Dabratsiyoon Agaaziin dhaadata, Abdii Illeen Liyyuu Poolisii abdata; Oromoon tokkummaa isaa gaachena godhata

Fira sabaa | Garee Lammaa irraa abdii kutataa dhufan fakkaata. Kanaaf agarsiisni tokko olola addaa isaan irratti geggeeffamaa jiruudha.

Qormaanni guddaan sa’aa kanatti Woyyaanee hirriba dhoorgaa jiru fincila OPDO ti. OPDO’n fincila sadarkaa kanaa ni geggeessiti jettee Woyyaaneen (Oromoon heddus) hin eegne. Kanaafis itti hin qophoofne. Amma, hoogganis OPDO kan #LammaaMagarsaan durfamu yaadaanis ta’ee qaamaan ganda Woyyaaneetii fagaateera. Kana booda wanti OPDO harka Woyyaaneetti deebisu heddu jira hin fakkaatu. Garee Lammaa irraa abdii kutataa dhufuun isaanii gara ololaa fi woraana badhaa hoogganoota OPDO irratti geggeessuutti Woyyaanee geessee jira. Ta’us, ammas wanti OPDO laamshessu, wanti imala OPDO kana boodaa dadhabsiisuu fi umrii gabrummaa nurratti dheeressu heddu jiran. Amma booda OPDO’n Lammaa Magarsaan durfamtu dadhabuun akka qabsoon teenna dadhabuu fi akka waan injifannoo argachuuf deemaa jiru dhabuutti ilaallamuu qaba. Sa’aa kanatti maqaadhaan malee kayyoon sabboontota Oromoo fi isaa gareen Lammaa Magarsaa tokko ta’aa ykn hedduu wolfakkaataa dhufeera. Hundi kan haasayaa jiru waa’ee saba salphate bakka itti kufee kaasuu, kabajaa Oromoo isa duri deebisuuti. Inni tokko fedhii Oromoo alarraa dhugoomsuuf hojjata. Inni biraa ammoo (Lammaa fi gareen isaa) keessaa rakkoo Oromoof dubbata; keessaa dantaa sabaaf hojjata. Ammatti, hundi kan haasayaa jiru waa’ee mirga, haqaa fi kabajaa Oromoo deebisuuti. Waan gaariidha. Waan yeroo dheeraadhaaf hawwamaa ture arguun dhugatti waan guddaadha. Essa akka deemaa jirru hundi hubataa dhufeera. Hundis wolfaana jira. Kan duubatti harkifate, kan dantaan dhuunfaa moo’ate hanga ammaatti yoo jiraate dafee baabura Lammaa Magarsaa haa dhaqqabatu. Bitaan koree mirgaan wolgeettiin kooraadha. Amma wolbira dhaabachuu, woliif birmachuu qabna. Nuti Lammaa Magarsaa dhaggeeffachuu eegaluun Woyyaanee fi Abii Illeetti bowwoo hamaa ta’eera. Akka isaan maratan, woyaa gatan deeggarsa #GareeLammaaMagarsaaf qabnu cimsinee itti fufuu qabna. Qawween nuti ammattti qabnu tokkummaa keenna. Kuni, abshaalummaan itti fayyadamuu dandeenne taanaan, qawwee fi hoomaa woraanaa hunda caala.

Wanti OPDO fi Woyyaanee bakka tokko dhaabuu fi wolitti isaan hidhu tapha tooftaa (siyaasaa) qofa. OPDO fi ummata Oromoof gaarii kan ta’u #GareenLammaaMagarsaa keessaa Woyyaanee irratti yoo qabsaayeedha. Humna amansiisa osoo hin horatin alatti gadi bayuun isaan rukuchiisa. Keessumaa kokkee wolqabuu malee dallananii ykn obsa fixatanii deemuun Oromoof miidhaadha, kasaaraa guddaadha. Yeroo kanatti dogoggorra ABO bara 1992 irraa barachuun dirqama Oromoo hundaati. Gama biraatiin, sa’aa kanatti ifatti Woyyaanee arrabsuun, xiqqeessuunii fi ummata bal’aa isaan irratti bobbaasuun deebisee kan miidhu garee Lammaa Magarsaati. Waa hundi tartiibaan fi dhawaataan itti deemamuu qaba. Kuni sodaa ykn harkifannaa osoo hin taane toftaa injifannooti. Kunis waa sadi irraa madda. 1ffaa, miseensota OPDO hundaa miti gaadii (hidhaa) woggaa 26 kan hiikkate. Miseensa hundaa miti sadarkaa barbaadamutti kan ija banate. Ammas, sadarkaa gubbaa hanga jalaatti, worri dantaa Oromoo kan Woyyaaneetiin jijjiiruudhaaf fiigan akka jiran ifa. Woyyaaneen yeroo kanatti namoota akkanaa heddu feeti, isaan kana jajjabeessiti. Karaa bitamtoota kanaan garee Lammaa Magarsaa qilleensa seensisti. Karaan isiin garee Lammaa ittiin dadhabsiistu ykn diigdu tokko kanuma- isaan jiddutti woldhabdee uumuu fi wolficcisiisuudha. Hanga bitamtoonni woggaa 26 oliif OPDO keessatti maandheffatan hin qulqullaayinitti Woyyaanee irratti guutummatti woraana labsuun tooftaa dadhabaadha. Hujiin mana ufii qulqulleeffachuu fi hiriira ufii dirreeffachuu dursa argatuu qaba. 2ffaa, humni woraanaa fi tika biyyattii kan jiru harka Woyyaaneeti. Gareen kuni ajaja Darbatsiyoonii fi Saamoraa qofaan sa’aa kamittuu Oromoo irratti duuluu irraa uf duuba hin jedhu. Yeroo darbe Ambotti kan ta’e kana. Ammas bifa addaddaan woraana Oromiyaa keessatti bobbaasaa jiru. Kuni hundi kan ta’aa jiru fedhii bulchiinsa Oromiyaatiin ykn sadarkaa mootummaa federaalaatti irratti mari’atamee miti. Hoogganoota Woyyaaneetu kophaa isaaniitti kana raawwataa jira. Kuni garee Lammaa Magarsaa fa’aa doorsisuu fi xiiqii keessa seensisuudhaaf. Gareen Lammaa woraana Dabratsiyoon afoo dhaabachuudhaaf ammatti humna woraanaa gayaa hin qabu. Lola hin injifanne hin eegalin jedhama. Malaan jala darbuun murteessaa ta’a. Aaarii fi gaddi cimaan ganda Oromoo hunda keessa jiraatus, tasgabbayuu fi yeroo bitachuun garee Lammaatti dirqama yeroon ykn haalli fe’e. Dallansuun fiiguun taankii diinaan wolitti nama buusa. Sun kan Woyyaaneen barbaadduudha. Tankaarfiin akkasii ammoo waan hunda nama gachisiisa, imala dheeraadhaaf bayanii bakka deeman osoo hin gayin karatti nama hanbisa. Kiyyoo Woyyaanee keessa galuun nurra hin jiraatu. 3ffaa, diinagdeen kan jiru harka Woyyaaneeti. Diinagdeedhaan Oromiyaa dadhabsiisuu, ergamtoota kumaatama mallaqaan bitanii nutti ni bobbaasu. Kan maallaqaaf malee Oromoof dantaa hin qabne heddu ta’uu muuxxannoon woggaa dheeraa nu barsiiseera.

