BBC’n Afaan Oromootiinis akka tamsaasu waamichi dhihaate

BBC'n Afaan Oromootiin akka tamsaasuu waamicha kan dhiheessan Dr. Birhaanamasqal Abbabaa Sanyii fi Girmabbaacabsaati

BBC’n tamsaasa Itoophiyaafi Eertiraa irratti fuulleffate akka eegaluuf deemu Fulbaana 7, 2015 labsee jira. Sababni BBC’n barbaachisummaa tamsaasa kanaaf dhiheesse ukkaamamiinsa miidiyaalee wolabaan wolqabatee hir’inni ykn hanqinni dimokraasii biyyoota lamaanuu keessatti bal’inaan mul’ataa jiraachuu isaati. Egaa kallattiin xiyyeeffannaa BBC qaawwala uumame kana cufuufi rakkoo argame kanaaf furmaata barbaaduudha. Ummataa beela odeeffannoo qabu kana odeeffannoo haqaafi madaalawaa ta’e sooruudha, kaayyoon BBC.

BBC’n tamsaasa eegaluuf karoorfachuun alatti afaan tamsaasni isaa ittiin darbu afaan kam kam akka ta’uuf deemu ammatti wanti ibse hinjiru. Kan fuulleffate Itoophiyaafi Eertiraa irratti waan ta’eef Amaariffaafi Tigriffi nihafa jedhee kan yaadu hinjiru. Jidduu kanatti kan dagatamuuf jiru, akkuma ummata isa dubbatuu, Afaan Oromooti.

Rakkoon BBC’n nifura jedhee yaadu kanniin irra jireessatti kan dhadhamaa jiru Oromoodha. Oromoon kan dubbatuufi kan qajeelatti hubatu afaan isaati. Kanaaf BBC’n rakkoo furuu ykn qaawwala cufuuf deemu san qajeelatti cufuu fedha yoo ta’e, bifa kamiinuu Afaan Oromoo dagatuun irra hinjiraatu. Afaan Oromoo afaan BBC’n ittiin tamsaasu ta’uun kan fayyadu Oromoofi kanniin Afaan Oromoo dubbatan qofaa miti. Kaayyoon BBC’s akka salphatti galma gayuu ykn milkaayuu kan danda’au tamsaasnin yaadame kuni Afaan ummanni miliyoona 40 olitti tilmaamamu dubbatutti yoo dhimma baye. Afaan Oromoo dhiisanii afaan lamaan qofaan tamsaasuu jechuun garaacha gara alaa miicanii isa gara keessaa dhiisuun wolfakkaata. Miicuun yoo hinoolle luf godhaniiti.

BBC’n Afaan Oromootiin akka tamsaasuu waamicha kan dhiheessan Dr. Birhaanamasqal Abbabaa Sanyii fi Girmabbaacabsaati. Sodaa ykn shakkii BBC’n Afaan Oromoo nidagata jedhu ta’uu hinoolle kan Dr. Birhaanamasqal faa gara murtii dursanii waamicha dhiheessuutti isaan geesse. Hirmaannaan hunda keenyaa Afaan Oromoo gara BBC’tti fiduu akka danda’u hin shakkinaa. Tamsaasa Afan Oromoo BBC irraa darbu kan dhagayuu hawwu hundi waamicha godhameef kana awwaachuutu isarraa eeggama. Waamicha BBC’f godhame irratti hirmaachuu kan feetan as bira cuqaasaa.

BBC’n afaan Hawusaa, Kiswaahilii, Somaalee, Kirundiifi Kinyaruwaandaan tamsaasa isaa ummata Afrikaa kallattii adda addaatti argamu biraan akka gayu nibeekama. Afaan Hawusaafi Kiswaahiliin alatti hundi dubbattoota Afaan Oromoo qabuu gadi hedduu xiqqaa ta’e qaban.