Dantaa Oromiyaan Finfinnee irraa qabdu kan mirkaneessu qabsoo Oromoo malee labsii mootummaa ADWUI miti

Harun Hassen | Tajaajila barnootaa, fayyaafi bishaanii laatuun; ammas maqaa lafaa deebisuun waan dirqama ta’uun irra ture malee waan dantaa Oromiyaan Finfinnee irraa qabdu eegsisuun wolqabatuu miti.

Oromoon humnaan cabee mirgaafi qabeenya isaa dhabe. Finfinnees kan isa dhabsiise, harka Oromiyaatii akka baatuuf kan dirqisiise humna/qawweedha. Humnaanis saamamu, qawweenis qe’ee isaa irraa ari’amu, Oromoon magaalaa isaa Finfinnee deeffachuudhaaf falmachuu irraa takkaa hin boqanne. Finfinneef jecha, durii hanga har’aatti, Oromoon lubbuu ijoollee isaa heddu gabbare. Gatiin kuni hundi kaffalamus, hanga har’aatti Finfinneen kan jirtu harka alagaati.

Mootummaan ADWUI heera bara 1995 tumeen dantaan Oromiyaan Finfinnee irraa qabdu akka seeraan beekamtii argatu waadaa seenee ture. Woggaa 25 guutuuf dantaan kuni akka ifatti beekamuufi Oromoon fayyadamaa dantaa kanaa akka ta’uuf yaaliin obsa fixachiisaan taasifamaa tureera. Gareen qawween taayitaa dhunfate, Oromoo akka sabaatti tuffate gaafii ummataa dalgatti jedhee jiraate. Galmee wa’ee dantaa Oromiyaan Finfinnee irraa qabdu odeessu bakka itti gatamee kan baye qabsoo hadhooftuu Oromooon bara 2015/16 dhiigaan geggeesseen. Galmeen ruuqamaa bayee laallamus qabiyyeen isaa ona- waa’ee dantaa Oromiyaan Finfinnee irraa qabduu wanti dubbatu hin jiru. Akkuma baratame, ammas gaafiii ummataaf deebiin isaan laatan waan biraati.

Akka wixinee seeraa baye kanatti Finfinneen, magaalaan Oromiyaan mirga tokkollee irratti hin qabne, gara daangaa Oromiyaattii babal’atiinsa dhuma hin qabne taasisti. Kuni Oromoo kumatamaan buqqisa, dachii Oromiyaa dhiphisa, faaydaa diinagdee argachuu mallus nu dhabsiisaa. Finfinneen daangaa murtaaye qabaachuu qabdi. Wanti dangaa ce’e hundi kan Oromiyaan (Sabbataa, Galaan, Sulultaa, Buraayuu, Laga Xaafoo kkf) irratti murteessu ta’uu qaba. Investarri wolakkaa Finfinneetii lafa dhabe gadi bayee Sabbataafi Duukam jalatti galmaayee wanti hojjachuufi jiraachuu isa ceem’isiisu maaliidha? Investaroota Buraayuufi Sulultatti geessuu mannaa Sabbataafi Sulultaa isaanitti (Finfinnetti makuun) fiduun maaliif salphata? Yoo Finfinneen dhiphatte misoomni dangaa ce’ee gara Oromiyaatti dhangala’uu qaba. Addunyaan akkanatti hojjatti, akkanatti jiraatti.

Mootummana wixinee kanaan gaafii kan deebise uf fakkeesuudhaaf yaala. Akka fakeenyaattii waa’ee mana barnootaa, hospitaalaa, bishaan dhugaatiifi nannoo balfamuu irraa eeguu akka dantaa Oromiyaan Finfinnee irraa argachuu qabdu kabajsiisuutti kaayame. Kuni hundi dantaa Oromiyaan Finfinnee irraa argattu osoo hin taane waan ta’uu irra jiru, kan osoo hin ta’in hanga har’aatti tureedha.

