Daldalaan Milkaayuuf Dhimmoota 5 Kanniinitti Xiyyeeffannaa Laataa

Daladala irratti bobba’uun hedduu keennaaf waan salphaa miti. Hir’ina maallaqaa qofa miti gufuun . Gufuuleen biroos heddutu jira kan namoonni onnee fi hamilee guutuun gara daldalaatti akka hinseenne kan godhan. Daldalatti seenuun duratti xaxaa seeraa jala dabruu, beekumsaa fi muuxxannoo gahaa horachuu, diinagdee ykn yaada diinagdee argamsiisuu malu qabaachuun isaan osoo hojitti hinseenin dursa argatuu qaban keessaa ijoodha. Sodaan yoo maallaqa koo waan tokko irratti dhangalaasse, yeroo koos balleesse bu’aa malee hafuun nimala jedhu hunda dura injifatamuu ykn irra aanamuu qaba.

Sodattuun eessayyuu hingeettu. Uggitan, hamilee gahaa qabdan taanaan, daldalaan milkaayina guddaa argachuuf qabxiilee kanniin irratti xiyyeeffachuu hindagatinaa.

1. Humna namaa  [Human Resources]

Namaan alatti daldalli motora funduratti isaan deemu hinqabu. Namni daldalu ofii isaatii kan hamilees ta’ee hubannoo gahaa qabu taúu qaba. Ufii isaa hamilees ta’ee muuxxannoo hinqabu taanaan, namoota muuxxanno fi beekumsa qabaniin marfamuun dirqama. Kuni qofti, ammas, gahaa miti milkaayina guddaa argamsiisuusf.

Tokkoo tokkoo namaatti, jechuun yoo dhaabbanni daldalaa nama tokkoo oliin kan geggeeffamu taé, dirqamaa fi itti gaafatamummaan ifa taé laatamuu qaba. Dirqamni namootaa wolrukutuu hinqabu. Wonti hojjatamuu qabus abbaa dhabee jiddutti hafuun ykn dagatamuun madda rakko guddaa ta’a. Kuni sakaallaadha.

Namoonni waajjira ykn iddoo dalagaa tokkotti woliin hojjatan fedhii, yaadaa fi dantaa addaddaa, kan yeroo heddu wolrukutu, qabaachuun nimala. Kanaaf jecha amalaa fi fedhi namoota woliin hojjatanii beekanii, addaaddummaan jiru bifa dalagaa hin miineen, dhimma itti bayuun dirqama. Addaaddummaan jiru gara carraa dalagaa ittiin jabeessuu, dandeettii garagaraa maddissisuu, gara milkiitti geeddaramuu qaba. Wolumaa galatti garaagarummaan amalaa fi ofintummaa namootaa, bifa kamuunuu yoo ta’e, kan dalagaa gaaga’u ta’uu hinqabu. Kana hanbisuuf amala namootaa ykn hojjattootaa qajeelatti baruu fi hamilee barbaachisu isaaniif laatuun dirqama ta’a. Namoonni lamaa ol yoo woliin hojjatan, akka gareetti socho’uun dirqii ta’a- milkaayina waan hojjatamutiif jecha.

2. Ufqaruu fi beekumsaan yeroo yerotti ufguddisuu [self-development]

Addunyaa har’aa yeroo yerotti, inumaa bay’ee saffisaan, geeddaramaarti. Muuxxannoo fi beekumsa kaleessa mana barnootaatii ykn dalagaa irraa arganneen ufsobnee, ufjajjabeessinee ykn ofdagannee yoo turre, boru boodatti hafna, namootaa biroon injifatamna, dhumarratti dorgommii keessaa baana. Yeroo hunda dorgomaa akka taanetti itti fufuuf, yeroo yerotti ufqaruu, ufbarsiisuu fi wontoota adeemaa jiraniin quba wolqabaachu qabna.

Kuni akkamitti ta’a? Eeyyen daldalaa mana barnootaa deemuun hedduu keennaaf hinmalu ta’a. Mana barnootaa deemuu dadhabuun barnoota irraa fagachuuf sababa ta’uu tasa hinqabu. Jaarraa keessa jirru beektu. Odeeffannoon guuyyaa guyyatti, inumaa sa’aatii sa’aatitti harka keenna seena. Hujii fi driqamni keenna odeeffannoo duukaa bu’uu qofa. Yeroo ammaatti barnoota haarawa barachuuf  ykn isa dura beeknu gabbifachuuf akka kana duraa dirqama gara mana barnootaatti fiiguu hinqabnu. Intarneetaa fi kompiyuutara qabna taanaan, sa’aa kamittuu gosa barnoota kamuu barachuun nidanda’ama. Aabjuu miti, bira nigayama. Intarneetiin waa hunda salphaa godheera. Kan nurraa eegamu fedhii ufqaruu isa akka ibiddaa nukeessaa boba’uu fi jireenya keenna sagantaa itti godhachuu qofa. Kana godhuu dandeennaan wonti hindanda’mne, bira hingayamne hinjiru.

Muuxxannoo fi barnoota kaleessaatiin dalagaa har’aa hojjachuun salphaa akka hintaane baraa. Yeroo woliin tankaarfachuuf, daldallee faaydaa fi milkii argachuuf dirqama ufqaruu fi yeroo hunda barataa taúun.

