Barattoonni heddu Baabbichaa fi Inaangotti ajjeefamuu fi hospitaalonni dhiigaan dhiqamuun gabaafame

Sochii barattoota Oromoo hanga har’aatti godhamee keessatti guyyaan akka har’a guyyaa ajjeechaa fi dhiiga dhangalaasaa kan ta’e hin fakkaatu. Odeeffannoon kallattii garagaraa nudhaqqaban kan agarsiisutti jiran barattoonni Oromoo heddu magaalaa Baabbichaa, Geedoo fi Inaagotti dhumuu isaaniiti. Baabbichitti barattoonni 4, Geedoo 2, Inangootti (Baha Wollaggaa) ammoo barattonni 3 fi Dodola irraas barattoonni 2 woreegamuun isaanii bal’inaan gabaafamaa jira. Kanniin madaayan baay’eedha. Hospitaalli Wolisoo fi Amboo barattoota madaayaniin kan guutame; dhiigaanis macaqame. Reeffi barattoota Geedoo fi Inaangotti ajjeefamanii sa’aa dheeraadhaaf daandii irra turuu isaa kanniin ijaan argan VOA’tti himaniiru.

ajjeechaa.BaabbichiiBaabbichitti kanniin ajjeefaman keessaa Darajjee Gaaddiisaa fi Guddataa Baayyisaa kannin ammatti maqan beekameedha.

Shoroorkaan magaalaa Wolisoos daangaa hanga daangaatti sochoosaa ooleera. Mormii guyyaa har’aa geggeeffameen daandiin Finfinnee gara Jimmaa geessus guutummatti cufamutu dubbatama.

Sochii barattootaa daangaa hanga daangaatti babal’atuu irraa kan ka’e, hir’inni konkolaataa mootummaa waan mudateef, nannoo tokko tokkotti woraanni konkolaattota dhuunfaa/daldalaatti dhimma baayaa kan jiran ta’uunis kanniin ijaan argan raga bayaniiru.

Barattoota ajjeefamanitti biyyoon haa laafu. maatiifi firoottan isaaniif obsa haa laatu jenna.

humna diinaa