HomefeaturedCheelsiin Priimer Liigii Ingiliiz bara 2014/15 injifate

Cheelsiin Priimer Liigii Ingiliiz bara 2014/15 injifate

La Liigaa Ispeenitti Baarseloonaafi Riyaal Maadriid hudhanii akka wolqabanitti. Juveentusiifi Baayer Muniik shaampiyoonaa biyyoota isaanii ta'uu mirkaneeffataniiru.

Cheelsiin Priimer Liigii Ingiliiz bara 2014/15 injifate. Cheelsiin injifannoo kan gonfate tapha guyyaa har’aa dirree isaa Staanfoord Briij irratti garee Kiristaal Paalaas wojjiin taasiseen. Cheelsiin Kristaal Paalaasiin 1 – 0n moo’ateeti kan injifannoo isaa mirkaneeffate.

Cheelsiin Priimer Liigii erga bara 2010 as yeroo jalqabaatiif kan moo’ate.  Injifannoon bara kanaa dabalatee Cheelsiin si’a 5f ol’aantummaa Priimer Liigii irratti mirkaneeffate.

cheelsiiCheelsii goolii injifannoofi akkasumas geeba Priimer Liigii bara kanaatiif gessiste kan kiyyoo keessa marmarse Hazaard ture.  Gumaacha har’aas dabalee, Hazaard taphataa injifannoo Cheelsii  bara kanaaf shoora guddaa taphateedha. Taphataa Priimer Liigii ta’ee muudamuufis falmii irra jira, Hazaard.

Taphni har’aa osoo hineegalin dura, Josee Moriinhoon, ‘Priimer Liigii moo’achuuf qabxii 3 qofa nubarbaachisa. Wojjiin haagoonuu,’ jechuun taphattoota isaatti hamilee uumee ture. Taphattoonni isaas isa hinqanessine.

Gara biraatiin Juveentus shaampiyoonaa Seerii A Xaaliyaanii ta’eera. Torbaan darbe ammoo, bifuma wolfakkaatuun, Baayer Muniik shaampiyoonaa Bundesliga ta’uu isaa mirkaneeffateera. La Liigaa Ispeenitti Baarseloonaafi Riyaal Maadriid hudhanii akka wolqabanitti. Eennutu injifataa beekuuf hanag dhumaatti eeguun dirqama ta’uun nimala.

Deeggartoonni Cheelsii baga gammaddan!

Admin
Adminhttps://www.walabumedia.com/
Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com
RELATED ARTICLES

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

- Advertisment -

Most Popular