Biyyatti ajjeefamuu fi biyyoota ollaattii abdii dhabuudha kan dargaggoo Oromoo irbaata qurxummii taasise

Haalli baqattoonni Oromoo biyyoota Afrikaa addaddaa keessatti itti simatamanii fi gargaarsi isaan UNHCR irraa argatan akka fooyya’uuf cimnee hojjachuu qabna.

Dooniin baqattoota dhibba heddu baadhattee Masrii gara Xaaliyaanitti imalaa turte dhidhimuun isii oduu hedduu gaddisiisaa fi qalbii cabsaa torbaan kanaa ta’ee jira. Balaa kanaan yoo xiqqaate, akka maddi oduu addaddaa argisiisutti, lubbuun namoota 400 galaafatame. Wolakkeessi lubbuu dhidhimtee tan dargaggoo Oromooti kan jedhu oduu kana daran hammeesse; hunda keennaaf isa gadadoo taasise. Maatii ijoollee dhumaniif, akkasumas Oromoo hundaaf, jajjabina hawwina.

Oromoon kan baqatu du’aa, hidhaa fi doorsisaa Woyyaneeti. Lubbuu baafachuudhaaf malee lubbuu galaafachuudhaafii miti kan dargaggoon Oromoo kumaatamaan baqataa jiraniif. Kan nama gaddisiisu, baqatanii jiruu gaarii jiraachuu mitii lubbuu ufii jiraachisuunuu yeroo ulfaataa ta’e irra geennee jirra, garuu. Yeroo kanatti dargaggoon Oromoo biyya isaanii keessa jiraachuu dadhaban. Akkasumas, biyyoota ollaa keessattis abdii jiraanyaa dhaban. Hedduu dargaggoo Oromootti jireenyi Keeniyaa, Somaaliyaa, Suudaanii fi Jibuutii jiruu hadheesse. Biyyoota kanniin keessatti baqataan keenya haqaa fi dhugaa dhabe, mirgi baqattummaa isaas ni sarbame, gaafiin isaaniis UNHCR (dhaabbata koolugaltoota mootummoota gamtoomanii) biratti deebii dhabe, akkasumas poolisii fi iyyaalaan biyyoota ollaa keessatti itti taphatame.  Kuni hundi abdii isaan kutachiisee hedduu isaanii ija duruunfachiisee gara gammoojjii Saharaa fi galaanaatti qajeelche.

Rakkoon biyyoota ollaa keessatti baqattoota Oromoo irra gayaa turee fi jiru hedduu cimaa fi yaachisaadha. Rakkoon biyyaa irraa Oromoo baqachiisu, dhiibee baasu ifa; duris ta’ee amma. Oromoon adamsamee ajjeefama; kan akka hiree ta’ee du’a irraa hafe mana hidhaatti gatama. Mana hidhaa keessatti qixaaxama. Dubartoota keennati taphatama. Egaa ummanni kuni balaa gurguddaa jalaa baqatuu fi lubbuu ufii takkittii baafatuuf yoo biyyoottaan ollaatti kooluglatummaa gaafatu deebii tokko hin argatu. Mooraa baqattootaa keessatti gatama. Beelaa fi dhibeen akaawama. Umriin ijoollummaa fi dargaggummaa akka Kaakumaa fi Dhadhaab keessatti galaafatamu taasifama. Dagatamuu fi gutummatti irraanfatamuudha kan dargaggoo keenna abdii kutachiisee imala hamaa galti hin jirre irratti isaan bobbaase.

Dargaggoo Oromoo, kanniin saba biraas akkasuma, lafa abdiin hin jirre turaa jechuun rakkisaadha. Yoo kumaatamaan Saharaa, galaana Mediteraaniyaanii fi garba Diimatti dhumanis osoo argan cal’isuun, hara’a boru haalli kuni fooyya’a jedhaa obsuunis ulfaataadha. Lubbuun cirracha Saharaa keessatti awwalamtee fi isiin galaana keessatti afaan qurxumii buute waan biraa mitii awwaalchas hin argattu. Dhaloota kana bifa kanaan dhabuun guutuu dhala namaa waan yaachisuu qabuudha.  Keessumattuu hubaatii fi gaddi dhumaatiin dhaloota kanaa, qaroo isaa dhabuun, Oromoo irraan gayu hedduu guddaa fi ulfaataadha. Jiruun Oromoo bara-mara, baatii-mara, gadda ta’uun nama gaddisiisa.

