Dhibee Iboolaa, Maallattoo isaa fi Tankaarfii Fudhatamuu Malu

Iboolaan dhibee yeroo ammaa maqaa isaa dhahuu mitii gurraan dhagayuufis jibbisiisaa fi sodaachisaa kan ta’eedha- Aafrikaa fi Afrikaan alattis. Dhibeen kuni nama heddu ajeesuu yoo kaan too’annaan ala bahuu isaa miti kan akkas sodaachisaa fi rifachiisaa isa taasise. Dawaa dhabuu fi dafxaan lubbuun namaa akka qaaritu taasisuu isaati- keessumattuu naannoo wol’aansi fayyaa hammayyaa fi gayaan hinjiretti. Yeroo kanatti Iboolaan guutummatti too’annaan alas hinbaane, biyyoota heddu keessas hingarmaamne.Guutummatti too’annaa jalas hinolle, garuu.

Biyyoota Aafrikaa gara dhihaatti, kessumattuu Giinii, Laybeeriyaa fi Seraaliyoon keessatti Iboolaan namoota kumaatamatti laakkayaman galaafate. Akka WHO [Dhaabbata Fayyaa Addunyaa] jedhutti naannoo namoota 5000tu du’e, kanneen 14,000tti kalaayan dhibee kanaan qabamuun hinoolle jedhamee shakkama.

Akka hubachiisa WHO tti Iboolaan rakkoo fayyaa hawaasaa akka ta’etti itti fufeera, gama Lixa Aafrikaatti. Akka ibsa CDC [Dhaabbata Dhibee Too’annaa Ameerikaa] tti biyyoota Aafrikattai namoota 10 dhukkuba kanaan qabaman keessaa 6 nidu’u. Hir’innaa fi dhabamiinsi tajaajila fayyaa haala kana akka hameesse eeruudhaan CDCn, tajaajilli gayaan jira osoo ta’ee dhibeen kuni nama san daran akka hingalaafanne amana. Sababni isaa namoota Ameerikatti dhibee kanaan qabaman hedduun isaanii fayyan waan ta’eef. Biyyoonni tajaajilaa fi wol’aansa fayyaa gahaa hinqabne dhibee kana irraa fagotti ummata isaanii eeguun alatti ammatti falli biraa kan hinjirre ta’uun hubatameera.

Dhukkubni iboolaa qilleensaan nama irraa namatti hindabru. Karaan inni dabruun tokkichi yoo dhangala’aan qaama dhukkubsataatii bayu nama fayyaa qabu seene ykn faale qofa. Kans jechuun yoo dhiigni, furriin, imimmaan, dafqi fi albaatiin vaayrasii Iboolaatiin faalame nama seene. Kunis ammo kan ta’u erga namni dhukkuba kanaan qabamee mallattoo dhibee Iboolaa argisiisuu eegalee booda.

Namni qaamni isaa vaayrasii Iboolaan weerarame mallattolee adda addaa argisiisa. Kanniin keessaa isaan ijoon qufaa ykn uttaalloo, oo’ina qaamaa haalaan olka’aa, dhukkubbii hidda qaamaa, bowwoo, dhukkubbii kokkee fi dadhabbiidha. Mallattoo kanniinitti aanee haqqee, baasaa fi dhiiga gara keessaatu dhufa. Mallattoowwan kanniin booda kalee fi tiruun dalagaa dhaabuu eegalu. Sanbooda yeroo torbee tokkoo hanag lamaatti (guyyaa 7 hanga 14), wol’aansi gayaan hinjiru taanaan, lubbuun dhibamaa baati.

Namni dhibee Iboolaatiin qabame erga dandamatee boodas qaama isaa keessatti vaayrasiin Iboolaa hancufa keessatti sadarkaa gadaanaan argamuu nidanda’a. Erga fayyee yeroo muraasaaf jechuudha.

Dhibee Iboolaa kana ufirraa ittisuun nidanda’ama- nama dhibameen qaamaan wolqunnamuu dhabuudha tankaarfiin jalqabaa. Kana jechuun dhangala’aa qaama namaatii bayu irraa qajeelatti daangeffamuudha.