Bunni faaydaa fayyaa heddu qabaachuun isaa beekame

Yeroo barataa turetti maatiin koo barataan buna hindhugu jedhaa buna irraa na ittisaa turan. Heddu itti milkaayan natti hinfakkaatu , garuu. Isaan buna dhugan, akka dansaa. Guyyaatti yeroon osoo bunni mana keenyatti hindanfisamin oole jiraachuu isaa nishakka. Haati tiyya araada buunaa qabdi.  Kuni dhugaa mana keenyaati. Dhugaan ganda biroos kaan adda natti hinfakkaatu.

Qorannoon haarofni buna irratti taasifame miidhaa, tarii waan maatiin koo buna irraa na ittisaa turaniif, osoo hintaane faaydaa danuu buna dhuguu keessaatti argamu mirkaneesse. Akka qorannoon woggaa 20 oliif namoota naannawa 20,000 irratti geggeeffame mul’isutti kobbee muraasa guyyatti dhuguunaaydaa nama  jajjabeessuutiin alatti, balaa dhibee sukkaaraa, dhibee onnee, kaansarii, tiruu fi paarkinsonsiif saaxilamuu harka hedduun akkaa gadi buusu  beekame. Qorannoon garee saayinsistoota hedduun woggoota baay’eef taasifame xumura wolfakkaataa irra gaye.
Faaydaan bunaa kana argachuuf buna qarcaasuun nurraa hineeggamu. Guyyaatti namni tokko kaaffiin (waan buna keessatti argamu) miliigraama 300 ol fudhachuu hinqabu- jechuun naannawa kobbee 3.
Yeroo hunda guyyatti buna kobbee 3 dhuguun balaa dhukkuba shukkaaraa 34% , onnee 24% , parkinson 80% , kaansarii 25% ,tiruu 80% , akkasuma dhagaa kaleetiif saaxilamuu 50% gadi hir’isa. As kaluu kana saayinsistoonni Ameerikaa bunni ulfina qaamaa hir’isuufis akka nama gargaaru baraniiru.
Qorannoon kunniin bunni saffisa sammuu 10% akka olkaasu beekameera. Egaa kana kan buna waahila hojjattoota hedduu kan taasise.
Gama biraatiin dubartoonni ulfaa, tan harma hoosistuu fi Ijoolleen garuu, akka gorsa  ‘The American Academy of Pediatrics’ , guyyatti kaaffiin 100mg (kobbee 1) ol dhuguun irra hinjiraatu.
Egaa bunni utubaa diinagdee ummata keenyaa qofa osoo hintaane, utubaa fayyaa ummata keenyaa ture. Jira. Gara funduraattis firiin diimtuun akkuma utubaa sabichaa ta’etti, kallattii lamaaniinuu, itti fufa jechuudha. Kuni oduu dansaadha, hunda keenyaaf.