Daqiiqaan dhumaa guyyaa har’aa sekondii 61 qabaachuuf deemti, jedha NASAn

Guyyaan har’aa guyyaa hundarra dheeraadha. Sababni isaas waan marsaan lafaa sekondii tokkoon duubatti harkifatuuf. Isa kanaan saayinsistoonni leap second jedhu. Leap year beektu. Dubbichi sanumaan wolfakakata.

Lafti yeroo yeroo baay’ee marsaa guyyaa guyyatti gootutti xumura laatuuf sekondii 86,400 isii irraa fudhata. Har’a garuu marsaan lafaa dheerina sekondii 86,401 qabaachuuf deema, jedha Dhaabbani Qorannoo Samii Ameerikaa (NASAn). Afaan biraatiin lafti guyyaa har’aa suuta nannofti jechuudha. Kanumaan wolqabatee sa’aan UTC (Coordinated Universal Time) agarsiisa guyyaa har’aa irraa gara kan borutti kan geeddaramu akka kana duraa 23:59:59 irraa gara 00:00:00tti miti.  Guyyaa boruu agarsiisuun duratti sa’aan UTC kan mul’isu sa’aan 23:59:60 irra ta’uu isaati. Kuni kan argisiisu daqiiqaan dhumaa ta’n guyyaa har’aa sekondii 61 qabaachuu isiiti.

Jijjirraan sekondii tokkoo kuni erga bara 2012 isa jalqabaati. Geeddaramiinsi mul’ate kunis kompiitara irratti dhiibbaa xiqqoo kan qabu ta’uu isaati kan BBCn gabaase. Rakkoon kompiitaraan wolqabate hedduminaan mul’achuu kan malu naannoo ardii Eeshiyaatti. Worri Afrikaafi ardii biroo hedduu hinyaaddayinaa.

Marsaa lafaa sekondii tokkoon duubatti harkifachutti kan geesse humna harkisa lafaa, aduufi ji’a jidduu jiru ta’uu isaati kan NASAn dubbatu.