Bara mara qabsaayaa jiraachuu, saahuu dhagaa darbachuu keessaa bayuudhaaf deeggarsi OPDO nu barbaachisa

OPDO'nis sabaaf du'uu (wareegamuuu) qabdi. Karaan cubbuu isii ittiin miicattu tokko kana waan ta'eef.

OPDO eennu akka uume beekna. OPDO’n ganna 26 oliif dantaa Oromoo caalaa isa Woyyaanee kabajsiisaa akka ture hunda jalaa waan dhokate miti. Isaanuu (Lammaa Magarsaa dabalatee) kana amananiiru. Abbaaduulaa Gammadaas yeroo tokkotti amanamaa Mallas akka ture waan haalamuu miti. Sariin OPDO’n bobbaaste ganda Oromoo hunda keessatti sabbontota ciniinaa, kan hafuursu hundatti dutaa turuun isii beekamaadha. Qabeenya Oromoo saamsisuu fi yoo saamamu osoo argitu usuu isiis waan Oromoo jalaa dhokate miti. Amma badii ufii kaafachuu, dhiifama gaafachuuf taftaf jedhaarti. Sa’aa kanatti OPDO fannisuu irra dhiifamana gadi lakkisutu qabsoo Oromoo fayyada.

OPDO’n Oromoodha; dhiigaan. Oromoo ta’ee kan OPDO keessaa fira ykn hiriyyaa hin qabne hedduu miti. Kuni dhugaadha. Jalqabumaa kaasee OPDO’n hundi gadi-galoo hin turre. Gara boodaatti, tankaarfii Abbaaduulaan fudhateen, sabboontonni Oromoo heddu gugataniii OPDO tti seenaniiru. Kunis haqa. Imala woggaa 26 booda, worri duraanuu garaan gubataa, mataan bowwaafataa, maal haa goonu jedhaa keessa keessaan wolgaafataa, garuu akka hin fincilleef goraadee Mallas (erga inni du’ee Saamoraa fi Abbaay Xahaayyee) sodaataa worri ture heddu. Amma garuu, danbaliin Qabsoo Oromoo worra boollatti awwaalame hunda dhayee dirreerratti baaseera. Baga bakka itti liqimfamtanii baatan, baga qabsoo sabaatti makamtan jechuun alatti sa’aa kanatti oduu biraa heddummeessuun dhugatti barbaachisaadhaa? Namnoonni kuni qabsoo keennatti makamuun (kallattiidhaanis ta’ee alkallattiin) maaliif namoota (Oromoota) tokko tokko mufachiise? Achitti, bakka woggaa 26’f maandheffatanitti hidhamuu, Abbaay Xahaayyee waliin dhidhimuu woyya turee? Dandii san filachuun rakkoo lama qaba, akka kootti. 1ffaa, akka nuti lubbuu isaanii balleessinutti yoo nu hubatan hanga lubbuun keessaa baatutti okata Abbaay Xahaayyee keessa taa’anii nurratti qabsaayuun isaanii hin hafu. Kuni qabsoo teenna fashalsuu baatus wareegama nutti heddummeessuu fi imala qabsoo nutti dheeressuun isaa shakki tokko hin qabu. Kana jechuun okata Abbaay Xahaayyee keessaa akka bayan gochuun dirqama keenna.  2ffaa, namoonni kunniin Oromoodha. Saahuu tooftaa keenna ta’uu kan qabu isaan harka diinaatii baasuu fi nuwaliin dinarratti akka dhukaasan (dhagaa darbatan) taasisuu malee diina waliin isaan dhabamsiisuun filannoo keenna isa jalqabaa ta’uun irra hin jiraatu. Oromoon dhiiga Oromoo dhangalaasuu filachuu hin qabu; yoo humnaa ol ta’e malee.