Kan hedduu nama yaachisu hanga rakkoon Oromoo, inni siyaasaa fi diinagdee fala argatutti rakkoon biyya keessatti ajjeefamuu fi qurxummiin nyaatamuu kuni kan itti fufu ta’uu isaati. Bakka biyyoota ollaa keessatti abdii wanti jedhamu tokko hin jirretti hangamuu hamaa ta’u dargaggoonni imala gammoojjii fi galaanaa irratti bobba’uu irraa uf duuba kan debi’an hin fakkaatu. Kan rakkate billaa qabata!

Falli maal ta’utu irra jira? Fala ariifachiisaa fi quubsaa argachuun nama rakkisa. Rakkoo kana bu’uuraa furuudhaaf rakkisaa ta’us wanti hojjatamuu qaban ammas heddutu jiru. Innis, haalli baqattoonni Oromoo biyyoota Afrikaa addaddaa keessatti itti simatamanii fi gargaarsi isaan UNHCR irraa argatan akka fooyya’uuf cimanii irratti hojjachuudha: keessumattu hawasni Oromoo biyyoota addaddaa keessa jiran. Haalli biyyoota ollaa keessatti baqattoota keenna mudatu gadhee ta’uu isaa ifatti beekamaadha; hedduun keenya keessa dabarreerra.  Woggoottan muraasaa asi ajjeechaan mootummaan Itoophiyaa Oromoo irra geessisu ni hammaate, haalli Oromoon akka baqatuuf dirqisiisu ni baay’ate.  Kuni hundi yeroo ta’utti ilaachi biyyoonni ollaa baqattoota Oromoof qaban hin geeddaramne. Kan nama gaddisiisu, ammas ummanni keenna UNHCR fi qaamota baqattootaaf dhaabanna jedhan irraa xiyyeeffannaa gayaa hin arganne. Kuni fooyya’uu qaba. Kan fooyya’us sochii fi qabsoo nuti Oromoon gamtaadhaan sadarkaa idil-addunyaatti goonuun qofa.

Baqattoonni keenna biyyoota ollaa hunda keessatti kabajaa fi gargaarsa isaan barbaachisu (barnoota, nyaata, iddoo quphannaa fi hiree hojii) argachuu qaban. Umrii guutuus baqataa ta’anii jiraachuun hin danda’amu: furmaata waarees isaan barbaachisa. Biyyoonni ollaa baqattoota hedduuf furmaata waaree laatuu hin danda’an. Ta’us biyyonni ollaa, biyyoonni gara Dhihaa, UNHCR fi dhaabbileen baqqattotaaf dhaabbatan gargaarsaa fi xiyyeeffannaa gayaa dhimma Oromoof yoo laatan rakkoon baqattoota Oormoo hanga tokkos ta’u fala argachuu fi abdii kutannaan galaanatti utaaluun hir’achuu ni mala. Kana dhugoomsuudhaaf akka Oromootti waan heddutu nurraa eegama. Mirga baqattoota keennaaf dubbachuun, rakkoon isaanii akka addunyaa irratti ifee mul’atuuf hojjachuun dirqama Oromoo biyyoota addunyaa keessa faca’ee jiraatu hundaati. Abbaan iyyatu ollaan namaaf biramta! Cal jennee teenna, reeffuma gammoojji fi galaanni nyaatu laakkofna taanaan rakkoo guddaadha. Mirga baqattoota Oromoof haa dubbannuu. Rakkoon Oromoo xiyyeeffannaa addunyaa isa barbaachisu akka argatuuf ciminaan haa hojjannuu.