Woyyaaneen kaardii qabdu hundatti dhimma bayaa jirti. Woraanaan nu ukkaamsuu, OPDO harka isiitti deebisuu fi garee Lammaa Magarsaa bakka 2 ykn 3 babbaqaqsuu irratti hojjataa jirti. Hanga ammatti, karoorri isaanii akka fedhii isaaniitti adeemaa hin jiru. Barrinii fi OPDO’n baranaas kan kana duraan adda. Akka duriitti ergaa qadhoon wanti hojjatamu, ajaja bilbilaan wanti daqiiqaa keessatti raawwatamu caasaa OPDO keessatti dhabamaa dhufeera. Kuni Woyyaaneef addunyaa haarawa. Dhugaan kuni hanga ammaatti Woyyaaneef eebjuu malee dhugaa ta’ee mudhataa hin jiru. Mallas du’us osoo Abbaay Tsahaayyeen faati lubbuun jirtu kuni ni ta’a jedhee kan eege hin jiru. Kanaaf arii fi xiiqiin ol’aantummaa isaanii tiksuuf tattaafatu. Kaardiin ammatti akka haarawaatti cimanii irratti hojjataa jiran Oromiyaa jeequmsaa fi hookkaraan unkuruudha. Tooftaan kuni hanga tokko hojjataaraaf fakkaata. Abdiin isaanii guddaanis kan jiru as bira. Oromoo as biratti dammaquudhaan isaan agabsuu qaba. Qaawwalli banamuun, hireen kamuu Woyyaaneef laatamuu hin qabu; dogoggoraanis yoo ta’e. Tooftaa hookkaraa kana waan sadiif barbaaddi, Woyyaaneen. 1ffaa, kallattiidhaan humna woraanaan Oromiyaa bulchuuf haal-duree isaaniif mijeessa. Humni woraanaa Oromiyaa dhuufachuun gara suuta-suutaan Poolisii Oromiyaa dadhabsiisuu, bulchiinsaa aantummaa sabaa qabu bitamtootaan bakka buusuu fi caasaa amma diriirfamaa jiru hiddaan buqqisuutti isaan geessa. Kun jijjiirama hanga ammaatti dhiiga Oromootiin argame gufachiisuu ykn duubatti deebisuu ta’a. 2ffaa, saboota hunda Oromoo irratti kakaasa. Kana duras ololli Oromoon yoo angoo qabate Itoophiyaa qofa mitii Gaafa Afrikaas balleessuuf deema jedhu bal’inaan hafarfamaa tureera. Saboonni xixiqqaan heddu Oromoo irraa sodaa fi shakkii qabu. Woyyaaneen kana beekti. Ajjeechaa fi hookkarri Oromiyaa keessatti babadhatuun kanuma sabootaaf dhugoomsa. Saboonni bicuun Woyyaanee waliin ta’uudhaan gufuu nutti tarreessuu malu. Injifannoon kan argamu ammoo gufuu hir’isuu fi fira baay’isuudhaan. 3ffaa, mooraa Oromoo keessatti qilleensa diigumsaa babal’isa. Atakaaroo dhimma kana akkamitti too’achuu qabna irratti ammayyuu namooonni wolitti iyyuu fi wolqeequu eegalaniiru.

Yaaliin Woyyaaneen itti jirtu hedduun isaa ammatti hin milkoofne. Abdii kutattee harka laachuuf qophaayuu isiis wanti argisiisu hin jiru, ammoo. Isaan karaa hundaan hujii nu ukkaamsuu, nu bittinneessuu fi nu ajjeesuu irratti ni hojjatu. Kuni cimee ittii fufuun isaa waan hin oolle. Nutis cimnee milaan gadi dhaabachuu, hoogganoota keennaaf birmachuu, tokkummaa akka sibiilaa ijaarachuu, waan hojjannu hunda keessatti quba wolqabaachuu fi wantoota qabsoo Oromoo qancarsan irraa fagaachuu qabna. Kana goonaan shakkii malee moona.