Dhaabbileen maqaa praayivetaayzeshiiniin qabeenya ummataa fudhatan qarshii ittiin bitan mootummaa dhoorgachuun gabaafame

Dhaabbilee fi namoonni qabeenya ummataa maqaa piraayvetaayizeshiiniin fudhatan, MIDROC dabalatee, qarshii ittiin bitanii fi gibira kaffaluu dhabuun isaanii sadarkaa saamichaa calaqqisa

Dhaabbanni Praayivetaayzeshiinii Itoophiyaa qabeenya ummataa (lafa qonnaa, albuudaa fi worshaalee) dhaabbilee fi namoota dhuunfaatti gurgurus maallaqa gurgurtaa irraa argamuu male qarshii biliyoona heddutti laakkayamu qaamota qabeenya ummataa bitatan irraa wolitti sassaabuu dadhabuu isaa paarlaamaa biyyattiititti hime. Maallaqa hanga ammaa wolitti hin qabamne keessaa %60 kan hafe MIDROC (qabeenya Al Amudin) biratti ta’uus ifa godheera.

MIDROC madda rakkoo gurguddaa erga ta’ee tureera. Dhaabbanni Al Amudin qarshii qabeenya ummtaa ittiin bitate dhoorgachuu qofatti hin daangofne. Gibiras qajelatti hin kaffalu. Lafa qonnaa bal’aa Shaashamannee fi Hawaasaa jiddutti argamu, ummata naannoo Arsii dhihaa irraa buqqisee, maqaa misoomaan woggaa 15 oliiif fudhatus waan ummataaf faaydaa qabu tokko irratti hin hojjanne. Magaalaa Finfinnee iddoo garagaraatti MIDROC lafa dallawee biraa kute ganna 20 boodas itti hin deebine. Yeroo kuni hundi ta’u qaamni mootummaa Sheekichatti dubbatu tokko hin argamne. Kan dantaa ufiitiif dhaabate malee kan ummataaf dhaabate dhabamuu isaati kan rakkoo kana hundaaf balbala bane.

Gabaasni dhabbata Praayivetaayzeshiinii Itoophiaa kana irraa hubachuun kan danda’amu qabeenyi ummataa woggoottan 25’f kaffaltiin maletti namootaa fi dhaabbilee mootummaan wolitti hidhata qabaniif raabsamaa turuu isaati. Qabeenya ummataa samaniiti, akkuma qaamonni wolabaa yeroo garagaraatti dubbatan, namoonni kan halkan tokkotti daaraa dhadhayatanii worqee fi naasa irratti nyaachuu eegalan. Kan nama aja’ibu, haala rakkoon kuni hin furamne keessatti, dhaabbanni kuni ammas lafa qonnaa fi worshaalee ummataa gurguruuf asiifi achi jechaa jiraachuu isaati.

Yeroo dabre dhaabbanni Oodiittii Itoophiyaa dhaabbileen albuuda baasuu irratti bobba’an mootummaaf gibira kan hin kaffalle ta’uu fi naannoon Oromiyaa woggaa tokkootti qarshii miliyoona 427 dhaabbilee albuudaa iraa argachuu male dhabuus saaxilee ture.

Gabaasni yeroo addaddaatti qaamota mootummaan dhiyaataa jiran kan addeessan hiddi rakkoo saamichaa, malaanmaltummaa, gandummaa fi dhabamiinsa bulchiinsa garii fi ol’aantummaa seeraa hedduu cimaa fi kan lafa keessa gadi fagaate ta’uu ragaa bayaa jira. Gabaasni isaanii kuni qaamoota mootummaaf yoo ta’e malee ummatatti waan haarawa hin labsine. Ummanni ganna 25 guutuu rakkoon kuni jiraachuu hubatee furmaataaf dubbataa fi iyyataa tureera. Rakkoodhuma amma mootummaan amanu kana dubbataniif lammiileen hidhaa, baqaa fi gidiraa bifa addaddaatiif saaxilaman heddu.

Ummanni dhagayuu kan fedhu ammatti oduu rakkoon jiraachuu agarsiisanii miti. Rakkoon cimaan jiraachuu ummanni eennuunuu caalatti hubata. Kan arguu fi dhagayuu fedhu, ummanni, qaamonni rakkoo kana uuman seeratti dhiyaatuu fi rakkoon kuni madda irraa goguu isaati. Mootummaan kuni kana godhuuf dandeettii, fedhii, qophaayinaa fi hamilee qaba jedhee kan amanu jira hin fakkaatu. Kunis mootummaan kuni qaama rakkoo kana uume ta’uu isaati. Ammas, mootummaan kuni rakkoo arge jedhu arguu isaa labsuu fi fakkeessuu bira ce’ee yeroon tankaarfii cimaa fudhate hanga ammaatti mudhatee hin beeku. Amantaan ummanni mootummaa irraa qabu erga xuuxamee ganni heddu darbaniiru. Tarii mootummichi ammas kana argutti hin jiru ykn arguu hin fedhu ta’a.

Dhaabbanni dirqamaa fi waadaa qabeenya ummataa dhaabbilee dhuunfaatti gurguruu fudhate erga mootummaan Woyyaanee angotti dhufee kaasee qabeenya ummataa heddu, maallaqa biliyoona heddutti laakkayamu, namoota dhuunfaatti gurguraa tureera. Kannin gurguraman keessaa worqeen Laga Dambii, warshaaleen ummataa, qonni babal’aan godinoota Arsii, Baalee, Wollagga, Shawaa fi Iluu Abbaabooraatti argaman keessatti argamu. Lafa qonnaa Seeroftaa heektaara kuma kudhanii ol ta’u, yeroo dargaggoon Arsii lafa qonnaaf fi mana irratti ijaaratu dhabee daandii irratti kufe kanatti, kaffaltii tokkoon maletti prezidaantii Jibuutiif kan kennes (ajaja Mallas Zeenaawiin) dhaabbatuma kana.