Ummanni kamuu mirga afaan ufiin barachuu qaba. Magaalaa Oromiyaa kanniin akka Adaamaa, Shaashamanneefi kkf keessa manniin barnoota Afaan Amaara jiru. Oromoon Finfinnee keessa jiraatu Afaan Oromoon ijoollee isaa barsiifachuun mirga addaa osoo hin taane mirga bu’uuraati. Afaan Oromoo afaan hujii bulchiinsa magaalattii ta’uu kan irra ture  durii eegaleeti. Ummanni mirga afaan isaatiin tajaajila argachuu qaba qaba waan ta’eef. Bulchiinsi magalaa Finfinne dirqama kana guutuutu irra ture. Dhiimi mana barnootaafi Afaan Oromoo hanga har’aatti Finfinnee keessatti dhugoomuu kan dhabeef tufii mootummaan ADWUI Oromoo irra qabu qofaaf.

Hospitaalota Finfinnee keessa jiran Oromoo Sabbataafi Galaanii mitii lammiin Itoophiyaa Hosaanaa, Gaambeellaafi Jijjigaa irraa dhufee itti yaalama. Essa bira kan kuni dantaa addaa Oromiyaaf kabajuu kan isa jechisiisu? Kunis tuffiin alatti waan biraa hin ta’u. Akkasumas, daandileen magaalattii maqaa Oromoo isa duriin akka waamaman taasisuun (yoom akka ta’u waaqatu beeka) seenaa jallate sirreessuu malee dantaa Oromiyaan Finfinnee irraa qabdu tiksuu hin ta’u. Ammas, wa’een aadaafi aartii qullaadha. Finfinnee keessattii mitii Oromoon Awurooppaafi Ameerikatti aadaa, afaaniifi artii isaa guddifachutti jira. Finfinnee keessatti kun akka hin taane kan godhe sirna abbaa-irreeti. Kanas akka dantaa eeguutti dhiyeessuun qullummaa wixinee kanaa mirkaneessuudha.

Bulchiinsi naannoo Fininnee kan dhugu, dhiqatuufi nyaata ittiin tolfatu bishaan dachii Oromootiin. Bishaan Oromootti dhimma bayaa ummata naannoof waa qicuun akka keennaa addaa ykn dantaa Oromiyaan Fininnee irraa qabdu mirkaneessuutti laakkawamuun sirrii miti.  Kan ta’uun irra ture, osoo biyyatiin Itoophiyaa ta’uu baattee, bishaan itti fayyadamaniif kaffaluudha. Kuni yoo ta’e ummanni Galaaniifi Laga Xaafoo gargaarsa Finfinneen alatti  bishaan uf obaasuu wanti isaan dhoorgu tokko hin jiru.

Eegumsi qulqullina naannoo (qilleensaafi bishaanii) dirqama mootummaati. Lammii ufii balaa irraa baraaruun, summii keemikaala warshaan akka hin hubamne godhuun dirqama mootummaa ta’ee osoo jiru, waa’ee eegumsa nannoos akka dantaa Oromiyaan Finfinnee irra qabdu deebisuutti dhiyeessuun isaanii qaanfachiisaadha.

Dantaan Oromiyaan Finfinnee irraa qabu inni ijoon waa’ee Finfinneen qaama Oromiyaa ta’uuti. Teessoo mootumma Federaalaafi dhaabbiilee addunyaa ta’uun isii akka qama Oromiyaa ta’uu isii hin dhoorgu. Akkasitti dhiyeessuun dhugaa jallisuudha. Yoo kuni hin taane ammoo, qabxiileen ijoon waa’ee galii qoodamuufi magaalattii bulchiinsa woloo jala galchuuti. Qabxiileen hafan biroo kanniin jalatti deebii argatuu malu. Bakka kuni hin taanetti waa’ee hospitaalaa, mana barnootaafi bishaan dhugaatii odeessuun saba kanaaf tuffii agarsiisuudha.

Waan amma tarreessan, hangamuu haa xiqqaattuu, akka kaayaniif kan ADWUI dirqe qabsoo Oromooti.   Gaafiin isa guutummatti deebii kan argatu qabsoo isaa cimsee yoo itti fufe qofa ta’uu Oromoon qajeelatti hubachuu qaba.

Barreessaa karaa harun2has@gmail.com qunnamuu dandeettan