Dheerinni dubartiifi umriin ulfaa wolitti hidhata qabaachuun beekame

Haadha irraa ilmoon kan dhaaltu waan heddu. Dheerinaafi bifti haadhaa ilmoo irratti dhiibbaa akka qaban ni beekama. Hojjaan haadhaa ilmoon garaa jirtu baatii sagal guutuufi dursitee dhalachuu irratti dhiibbaa qabaatuu  nimala jedhee kan yaade meeqa keessan?

Qorannoon  tokko dubartoota Noorweey, Denmaarkiifi Finlaand 3,485 irratti geggeeffamee ture. Hedduun daa’imman baatii sagal osoo hinguutin dhalatanii kan dhalan haawwotii hojjaan gaggabaaboo dha. Kuni waan akkasumaan ykn akka carraa ta’ee miti. Qorannoon kuni kan jala sarare dheerinni haadhaafi umriin ulfaa wolitti hidhata qabaachuu isaati. Haawwotiin hojjaa gabaabaa qaban kanniin hojjaa dheeraa qabaniin yoo wolbira qabaman daa’ima baatii sagal hinguutin kan dayu isaani. Kuni dubartii gabaabduu hunda jechuu miti. Dubartiin dheertuunis takkaa ilmoo baatii sagal hinguunne hindhalle jechuus akka hintaane hubadhaa. Dhimmoonni fayyaa biroo jiru kan dubatiin takka fakkenyaaf baatii torbatti ilmoo akka dhaltu kan dirqan.

Rakkoo fayyaa daa’imman baatii sagal osoo hinguunne dhalatanii

Sadarkaa addunyaatti woggatti daa’imman miliyoona 15 tu baatii sagal osoo hinguutin kan dhalatan. Kana keessaa miliyoona 1 ol kan ta’an nidu’u. Gama biraatiin ijoolleen duursanii dhalatan jireenya keessatti, fayyaan wolqabatee, rakkoo heddutu isaan  mudata. Rakkoon gurguddoon kanniin akka qilleensa baafachuu dadhabuu, ijaafi bilchina sammuuti.

Dheerinni haadhaa umrii ulfaa irratti dhiibbaa qabaachuun isaa ifa. Kuni maaliif ta’e garuu? Ammatti gaafii kanaaf deebiin quubsaan kan hinjire ta’uu qorattoonni dubbatan.