Dawaan ulfa ittisu kan dhiiraa hojjatamuuf deema

Hanga ammaatti ba’aan ulfaayuu fi ulfa irraa  ufittisuu kan dubartiiti. Dhiirri dhimmoota lamaan kana woliin hindhiphatan, hincinqaman. Gadaa hanga ammaa keessa jiraane tanatti, seera hanga ammaa ittiin bulle kanatti aduun waan itti dhihaartu fakkaatti. Akka qorannoon Indooneesiyatti godhame akeekutti, ba’aa ulfa too’achuu [birth control] dhiirris dubartoota irraa qoodamuuf deema. Kuni kan dhugoomu dhiirri dawaa shawaa (sperm) qaama namaatii bayu laaffisu ykn dadhabsiisu liqimsuu ykn nyaachuudhaan. Dubartootaaf tarii kuni oduu dansaa ta’uun nimala.

Argamiinsa dawaa kanaaf sababa kan ta’e oduu gama oddoola Papu’aa, biyya Indooneesiyaa irraa as qaari’een. Akka oduu kanaatti, dhiirri Papu’aa biqiltuu ‘justica gendarussa’ jedhamu nyaachuudhaan dubartoota isaanii ulfaayuu irraa tiksan. Dhiirronni Papu’aa baala biqiltuu kanaa danfisanii shaayii woliin dhugu ykn kophama isaa alanshu.

Oduun kuni qorattoota bira gayuun, akka saayinsistoonni qorannoo gadi fageenyaa biqiltuu kana irratti geggeessaniif sababa ta’e. qorannoon  saayinsistootaas dhugumatti kan mirkaneesse biqiltuun ‘justica gendarussa’ iccitii cimaa ulfa ittisuu danda’u qabachuu isaati. Yaaliin kiliinikaa geggeeffame hedduun isaa, bu’aa baay’ee abdachiisaa ta’e argamsiiseera, akka qorannoo kuni mirkaneessetti.

Akka hooggannaa garee qorannoo kan ta’e Bambang Prajogotiitti,  dawaan kuni 99% dhimma yaadameef niraawwata. Akkuma dawaa dubartiin fudhattuutti, dhiirris dawaa kana guyyaa guyyatti fudhachutu irraa eegama. Guyyaa irraa fudhachuun kuni garuu, akka dawaa isa dubartootaa, fayyaa irratti dhiibbaa heddu hinqabu. Osoma ta’uu, dawaan kuni 100% dhibbaa tokkos nama dawaa kanatti dhimma bahu irratti hinqabu jechuun hindanda’amu. Akka qorannoon jalqabaa kuni mirkanessetti, ulfinni qaamaa fi fedhii wolqunnamtii saalaa dabaluun namoota dawaa kana fudhatan irratti mul’achuun nimala.

Qorannoon dabalataas itti fufee jira. Dawaan kuni bara 2016 Indooneesiyatti akka gabaa irra ooluudha kaneegamu. Kubbaaniyoonni Ameerikaa hedduun hayyama dawaa kanaa harkatti galfachuuf maallaqa Doolaara Ameerikaa biliyoona heddu qorattoota Indooneesiyaaf kennuuf carraaqanis itti hinmilkoofne. Kuni kan mul’isu tarii qorattoonni Indooneesiyaa fedhii ufumaa isaaniitii dawaa kana omishuu qabaachuu ta’a.

Dawaan kuni guutumatti milkaayee gabaa irra oole taanaan dhiraa fi dubartiin wolqixa dirqama ulfa ittisuu qoodamuuf deemu jechuudha. Yeroon haati worraa ykn hiriyyaan dubartii, dhiirsa ykn hiriyyaa isaaniittin, ‘dawaa ulfa dhoorgu fudhattee?’ jedhanii gaafatan hedduu fagoo hinta’u.