3. Taliiga qabeenyaa [resource management]

Qabeeny namaatii kaasee hanga isa diinagdeetti hunda seeraan dhimma itti bayuun dirqama, milkiin barbaadama yoo ta’e. Qabeenyaa fi diinagdee biyyaa irratti too’annaa hinqabnu. Wonti namni daldala irratti bobba’e tokko irraatti too’annaa guutuu qabu, qabeenya isaati. Baasii baasuu fi maal irratti, maaliif akka baasu qajeelatti beekuu qaba. Sababa quubsaa hintaaneef, ammas dhimma dursi hinkennamneef irratti maallaqa, yeroo fi beekumsa isaa dhangalaasuun addeemsaa fi murtee abshaalaa miti. Wonti baasnu hundi kasaaraa fi faaydaa [cost benefit ] inni aragmsiisun madaalamuu qaba. Faaydaa fi kasaaraan dhufuu danda’u waan ammatti ifatti hinmul’anne ta’uun nimala. Ta’us garuu wonta tankaarfiin keenna inni har’aa boru fidu fagotti ykn funduratti ilaaluu fi tilmaamuun dirqama. Tankaarfiin duruunfannee funduratti fudhannu tabba nubaasuu dhisee hallayyaa keessaa hinbaane nunaquu mala.

Waan boru asdhufuu malu beekuun beekumsa, sammuu fi hubannoo qabaachuu nama gaafata. Quba qabaadhaa, wonti nasiiba hojjatamu yeroo heddu kasaaraa malee garri inni faaydaa fi milkii ittiin argamsiisu baay’ee dhiphaadha.

Baasii too’annaa jala oolchuun waan gara milkiitti nama geessu keessaa ijoodha. Garuu waan akka salphaatti danda’amuu miti. Sammuu hojjachiisnaan, abshaalummaan jiraannaan saayinsii rookkeetaa miti.

4. Hojii geggeessuu  [operation]

Addunyaan guddataarti. Daldalli addunyaas babal’ataara. Garri dhugaa kana jalaa dheessinee ittiin banu hinjiru. Itti seenuudha.

Yeroo ammaatti bakki nuti meeshaa fi tajaajila irraa argannu daangaa hinqabu jechuun nidanda’ama. Biyyi nuti omishaa fi tajaajila laannu itti gurgurannus akkasuma hedduudha, bal’adha. Adduyyaa akkas hiree bal’aa laattu keessatti wonti hiyyoomannuufis ta’ee rakkannuuf hinjiru. Daldallee, sochoonee faaydaa argachuun nidanda’ama. Milkaayini garuu akkasumaan waan dhufuu miti. Waan hojjannu bareechuu, tajajila laannu sadarkaa ol’aanatti kaassuu fi guddisuu qabna- dorgomaa ta’uudhaaf. Kuni hinta’u taanaan nama daldalee tajaajila argatu, gurgurate woyiin galatu osoo hintaane, gabaa hundi itti gurguratu, qabeenya marti  irraa nyaatu ta’uu jalaa garri dheessinee ittiin baanu hinjiru. Milkaayinni wan nuggammachiisu qofa omishuu fi tajaajila akka nuuf galutti laatuu osoo hintaane, waan namoota biroos gammachisu,fedhii isaanii xiyyeeffannaa keessa galchu, gama keennatti maamila harkisu irratti bobba’uu keessa jira.

5. Tarsiimoo  [strategy]

Daldalli wanta har’aa qofaa miti. Inumaa daldalaan gara jalqabaatti yeroon faaydaa itti argatu dhiphaadha. faaydaan gara boodaa dhufa, qabeenya keenya waan hojjatu irratti dhangalaasne taanaan. Dhugaadha waan ammaa fi har’a harkaa qabnu irratti xiyyeeffachuun murteessaadha. Garuu, waan boruu fi bara dhufuu fagotti ilaaluu ykn qalbiin xiinxaluu hinqabnu jechuu miti. Fagotti waa hinilaallu taanaan, akkuma dhaabbannetti hafna, namoota biroon duubatti gatamna, guutummattai taphaan ala taana.

Haalli har’a daldalli keessatti geggeessinu baay’ee rakkisaa, isa duumessaa ta’uun nimala. Shakkii fi sodaan hidhamnee, rakkoo maallaqaa fi gufullee biroon qabamnee funduratti waan dhufu har’umaa kaasnee arguu dadhabuudhaan hiree gurguddoo ufbira dabarsuu hinqabnu. Yoo halli keessatti sochoonu gaarii ta’e, faaydaa guddaa har’a haammanna. Qilleensi har’aa ulfaataa fi hamaa yoo ta’e, akka jabaatetti ykn dukkanaayetti wonti hafu hinjiru waan ta’eef, boru fooyya’uun waanuma hinoolle. Bu’i bayiin daldala keessatti wontuma baratameedha. Kanaaf heduu nujeequu fi nudhiphisuu hinqabu. Milkiin gufuulee har’aa qalbii fi tarsiimoo baafachuun jala dabruu gaafatti. Kuni jiraannaan daldalaa har’a itti dukkanoofteef, boru aduun birraa nibaati.