Dargaggummatti qabxiilee kanniin irratti yoo hojjattan gaafa dullummaa hinseenoftan

Jireenyi keessan inni boruu irra caalatti waan har'a raawwattan irratti hundaaya

Namoota jaaran ykn dullooman irraa yeroo heddu kan dhagayamu osoo yeroo dargaggummaa koo kana godhee ykn san raawwadhee ture waan jedhu- seenahuu. Dargaggoonni har’aa boru seenahuu jalaa dandamachuu qaban. Kanaaf kan ta’u yaada gorsa qabadheen dhihaadhe.

Yeroo ufduubatti deebisuun waan hindanda’amne. Kanaaf ammumaa yeroo keennatti gamnummaan dhimma bahuu kan qabnuuf. Abbootii, akaakileefi beektota umriin nucaalan irraa waa barachuu qabna. Yeroo hunda garuu, akkamiin akka isaan irra jireenya fooyya’aa  jiraachuufi bakka isaan itti dhaabatan irraa takka lama funduratti tankaarfannee argamuu akka qabnu irratti yaaduufi hojjachuu danda’utu nurra jira.

Qabxiileen asii gaditti tarreeffaman qaama boqonnaa yaada asii olitti ka’ee, gaafa dullumaa seenahuu jalaa bayuu, dhugoomsuuti. Gaafa umriin keessan 50 irra olche’e seenahaa, ufitti gaddaafi ufjibbaa jiraachuu hir’isuun fedhii hundaati; ani akkasitti amana. Yaadadhaa: wonti nuti gaafa umrii mana 20 fi 30 keessaa raawwannu, beekaas ta’ee osoo hinbeekne, gabaabumatti daandii jireenyaa isa gara duraa saquudha. Daandiin nuti saaqnu kallattiin isaa irra jireessatti lama: tokko gara hallayyaatti nugeessa inni biroo dirreerratti nubaasa. Maal maal akka hojjataa jirru beekuu qabna. Kun qofti gahaa miti, imalli jireenyaa daandii nuti saaqne gadi lakkisuufi irra jiraachuu isaa mirkaneeffachuuf yeroo yerotti gamaaggamuun hedduu barbaachisadha.

Wontoonni namoonni umriin mana 20 fi 30 keessa jiran raawwachuu qaba hedduudha; jiraanya isaanii gara boodaa ammumaa qajeelfachuudhaaf. Waan ta’uu qaban heddu  keessaa ammaaf qabxiilee muraasa qofa irratti xiyyeeffadha.

  1. Tamboo hinaarsin. Aarsaa jirta taanaan dhaabi. Rakkoo fayyaafi du’a dhibee hedduun dhuftu heddu keessaa tamboo aarsuun harka qaba.
  2. Hariiroo maatii, obboleewwaniifi hiriyyoota kee wojjiin qabdu ammumaa cimsi. Maatiifi hiriyyoota har’a dagatteefi dirree irratti gatte gaafa jaarte wolitti qabuun sidhiba. Kophaa kee hafuun nimalaa itti yadi.
  3. Dandeettii, yeroofi maallaqa qabdu irraa hanga tokko hawaasaaf laati. Gaafa jaarte hunda ni argatta. Waan har’a facaaste haamatta.
  4. Kaayyoofi karoora jireenyaa baafatte hujii irra oolchuu lafarra hinharkisin. Wonti eegdu hinjiru. Umrii kanatti humnaafi beekumsas qabda waan ta’eef.
  5. Nyaata filadhu. Hedduu keennaaf waan nyaanu filachuu mitii waanuma nyaannuu argachuunuu qormaata. Gaafa waan nyaattu argatte, garuu, argadhe jettee waanuma argite hunda hingalchin.
  6. Maallaqa qusachuu jalqabi. Akka jaaraa deemtuun balbalti madda galii keetii dhiphataa deema. Jireenyi garuu itti fufa. Jaarruma keessa jireenya rakkoo, hiyyummaafi dhibee geggessuu caala maaltu ulfaata?
  7. Waan qabdutti gammadduu yaali. Saahuu yaadadhu, namoonni waan ati qabduu gadi qaban hedu akka ta’an.
  8. Qulqullina ilkaan keetii qajeelatti hordofi. Booda sirraa harca’ee afaan duwwaa hafta, fokkatta, nyaachuus dadhabda.
  9. Yaadannoo keetis wolitti qabadhu. Mudannoo jireenyaa gurguddoo hunda wolitti qabadhu, galmeedhaan kaayadhu. Yeroo jaartetti mudannoo jireenyaa hunda yaadachuun sirakkisa.
  10. Shaakala qaamaa heddumeessi. Furdina qaamaa hir’isi. Sochii baay’isi. Kana goonaan gaafa jaarte barcumaa irrati hinhidhamtu. Bakka teettee ol ka’uuf hedduu hinhiixxattu.
  11. Waa baruuf fedhii guddaa qabaadhu. Waan godhuuf sodaattu keessaa tokko tokko godhuuf onnee qabaadhu.
  12. Woggatti kitaabota heddu dubbisuuf yaali.
  13. Manas ijaarachuufi ykn bitachuuf carraaqi.

Qamadii facaasnee mishingaa haamachuun inuma hinfakkaanne. Waan boruuf ta’u har’uma haa eegalluu. Hiree gaarii.