirfatee taa’uun kan itti nama geessu gara gargar bayuutti. Sammuu, jireenyaafi yaadaan kallattii addaddaa qabachuun gargar fagaachutti nama geessa.
  4. Wolgitiinsi dhabamuu. Lamee jidduu wolgitiinsi ilaalchaa, hawaasummaafi wolqunnamtiis jiraachuun wolutubanii woliin funduratti tankaarfachuuf baay’ee barbaachisaadha.
  5. Sararri wolqunnamtii boorayuu. Namoonni lama sammuu tokkoon yaaduufi arraba tokkoon yeroo hunda dubbachuun waan fakkaatuu miti. Lamee jidduu garuu yaanni sammuufi wolhubannoon hedduu wolitti kalaayu jiraachuu qaba. Karaan wolqunnamtii bifa kamiinuu kan kabajaafi jaalala callaqqisu ta’utu isarra jira. Yaadaafi wolhubannoon laga gamaafi gamana dhaabbatanii qaamaan woliin jiraachuun hedduu ulfaataadha.
  6. Amala ‘anamalee’ qabaachuu. Amalli anamalee lamee jiddutti mul’ate jechuun summiin hariiroofi jaalala isaanii ajjeessuu uumame jechuudha. Amalli anamalee ykn barbaachisummaa ufii olbokossuu, uf nama hunda caalchisuu; akka Xinsamuutti dhibee ykn rakkoo sammuuti.
  7. Hariiroo irratti daba hojjachuu. Daba hojjachuun bifa arrabaan, gochaa (sagaagaluu, rukutuu) fi hamileen kan ibsamuudha. Lameen wolirratti daba hojjachuun ykn shira xaxuun diiggaa malee faaydaan inni maddisiisu  kan biraa tokko hinjiru.
  8. Araadaaf masakamuu. Kanniin namoonni akka addaan deeman godhan keessaa (namoonni heddu qabxii kana akka gaaritti hubatu) inni tokko araada hamaa (qumaara, dhugaatii fi sagaagalumaa) qabaachuudha.
  9. Kophummaa. Namoota ammuma wolitti dhufaniif (kanniin hariiroon isaan jidduu jiru woggaa 2 hincaalleef) kophummaan ykn addaan fagaachuun naga osoo wolitti hindhaammanne gargar bayuuf sababa guddaadha.
  10. Maallaqa. Kuni dhimma ijoodha. Kessumattuu gadaa tana. Lamee jiddutti, inni tokko kennaa inni biraa ammo fudhataa ykn harka eeggataa ta’uun inuma woliin nama hinjiraachisne. Hedduun namaa bilisummaa diinagdee ykn horoo labsachuu fedha. Humni nama hedduu kan hinhayyamu garuu. Yoo xiqqaate, woliin jiraachuudhaaf, waan qaban woliin dhimma itti bayuu danda’uun barbaachisaadha.