OPDO’n Oromoo humneessuuf hujii gayaa hin hojjanne. Ta’us, OPDOn keessa keessaan qabsoo Oromoo deeggaruu erga jalqabdee bubbulteerti. Hubadhaa, sochii bara 2015 hanga har’aatti ta’aa jiru keessatti lubbuun Oromoo harka OPDO fi Poolisii Oromiyaatti baate baayee xiqqaadha. Nama keenna kan fixe Agaaziidha; waraana bakka biraa irraa nutti ergame. Rasaasni OPDO gadhees bakka tokko tokkotti lubbuu nama keennaa fudhatteerti.  Yaadadhaa bara 2015 fi bara 2016 keessatti qabsoo geggeeffamaa kan ture aanaa hunda keessatti. Ta’us garuu, Poolisiin Oromiyaa akka Woyyaaneen hawwitee fi ajajjetti gara jabeennaan ummata keennarratti osoo dhukaastee, rasaasa qabdu hunda qeerroo irratti osoo roobsitee gaaga’ama hamatu nu mudata ture. Garuu, bara 2016 keessattis dhiibbaan cimaan irra turus Poolisiin Oromiyaa Beegii hanga Cinaaksanitti tankaarfii suukkanneessaa fudhachuu irra uf qusatani turan. Isaan akka barbaadamutti ajjeesuu dhabuu isaaniiti kan Woyyaaneen abdii kutahciisee Agaazitti dhimma akka baatuuf kan isii dirqisiise. Kuni haqa. Kana jechuun Poolisiin Oromiyaa alkallattiidhaan qabsoo kana deeggaraniiru jechutti nama geessa. Kanaaf Poolisiin Oromiyaa galata qabu. Tankaarfii Poolisii Oromiyaa fi isa OPDO haarawaa walumaan argaa jirra.

OPDO’n ammatti qabsoo Oromoof deeggarsa laataa jirti malee gufuu ta’aa hin jirtu. Kuni nama gammachisa. Nama abdachiisa. OPDO ija banattee jajjabeessuu, tan sabatti deebi’uuf muratte mana bananii seensisuun alatti galmee woggaa 10 fi woggaa 26 duraa ammatti banuun maaliidha? Siyaasa akkanaa geggeesuun (gufuu ufitti heddummeessuu) ammoo maal jedhama? Ooso hin bilisoomin wol fannisuu, osoo Woyyaaneen hin badin mana murtii woldhaabsisuun kuni tooftaa maaliiti? Ilaachi akkanaa farrummaa moo gowwummaadha? Sa’aa kanatti, hanga qabsoon tun bakka barbaadamtu geettutti, toooftaa fira nuuf heddummeessu, diina nurraa hir’isuudha kan hordofuu qabnu. OPDO mitii TPLF keessaallee fira (nama iccitii isaanii dabarsee nuuf laatu) yoo arganne ufitti fudhachuu fi dhimma itti bayuu qabna. Qabsoon addunyaa hundi, durii hanga har’aatti, bifa kanaan geggeeffamti. Tan Oromoo tun falaasama akkamii hordofti sila? Worri OPDO, Lammaa fi Abbaaduulaatti faayilii durii banuu heddummeessitan OPDO hundaaf ergaa gadhee akka dabrsaa jirtan sa’aafis hin dagatinaa. Alagaan kana yoo godhu ergaan kaayyoon isaanii maal akka ta’e ifa. Namni yakka gurguddaa raawwate yeroo isaa (erga Woyyaaneen hobbaatee booda) seeraaf akka dhiyaatu godhuun ni danda’ama. Sa’aa kanatti xiyyeeffannaan keenna kan du’eef qabsaayuu osoo hin taane akka namni kana booda nurraa hin ajjeefamne, hin hidhamnee fi hin saamamneef kan qabsayuu qabnu. Haqa worra dhumee (wareegamtootaa) booda itti deebina. Osoo qabsoon hin goolabamin siidaan goototaa hin dhaabatu. Osoo hin moo’atin yakkamtoota murtiif dhiyeessuun inuma hin fakkaatu.

Yeroo kanatti OPDO irraa qabaa nadhiisan kuni gootummaas, gamnummaas miti. Eennuyyuu dogoggora seenaan OPDO dalagde kan dagate hin jiru. Hundi kan jedhaa jiru ammi yeroo addaddummaa itti dhiphisan malee yeroo dogoggora darbeen wol qaanfachiisan, gargar wolbaasan, Woyyaaneef hiree mijeessan miti dha. OPDO’n Oromoo miiteerti. OPDO fi Oromoonis harka Woyyaaneetti miidhamaniiru . Hundi kenna, OPDOs dabalatee, sadarkaan wolcaalus, kan salphanne harka Woyyaaneetti. Qabsoon kuni qabsoo hunda bilisoomsu, Oromoo hunda bakka tokkotti deebisu ta’uu qaba. Worra diina tajaajile isaanuma woliin woqaruu wanti jedhu, haluu bayuun, tooftaa keenna ta’uun irra hin jiraatu. OPDO saba isaaniitti makamuu barbaaddu, kanniin aantummaa sabaa argisiisaa jirtu seenaa darbe kaasaa rifachiisuun, hamilee cabsuun, bakka itti dheessitu dhabsiisuun qabsoo teenna haalaan miidha. Hundaan koottaa garaan Oromoo badhaadhaa jechuu danda’uu qabna. Hunda caalatti gumaacha OPDO’n amma qabsoo keennaaf laataa jirtu sadarkaa itti tuffannu irra hin geenne. Deeggarsa Lammaa Magarsaa wanti nu tuffachiisu tokko hin jiru. Uf sobuun, uf gowwomsuun nu hin baasu. Bara mara qabsaayaa jiraachuu, saahuu dhagaa darbachuu, saahuu dargaggeessa awwaalachuu hin qabnu. Qabsoon eegalamte daftee injifannoon xumuramuu qabdi. Kana dhugoomsuu keessatti gumaachi OPDO guddaadha.

