Cimuun qabsoo Oromoo alagaa woccisiisa; hirribas dhabsiisa

Alagaa hoomacha qabachuuf dhama'aa jiru akka mallattoo dadhabinaa malee akka ciminaatti fudhachuu hin qabnu

Yoo akka fedhii leellistoota ol’aantummaa Amaaraa Itoophiyaa keessatti afaan dubbatamuufi woccuun uffatamu kan isaaniiti. Dangaan isaanii naannoo Amaaraan alatti babal’ata: Finfinnee, Adaamaa, Asallaa, Jimma, Ciroofi kkfs ni ammata. Akka leellistoota ol’aantummaa Tigreetti, dirreen taayitaafi diinagdee isaaniif lakkifama. Waa’een aangoo kan ilaallatu, qabeenya biyyattiis guutummatti kan dhuunfatu isaan. Kuni mirga gootummaafi gamnummaan isaaniif laateedha, akka amantaa isaaniitti. Saboonni hafan hundi tiifuu mirgaafi diinagdee yoo argatan; nagaa magaalota Ammaarri dhunfate keessa yoo jiraatan, akka leellistoota ol’aantummaa Amaaraafi Tigreetti, wanti guungumaniif tokkollee hin jiru. Kan isaan irraa eegamu mirgaafi qaroomina gara kaabaatti isaan dhaqqabe galateeffataa jiraachuudha.

Ilaalchi akkanaa dogoggoraadha; balaas guddaas qaba. Keessattuu Oromoof tuffiidha. Ummata Itoophiyaa %40 ta’uun waan salphaa miti. Garuu, hanga har’aatti qawween baadhatan kashlabboota ijaafi gurra duuchitee, tuffiidhaan akka silmiitti qaama Oromoo irraa akka jiraatan isaan goote. Kan nama raaju, adeemsi kuni kana booda tasa wabii jireenya isaanii osoo hin taane sababa kufaatii isaanii ta’uu hubachuu dhabuu isaaniiti. Oromoon nagaye jedheera. Oromoon dammaqeera. Nama dhaabatetti kooraan hin fe’amu. Hundi kana hubachutu irra ture.

Oromoon mirga dabalataa gonfachuu miti isa bu’uuraa argachuun isa dhibe. Fagoo deemee nagaafi tasgabbiin jiraachuu mitii qe’ee isaa irratti abbummaa mirkaneeffachuun isa rakkise. Mootummaan haqa isaaf isa ukkaamsa. Gareen mormituus Oromoon dantaa isaaf dubbatee qofaaf ibsa balaaleffannaa itti baasa. Humna xiqqoo qabu tanaan, sabni Oromoo kan wol’aansoo qabe garee hunda waliin. Kuni qabsoo baay’ee ulfaataa ta’eedha. Kan dhugaa qabu tasa hin moo’atamu waan ta’eef moo’achuun Oromoo waan hin oolle. Wacni ..ceeceen heddumaachuun isaa Oromoof bariin dhiyaachuu isaaf agarsiisa tokko. Kun nu jajjabeessuu qaba.

Oromoon kan dubbatu, kan gaafatu waa’ee mirga isaati. Hawwwii Goondariifi Tigraay dhuunfachuu mitii saboonni Finfinnee, Adaamaa fi Dirree Dawaa jiraatan fe’atanii haa deeman kan jedhe hin jiru. Oromoo malee Oromiyaa irra namni tokko hin ejjatin, hiyyeessi asiifi achi socho’aa rizqii hin barbaadatin kan jedhe hin jiru. Rakkoo kan ta’aa dhufe Oromoon saboota dhiibuu osoo hin taane leellistoonni Amaaraafi Tigree Oromoo lafaafi qabeenya isaa irraa dhibuu itti fufuu isaaniiti. Kan jaarraa tokkoo oliif dhiibame isa gayaa, kana booda Oromoon dhiibamuu, dhiitamuufi saamamuu hayyamaara hin fakkatu. Kuni maaliif leellistoota Amaaraafi Tigreetti hin mul’atu?

Gareen jibbaa Oromoon jaame, kan sammuun isaa aangoofi qabeenyaan hidhame dhugaan Oromoo qur’aanaafi kitaaba qulqulluu irraa osoo dubbifamee waan fudhatanii miti. Oromoo irraa kan eegamu dhugaa isaan barsiisuufi rakkoo itti jiru isaan hubachiisuu irratti yeroo, sammuufi qabeenya isaa galaafatuu miti. Tuffachuu malee, Blue Party ykn gareen Amaaraa kana jedhe jedhaa gadduus hin qabnu. Gareen heddu kan amanan Oromoon argannaan akka isaan dhabanitti. Oromoon jiraannaan akka isaan dhumanitti. Kuni sirrii akka hin taane hubachiisuuf hedduu dadhabame. Garuu, isaan akkasitti uf amansiisaniiru. Waa godhuu dandeennaa? Kan nu baasu, cimnee irratti hojjannaan kan bu’aa argamsiisu qabsoodha. Akka bari’uun kan yaaduu qabnu bakka amma geenne irra toofta kamiin qabsoo kan funduratti saffisiisuun danda’ama waan jedhu irratti. Hubadhaa, qabsoo kana dhiibu qofa bakka fedhii keennaa kan nu geessuu, mirga nu gonfachiisu, falfaltuu qaanfachiisu fi wocas kan nurraa dhaamsu.

Qabsoon Oromoo jajjabaata, abdii horataa dhufuu isaati kan hunda woccisiisu; hunda hirriba dhabsiisu. Akka fakkeenyaatti waa’ee dantaa addaa Oromiyaan Finfinnee irraa qabdu woggaa 22 kan lafaa kaase hin turre. Gaafa fincilli Oromoo masaraa mootummaa sochoose gareen TPLF faayila mana galmeetii baase. Qabsoo, gotummaa fi dhiiga ijoollee isaatiin harka abbaa-irree akkasitti duubatti micciiruu danda’uu isaatiif Oromoon boonuu qaba. Dhugaadha, gaafiin ummanni gaafate ammas deebii hin arganne. Garuu, wanti ifatti mul’ataa dhufe sodaan Oromoo irraa qaban diinota isaa hunda woccisiisaafi hirriba dhabsiisaa dhufuu isaati. Kana booda abbaan fedhes wocu, abbaa fedhes dubbiin garaa hanqatu Oromoon hanga mirga isaa gonfatu, Finfinnee harka isaatti deeffatuufi Afaan Oromoo afaan federaalaa ta’uu mirkaneeffatutti qabsoo isaa kan hin dhaabne ta’uu isaati. Kabajaa xiqqoo argamte tanas kan nuuf argamsiise qabsoo keenna. Wobiin kabajaa keenna isa gara funduraas qabsoodhuma keenna. Kallattii hundaan qabsaayuu qofa Oromoon leenca Gaafa Afrikaa ta’uu isaa kan mirkaneessu.