Biyyoonni Dhihaa kana booda Woyyaanee irraa abdii hin qabaatu; Humna dantaa isaanii tiksuu hin dandeenne woliin wanti hojjatan tokko hin jiraatu

Erga qabsoon Oromoo finiinee kaasee Woyyaaneen dantaa worra dhihaa kabachiisuu mitii lubbuudhaan jiraachuu ufii addunyaaf mirkansuu hin dandeenne

Biyyoonni worra dhihaa maaliif Woyyaanee gargaaru? Maaliif mootummaa abbaa-irree jala tirtiru? Maaliif booyichaa fi gaddi Oromoo isaanitti hin mul’atu? Worri dhihaa maaliif Woyyaanee irratti tankaarfii hin fudhatu? Gaafii kana bara hedduuf ummanni wolgaafate. Cal’isiinsa worraa dhihaatiifis sababni dantaa isaaniitiif dursa laachuu ta’uu hundi qajeelatti hubate. Erga Woyyaaneen qabsoo Oromoon laamshoftee booda dantaan worri dhihaa karaa Woyyaaneetiin tikfatuu fi faaydaan isaan Itoophiyaa irraa argatu  hedduu taajjabdootaatti hin mul’atu. Qabsoon Oromoo waahilummaa isaaniitti xumura godhee jira. Viva Qerroo!

Ameerikaan Woyyaanee kan ammatteef, yeroo isiin yakka hojjattus ustee kan bira dabarteef  Woyyaaneen Gaafa Afrikaatti ergamtuu isii tokkofaa waan taateef. Woraana shororkeessummaa irratti geggeeffamuun wolqabatee Woyyaneen ergaa Ameerikaa fudhattee asiif achi suksukti. Ameerikaa gammachiisuudhaaf jecha Al Shabaabiin gammoojjii Somaaliyaa keessa ariiti. Woraanni Itoophiyaa Somaaliyaa seenuu ummata hundatu balaaleffate, dantaa Itoophiyaa ni tuqu jedhee dubbate. Mormiin heddu isii qunnamus Woyyaneen hunda cinatti jettee woggaa hedduuf dantaa Ameerikaa tiksaa turte.

Qabsoo Oromoon Sadaasa dabre jalqabee eegalee haalli hundi ni jijjiirame. Woraanni Woyyaanee Al Shaabaabiin dhiisee Qeerroo Oromoo adamsuuf dirqame. Ammatti Woyyaaneen Ameerikaa tajaajiluu mitii ufii isiitii lubbuudhaan jiraachuu fi qabsoo Oromoo dandamachuun isii gaafii keessa seeneera. Sochii bal’aa Oromoon taasiseen Woyyaaneen haalaan madaayuu fi carraan isiin bayyanachuu duwwatti gadi bu’uu Ameerikaa fi humnoonni worraa dhihaa hundi hubataniiru fakkaata. Salphinni isii inni dhumaa labsii yeroo hatattamaa labsuu fi waa cufti too’annaa isii harkaa bayuu hundatti agarsiisuudha. Inni biraa ammoo dirqama Ameerikaan itti laatte lafatti gattee woraana isii Somaaliyaa baaste. Biyyi kana booda Woyyaanee abadatuu fi dhimma shororkeessummaa loluuf gadhamu kamiifuu isii irratti erkatu tokko hin jiraatu.

Biyyoonni heddu, worra dhihaa fi Chaayinaa dabalatee, dantaa diinagdee guddaadhaaf jecha kan Woyyaanee diinagdee fi dippiloomaasiin jajjabeessan, akka mataa irratti nu baatuuf haala kan mijeessan. Hedduun isaanii lafa Woyyaaneen humnaan qotee-bulaa Oromoo irraa buqqifte irratti ijaaratu. Ammas lafa albuudaa, qonnaa fi warshaalee kaffaltiin maletti fudhatu. Shira xaxameen projeektii qarshii biliyoona hedduun geggeeffamu caalbaasii kijibaan injifatu. Daldalaa fi worshaalee mootummaa Woyyaanee malee ummata hin fayyanne biyyatti keessa babal’isu.

Yeroo hedduuf worra dhihaa kan ija jaamse, dantaa isaaniitiif malee booyicha ummataaf ijaa fi gurra akka hin qabaanne taasise bu’aa isaanii waa hunda caalchifachuu isaaniiti. Amma garuu, akkuma hundi argine, Qeerroon Oromoo Woyyaanee allaattii koolli dhayame taasiste. Battisuu malee balal’iuu akka hin dandeenneef dirqamsiiste. Qeerroon Oromoo lafa qonnaa fi abaaboo ibidda nyaachiste. Gootonni keenna worahsaalee fi maashinootatti ibidda qabsiiste. Konkolaataa fi gamoo investarootaa barbadeessite. Sa’aa kanatti investaroonni gara Itoophiyaatti dhufuu mitii kan kanaan dura Finfinnee seena hiriiraan baqataa jiru.

Qabsoo hadhaayaa geggeeffameen Oromoon addunyaa hundatti Woyyaaneen taphaan ala ta’uu agarsiise. Irree tokkummaan ka’ee Oromoo, Woyyaaneen qaama dantaa Ameerikaa, worra dhihaa birroo fi Chaayinaa tiksuu akka hin dandeenne mul’ise. Woliigalteen Woyyaanee woliin mallateeffamu kamuu waan cirracha irratti barreeffame ta’uu hunda hubachiise. Abbaan-biyyaa Oromoo, wanti Oromoon hin eebbifne, tole hin jenne sobaan mitii afaan qawweetiinis hujii irra akka hin oolle; oolus akka umrii hin qabaanne guutuu addunaaf ergaa dabarse. Kana godhuudhaan kana booda addunyaan Woyyaanee irraa abdii akka dhabduu, dudda akka itti galtuuf dirqisiise.

Kana booda worri dhihaa Woyyaanee irraa abdii hin qabaatu; humna dantaa isaanii amansiisees ta’ee jilbiiffachiisee tiksuu hin dandeenne woliin wanti hojjatan tokko hin jiru. Woyyaaneen kana booda dudda malee fuula Biyyoota dhihaa ni argiti jechuun rakkisaadha. Gaafa Afrikaatti biyyi dantaa ufii tikfachuu barbaaddu Oromoo duubaan dhaabachuu qofa kan akka falaatti mul’atu. Jarmayaalee fi hayyoonni Oromoo dhugaa kanatti fayyadamanii qabsoo Oromoo gara bilisummaati saffisiisuu qabu. Qabsoon itti fufa!