Adeemsi amma Lammaan faati itti jiran kana ni saffisiisa malee hin gufachiisu. Deeggarsa isaanii al-kallattiin laataa jiran tuffachuudhaaf qabsoon hidhannoo cimaan nuti Baale ykn Booranaan geggeessaa jirru hin jiru. Biyyaa fi biyyaan alattis jaarmaya siyaasaa cimaa hin qabnu, ammatti. Worri jiru woliin hojjachuu mitii naga waaqaa wolgaafachuuf rakkoo qabu. Sochii amma OPDO keessaa mudhataa jiru akka hiree gaariitti itti fayyadamuu qabna. OPDO’n kaayyoo keenna hijack gooti jedhaa worri yaaddoo qaban jiru. Kan OPDO boollaa hantuutaatii baase Qeerroo Oromooti. Kana booda OPDO’n gara barbaddetti nu geessuu tasa hin dandeettu. Wabiin keenna qabsoo (Qeerroo) Oromooti.  Qabsoo keennatu nu kabajsiisa. Qaboo keennatu OPDO’n sarara nuti barbaannu qabatee akka deemtuuf dirqisiisa. Yoo OPDO’n qeerroo dura sabaaf wareegamuuf muratte, yoo OPDO’n ni hojjadha jette waan gaariidha. Itti fayyadamuu qabna. Maal Woyyaaneen ganna 26 itti hin fayydamnee? Nu biratti maaliif rakkoo ta’a? Ufitti amanuu dhabuun kuni hafuu qaba. Yeroo qabsoon keenna gaara sochoose irra genneerra waan ta’eef. Yoo OPDO’n sabaaf du’a jette haa duutuu. Qeerroon Oromoo kan du’e OPDO’s bilisoomsuudhaaf. Amma OPDO’nis sabaaf du’uu (wareegamuuu) qabdi. Karaan cubbuu isii ittiin miicattu tokko kana waan ta’eef. Kan hubatamuu qabu namni waan hunda, qabsoo tana, OPDO tti kenninee galla jedhaaruu hin jiru. Isaan jajjabeesuu fi carraa uumametti dhimma haa baanuudha kan namni heddu jedhutti jiru. OPDO aantummaa sabaa qaban funduratti dhiibaa deemuun faaydaa qaba. 1ffaa, gaaga’ama lubbuu Qeerroo irra gayu hir’sa. OPDO’n akkuma Oromoo kamuu rasaasa akka fudhattuuf dirqisiisa. Bilisummaa Oromoof isaanis gatii baasuun dirqama. 2ffaa, caasaan mootummaa Oromiyaa keessaa guutummatti akka hin diigamne taasisa. Sirni Woyyaanee diigamuun waan hundi keenna barbaannu. Diigamniinsa Oromiyaaf kan qabsayu hin jiru. Bakka ijaarsaa fi jaarmaya abdachiisaa hin qabnetti OPDO’n aantummaa saba qabdu tayitaa humna booda dhufutti cesiuun faaydaa Oromiyaa tasagbbesuu irratti faaydaa guddaa qaba. Al tokkoon waa hundi yoo diigame (Poolisii Oromiyaa hanga waajjira faayinaansiitti) debisanii ijaaruun ulfataa fi yeroo gaafataadha. Inumaa jaarmayaaleen siyaasa Oromoo aadaa waliin ta’anii rakkoo gurguddaaf fala barbaduu dhabuun isaanii dhimma kana hedduu yaachisaa godha.

Ammatti abdiin guddaa Oromoon qabu Qeerroo isaati. Dhiigaa fi qabeenna qabnu abshaalummaan itti fayyadamuu qabna malee wanuma ta’eef, bakkuma hundatti dhiigni Qeerroo Oromoo akka jiguuf hayyamuu hin qabnu. Akka waan waa cufa guttanneettis diina tuffachuu fi bobbokoknee mudhachuun gaarii miti; injifannoo arganne nu harkaa baasuu mala. Ija banataa tankaarfachuu fi tooftaa jijjiirataa hojjachuun dirqama.