Barbareen nyaata mi’eessuuf qofa osoo hintaane umrii dheeressuufis faaydaa qabdi

Qorannoon biyya Chaayinaatti namoota 487,375 irratti geggeefame kan mirkaneesse barbareen nyaata mi’essuuf qofa osoo hintaane umrii dheeressuufis faaydaa qabaachuu isiiti. Barbareen raajii kana kan hojjattu dhibee gurguddaa du’aaf nama saaxilan namarraa fagotti tiksuudhaan, akka barruun British Medical Journal irratti baye ifa taasisetti.

Akka qorannoo kanaatti namoonni soorata barbaree qabu torbetti si’a 1 ykn 2 nyaatan carraan du’iinsaa %10 hir’isa. Carraan du’iinsa kanniin nyaata barbaree qabu torbetti si’a 3 hanga 5 nyaatan biratti ammo %14 gadi bu’ee mula’teera.

Namoonni seenaa (maatii isaani irraa ta’uun nimalaa) dhibee kaansarii, onnee, dhiigaa qabaniifi kanniin tamboo aarsan qorannoo kana keessatti hinammatamne.

Bifuma wolfakakatuun, nyaata barbaree qabu heddummeessuun carraa dhibee kaansarii, onneefi dhibee ujummoo qilleensaan du’uu akka hir’isus hubatameera.

Qorannoon kuni kan geggeefame bara 2004 hanga 2008  jiddutti. Qorattoonni faaydaan barbaree qorannoo dabalataa kan barbaadu ta’uu osoo hintuqin bira hindabrine.

Qorannoon kana irraa kan hubatamu, hawaasni keenya kan barbaree baay’inaan sooratu faaydaa fayyaa guddaa argata ture osoo dhibeen biroo isa dhuunfachuu, jireenyi itti hammaachuufi hiyyummaan mataa irra ijjachuu baattee.