Dararaan baqattoota Itoophiyaa ardii Awurooppaattis itti fufee jira

Jireenyi baqaa lammiilee Itoophiyaaf haarawaa miti. Lamiileen biyyattii kan baqatan gara kallattii hundaatti: Afrikaa Kibbaa, Keeniyaa, Yaman, Suudaan, Jibuutiifi Somaaliyaan osoo hinhafin. Yeroo dhihoo as ammoo imalli gara Liibiyaa godhamu kan heddummaate fakkaata. Irra jireessi baqattoota gammoojjii Saharaa qaxxaamuruudhaan gara Liibiyaatti deemanii achuma Liibiyaa iddoo jireenyaa ykn qubsuma isaanii godhachuuf miti; Liibiyaan riqicha gara Awurooppaatti ittiin qaxxaamuran.

Yaaliin gara Awurooppaatti qaxxaamuruuf godhamu salphaa miti, garuu. Lubbuu gammoojjii Saharaa dandamatte qurxummii Galaana Mediteraaniyaaniif dabarsanii akka laatuutti kanniin ilaalan jiru. Ta’us ammaaf, baqattoonni heddu, kanniin Oromoo dabalatee, jireenya hadhaayaa biyya isaanii irra Galaana Mediteraaniyaanii ugguu kan filatan fakkaata. Wonti hedduu nama gaddisiisu garuu lubbuun doonii laastikaa danbaliifi bubbeen Galaanni Mediteraaniyaanii akka kubbaatti dhiitaa qarqara Awurooppaatti darbe ammas boqonnaa argachuufi hara galfachuu dhabuu isiiti.

Hedduun baqattootaa jalqaba dachii Xaaliyaanii irra kan ijjatan. Imalli isaanii achitti hindhumu garuu. irra jireessi isaanii Xaaliyaanii dhiisanii kan fuulleffatan gara biyyoota Awurooppaa Lixaafi (Jarmanii, Noorweeyiifi Siwiidin) Kaabaatti (Ingiliiziifi Hoolaand). Baqattoonni heddu gara Kaabaa fi Lixaatti kan imalan sababa adda addaatiif. Fedhiifi hawwiin garasitti deemuu, garuu, waan akka laayyotti guutamuufi bira gayamu hintaane. Keessumattuu yaaliin gara Ingiliizitti ce’uuf godhamu hedduu hadhaayaa, ulfaataafi obsa fixachiisaa ta’uu isaati kan yeroo adda addaatti himamu. Kan nama gaddisiisu lubbuun namoota tokko tokkoo Saharaafi Mediteraaniyaanii dandamattee qarqara Galaana Atlaantikiitti (Kaalee, Faransaayi) yeroo baatutu mul’ata.

Rakkoofi dararaa baqattoota Itoophiyaa ardii Awurooppatti osoo hinhafin (kanniin biyya biroos akkasuma) isaan mudatu viidiyoo kana irraa hanga tokko hubachuun nidanda’ama.