Daandii 8 ijoollee gamnummaafi gammachuun guutaman ittiin guddisuun danda’amu

Gamnummaafi gammachuun waan maatii, daraboofi naannoo irraa baratamaniidha

Maatiin hundi daa’imman akkamii guddisuu barbaaddan gaafiin jedhu yoo dhihaatuuf deebiin isaani ifa. Hundumti jechuun nidanda’amaa, ijoollee gamnummaafi gammachuun guutaman qabaachuu fedha. Hawwiin maatii ijoollee qabuu hundi isa kana. Maatii hundaa miti garuu kan ijoollee gamnummaafi gammachuun guutaman qabaachuu kan danda’u.  Heduun maatii ijoollee gamna garuu tan amala gadhee biroo qaban qabu. Maatiin inni biroo ijoollee amala gaarii qaban qabaatus ijoolleen isaanii gamnummaa hir’atan qaban ta’a. Addaaddummaan kuni maatii tokko isa ijoollee tokkoo olqabu keessattuu waanuma mul’atuu danda’auudha.

Gamnummaafi gammachuun akka namoonni tokko tokko yaadan waanuma uumama qofaan argamuuu? Afaan biraatiin amalloollni kunniin waan maatii, daraboofi naannoo irraa baratamuudhaa? Wonti uumamaan hundi keenya qabannee garaa haadha keenyaatii baanu jira. Irra jireessi isaanii garuu kan erga dhalannee barannu ta’uu isaati kan qorannoon hedduun agarsiisan. Gamnummaan, qarummaaniifi gammachuunis isaan kanniin keessa tokko.

Abshaalummaafi gammachuun amaloota ijoo ijoolleen jireenya isaanii isa har’aafi kan gara funduraa milkiin itttiin geggeefataniidha. Qarummaafi gammachuun baratama yoo ta’e, amala maatiin hundi ijoollee isaatiif hawwu kana, akkamitti amaloota kanniin ijoollee barsiisaa guddisuun danda’ama? Qabxiilee kanniin irratti haaxiyyeeffannuu:

  1. Fakkeenya gaarii kaayi. Waan gaarii ta’uu qaba jettee itti amanutu hunda afaaniin ijoolletti himuun osoo hintaane hujiidhaan itti agarsiisi. Ijoolleen akka salphatti waan tokko kan hubatan dhageettiin osoo hintaane waan ijaan argan akkeessuudhaan ta’uu isaati kan himamu. Waan isaan akka ta’an barbaaddu sani ufii keetii ta’ii itti argisiisi.
  2. Cinqaa mana keessa jiru hari’sii mana keessatti naga buusi. Ijoolleen maatii gammachuu sarbamee, cinqiin guutame qabaachuu mitii arguu hinfedhan. Mana keessatti naga waaraa buusuu yaali. Qilleensa nagaafi tasgabbiin uumame keessatti ijoollee guddisuuf yaali.
  3. Ijoollee kee irraa amantaa qabaadhu. Ijoollee keetti akka amantu jechaanis ta’ee gochaan quba qabsiisi. Ijoolleen kee waan gaggaarii yoo godhan argite taanaan gammachuufi dinqisiifannaa kee isaaniif ibsu irraa ufhinqusatin. Ijoolleedhaan ati gaariidha, cimaadha jechuun gaariifi cimaa isaan godha.
  4. Qarummaa ijoolleetiif osoo hintaane yaalii isaaniitiif isaan faarsi. Ijoolleen akka umrii isaanii osoo hintaane yeroo tokko tokko hanga amanuun nudhibuu olitti waa hojjatu, yaadu. Yeroo isaan waa hojjatan ykn waa hojjachuuf carraaqqii godhan hunda isaan faarsuu ykn jajjabeessuu qabna. Carraaqqii ijoollee keenyaatiif hamilee guddaa kennutu nurraa eegama. Waan ijoolleen yaalaniif hamilee laatuun ijoolleen amala waan eegalan irratti cichuufi obsaan fiixaan baasuu isaan gonfachiisa.
  5. Ijoolleedhaaf hindubbisin, woliin dubbisi malee. Ijoollee reefuu waa dubbsiuu baraa jiraniif dubbisuu ykn waa hunda itti odeessuu irra woliin dubbisuutu irra akka waa baratan isaan taasisa. Bifa kanaan kan ijoolleen dandeettii waa dubbisuu ittiin baratan.
  6. Yaadaafi seera fakkaatuun [logical ta’een] ijoollee daangessi. Ijoolleen guutummatti gadi lakkifaman mana barumsaattis ta’ee jireenya hawaasummaa keessati milkii hinargatan. Kanaaf seera fakkaatuun amala ijoollee daangessuun kan barbaachisuuf. Ijoolleen maatii wontuma isaan godhan hunda tole jedhan ykn osoo argan cal jedhan akka waan isaan hinjaalanneefi dhimma hinqabneef jedhaniiti kan yaadan. Qorannoon heddu ijoolleefi maatiin seera loojikii irratti hundaayeen amala ijoollee isaanii saahuu daangessan jidduu jaalalli guddaan kan jiru ta’uudha kan mul’isu. Wolumaa galatti mana keessatti seerri dhabamuufi ykn seerri haalaan cimuun guddina ijoolleetiif dansaa kan hintaane ta’uu isaati kan qorannoon garagaraa addeessan.
  7. Ijoollee keetiif hiree daraboo isaanii woliin jiraachuufi guddachuu laati. Daraboon ijoollee irratti dhiibbaa guddaa qaban. Dhiibbaan kuni poosetiif ykn neegatiif ta’uu danda’a. Ijoolleef daraboo gaggaarii woliin ooluun guddina ijoollee irrattii addaaddummaa guddaa  uumuun isaa ifa. Ijoolleen daraboo isaaniitti maxaquun sababa hedduuf gaariidha. Dursinee garuu daraboon ijoolleen keenya woliin oolan eenyuun fa’a akka ta’an [amala akkamii akka qaban] qajeelatti beekuu qabna.
  8. Ijoolleen guyyatti hiriba gayaa argachuu qabu. Hirriba gahaa dhabuun ilma namaatiif madda rakkoo guddaati. Rakkoon ijoollee irratti hirriba dhabuun qabu ammo daran heddummaata. Hirriba sa’aa tokko dhabuun sammuu daa’ima tokkoo isa sammuu daa’ima woggaa 6 irraa gara isa daa’ima woggaa 4tti gadi buusa. Hirriba sa’aa tokkoo dhabuu jechuun guddina samuu woggaa lamaa dhabuun wolmadaala. Guddina sammuu hedduu duubatti harkisa jechuudha afaan biraatiin. Qabxii ijjoolleen mana barnootaatti galmeesissiisaniifi hirriba argachuu jidduu wolitti hidhatiinsa guddatu jira.