Biyyoonni Gaarii Hojjachuun Beekkaman Eenyu Fa’a?

Dhalli ilma namaa, akkuma bineensota biroo, wolqarqaaruu fi wolii birmachutti amana. Bifuma kanaan jiraataa ture bara kumaatamaaf. Yoo kana jennu wolitti bu’iinsi hinturre, ammas hundi wolqixa dhimma woliif birmachuu irratti shoora wolqixa ta’e taphata jechuu miti. Woliif birmannaan ilma namaa sadarkaa namtokkee, garee fi biyyaatti kan raawwatamuudha.

Garsiisaan omisha biyyaa [GDP] fi  gammachuu ummata isii [happiness] yeroo dheeraadhaaf woggaa woggatti maxxanfama. Garsiisaan hagam biyyi takka waan dansaa [the good country index]haarawa gadi bahe. Garsisaan kuni hagam biyyi takka karaa poozetiiva ta’een addunyaa irratti goote waan jedhu ifa mul’isuuf kan aggaameedha. Garsiisaan kuni dhimmoota dhibee fi beela balleessuu,aadaa, wolqixxummaa ummatootaa, woraanaa fi wolitti bu’iinsa hir’isuu, biyyoota rakkina diinagdee qaban qarqaaruu fa’a irratti gadi fageenyaan hojjachuu fa’a irratti hundaayeeti kan biyyootaa sadarkaan kaaye..

Akka garsiisaa bara kanaatti biyyi sadarkaa tokkoffaa irra kaayamte Ayerlaandi. Ayerlaand biyya qabeenyaan hedduu badhaatuu taatee mit. Sadarkaan guddinaanins biyyoota heddu caaluu isii miti kan muummee garsiisaa kanaa irra isii kaaye- fedhii, kaka’umsa fi imaammata rakkoo addunyaaf furmaata barbaachuu isiiti kan isii adda taasise. Finlaandii fi Siwiizerlaand lammaffaa fi sadaffaadha waan gaarii hojjachuun addunyaa irratti. Biyyoota qorannaan keessatti godhame keessaa, Liibiyaan dhuma irratti argamti. Keenyaan biyoota Aafrikaa qorannoo kana keessatti ammataman keessaa tokkoffaadha waan dansaa hojjachuudhaan. Itiyoophiyaan biyyoota 125 qorannaan irratti godhame keessa hinjirtu.