Home featured Dawaa HIV guutummatti baalleessuu danda’u argachutti dhihaanne jedhu saayinsistoonni

Dawaa HIV guutummatti baalleessuu danda’u argachutti dhihaanne jedhu saayinsistoonni

Dawaan Disulfiram wol'aansa HIV/AIDS'f daandii haarawa saaquun nimala

1
563

Dhukkubni HIV/AIDS woggoota hedduuf magaalaafi baadiyaa addunyaa hunda keessa burraaqaa erga turee booda dawaa antiretroviral therapy (ART) jedhamuun hanga tokkos ta’u lugaamameera. Fedhiin saayinsistootaa, garuu, HIV lugaamuu qofa osoo hin taane, guutummatti too’annaa jala oolchuudha. Hanga yeroo dhiyoottii kana godhutti hin milkoofne. Amma garuu gara vaayirasii HIV qama namootaa keessaa qulqulleessuutti dhiyaachuu isaanii ibsu. Oduu gaariidha!

HIV qaama keessaa guutummatti balleessuuf qorattootatti qormaata cimaa ta’ee kan ture vaayirasiin kuni dawaa ART booda qaama dhukkubsattootaa keessatti riphee/waan du’e fakkaatee hafuu isaati. Ajeessuudhaaf ykn rukutuuf vaayirasiin kuni bakka itti riphee ka’uu ykn mataa ol qabachuu qaba. Humna ykn dawaa kana hojjatu dhabuudha kan vaayirasiin kuni, qorattoonni osoma argan, achuma qaama namootaa keessatti akka maandhefatetti akka turu kan isa taasise.

Amma garuu falli vaayirasii HIV isa riphe kaasanii dirree irra ittiin dhaaban kan argame fakkaata; Iddoo hin eeggamin tokko irraa. Dawaan Disulfiram/Antabuse jedhamu namoota araada dhugaatiin qabamanii rakkatan wol’aanuuf jedhame tolfame, vaayirasii qaama keessatti riphes kan kakaasu ykn dirree irratti baasu ta’uu isaati kan hubatame. Vaayirasiin kuni mataa olqabate tanaan dawaa biraatiin ykn dandettii ittisa dhibeen (immune system) ni rukutama jechuudha.

Dawaan kuni namoota HIV qabaman kanniin Ameerikaa fi Austraaliyaa jirataniif latameera. Sababa dawaa kanaatiin vaayirasiin riphee tures mataa olqabachuun isaa beekameera. Dawaan kuni HIV wol’aanuun wolqabatee haala hanga ammaatti jiru geeddaruu nimala abdiin jedhu ganada qorattootaatii bal’inaan dhagayamaara. Egaa dawaan disulfiram dandeettii vaayirasii HIV dirree irratti baasuu qabaachuu isaati  kan abdii guddaa qorattoota keessatti hore. Ta’us garuu, Vaayirasischa gutummatti qaama keessaa qulqulleessuuf hujiin guddaan gara funduraatti hojjatamuu kan qabu ta’uu qorattooni dubbatu.

Hanga bara 2014’tti guutuu addunyaa irrattai namonni naannoo miliyoona 37 HIV’n qabamanii dawaa ART’tti dhimma bayaa kan jiraatan. Woggatti gara namoota miliyoona 2’tu vaayirasii kanaan balfama. Dhibeen HIV/AIDS erga bara 1980 kaasee du’a namoota miliyoona 34’f sababa ta’uu ragaan UN agarsiisa.

1 COMMENT

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.