Baqqalaa Garbaa Woyyaaneen maaliif hiitee akkas itti taphatte?

Abdii Gammachuu: Bilisummaan nuti laga, gaaraafi daggala keessa barbaannu daandii Finfinnee, Amboofi Adaamaa irra jirti. Nuti onnee hidhamuufi mindaa baatii muraasaa dhabuuf qophoofte qabna taanaan.

Hedduun keenya ob.Baqqalaa Garbaa osoo inni hinhidhamin dura irra jireessatti oduudhaan beekna. Yeroo inni mana hidhaa tureefi mana murtii deddeebi’us daran isa barre, waa’ee isaa kan odeeffamus hanga tokko dhageenye. Baqqalaa qajeelatti kan barre, akka yaada namoota hedduutti, erga inni mana hidhaatii bayee asi.

Ob. Baqqalaan sabboonaa Oromoo isa dhugaati. Isa waan itti amanu hojjatuufi isa saba isaaf jedhee lubbuu isaafi jireenya maatii isaa hallayyaa irraan tiratu. Baqqalaan nama rakkoo Oromoo hubatuufi nama ammas daandiin hallayyaa rakkoofi qaanii kana keessaa ittiin baanu itti mul’atu. Baqqalaan sabboonaafi goota Oromoo qofa osoo hintaane gamnaafi nama siyaasni galeef. Egaa Woyyaaneen murataafi dhimma Oromoo irraa akkas dubbataa kana kan ganna hedduuf nurraa hiitee dararaa turte. Oromoof namni gaariin hinbarakatu. Kan mataa olqabate, dhugaa qabatee waa’ee saba isaa quuqamaa dubbate mootummaan usee hin ilaalu. Namni ummtaaf firaa mootummaaf diina. Mootummaan yeroo hunda isa ummanni jaalatuufi abdatu kan hidhee itti taphatu. Kan abshaalummaafi bilchinaan fundura isaa dhabbate mootummaan battalumatti ilkaan itti qarate.

Woyyaaneen dhaadannoo keenya hindhageettu, bookkisa keenyas akka waan sodachisaatti hinfudhattu. Hunda tuffatti. Kolfaa bira dabarti. Kan isii sodaachisu, hirriba malee halkan guutuu isii teessisu, isa mataa gadi qabatee, tarsiimoofi tooftaa isii qajeellotti hubatee, dadhabinaafi cimina isiis gargar baafatee, tooftaa tolfatee harka garaa jalaan isii balleessuu hujii godhateedha. Isa akka Baqqalaa jechuudha. Isa alaa bookisuufi geerraru osoo hintaane xiinxanaa keessaatitu nuballeessa, umrii keenya gabaabsa jedhaniiti kan hedduu sodaatan. Mallas Zeenaawiis yeroo lubbuun jirutti namootuma ykn gareedhuma akkanaa irraa fagotti uf tiksaa ture. Hundaafis dhaamee kan darbe kanuma. Baqqalaan leenca Finfinnee keessatti gogaa hoolaa uffatee fundura isaanii dhaabbate ta’uu mootummaan hubate; mirkaneeffate. Bofni mataa olqabate rukutamuu hinqabuu? Yeroo isaanitti hinfudhanne. Akkuma innuu irra deddeebi’ee dubbate, ragaa sobaa wolitti qabatanii, mana hidhaa ‘Kangaroo’ uumatanii murtii hamaa Baqqalaa irratti dabarsan. Kuni hundi maaliif ta’e garuu?

Eenyummaa Baqqalaafi balaa inni sirnicha irraan gayuu danda’u qajeelatti kan hubate mootummaan, bitaa fi mirga erga ilaalee booda, nama akkanaa ummata keessatti gadi lakkisuu mannaa itti cufanii iyyiisnsa Dayaaspooraa,  balaaleffannaa mootummoota dhihaa fi jaarmayaalee mirga namaaf falman keessummeessuun akka irra woyyu filate.  Santu irra laafaa ta’eeti kan Woyyaanetti mul’ate. Waan dogoggoraanis hinfakkaatu. Kanneen eenyummaa Baqqalaafi yaada isaa akka gaaritti hubataniif tankaarfiin isaanii sirriidha. Kabajaa mirga bineensotaaf jettee bofa si’idduuf jiru ufitti hindhiistu. Woyyaanetti iyyiinsa Dayaaspooraa ilkaan hinqabneefi balaaleffannaa jaarmayaalee mirga namaaf falman irra balaan Baqqalaan geessu  hedduu guddaafi yaachisaa itti ta’e. Kanaaf kan jiruu isaa irraa buqqisanii Zuwaayitti dabarsan.

Murannoon waan itti amane qabachuufi onneedhaan daandii Oromoo nibaasa jedhe irra tankaarfachuu qofaa miti kan Baqqalaa Garbaa adda godhu. Haala amma keessa jirru kanatti daandii Oromoo rakkoo keessaa baasuufi qabsoo deemsisu akka gaaritti adda baafata. Tooftaa diinaa nihubata. Tarsiimoon balaan sabicharra gayaa jiru ittiin qolachuun danda’amus akka dansaafi ifatti itti mul’ata. Karaan rakkoo keessaa ittiin baanu heddu akka jirus irra deddeebi’ee dubbata. Inni garuu kan irra gabaabaafi baasii (lubbuufi qabeenyaanis) irra xiqqaa gaafatu akka filmaata jalqabaatti fudhata. Karaan rakkoo keessaa ittiin baanu heddu. Ta’us, inni qoree hinqabne, kan gufuun hindanqamne tokkollee hinjiru. Karaa gabaabaaf isa gufuun itti hinheddummaanne adda baafachuufi filachuun gamnummaadha. Karaa kiyya malee daandiin biraa hinjiru jechaa wolafoo dhaabachuudha, woltuffachuudha kan umrii qabsoo dheeresse; inuma bakka tokko tokkotti kan ummata qilee irraa balleesse. Hubannaa siyaasaafi abshaalummaa akka Baqqalaa qabaachuun, dimshaashumatti, mootummatti  amuummachuudha. Kanaaf Baqqalaan qarriffaa diinaa keessa kan seeneef.

Gaarummaan Baqqalaa heddu. Namni haasawa Baqqalaa Garbaa tibbana godhaa ture dhaggeeffate cimina nama kanaa heddu hubate amantaa jedhu qaba. Gama kootiin namni dandeettii haasawa isaa hindinqisiifanne heddu na hinqunnamne. Akka nama hundaa galutti, haasawuu qofa osoo hintaane sadarkaan ufitti amaniinsa isaa hedduu guddaadha. Nama siyaasa tokko irraas kan eeggamu qabxiin tokko kana. Nama dandeettii guddaa qabu , nama dubbatee nama amansiisu, haasawaan nama harkisu Woyyaaneen arguu hinfeetu; keessattuu yoo namni suni Oromoo ta’e. Baqqalaan akkas yaadaan, jechaan, gochaan hedduu cimaa ta’ee mul’achuun isaa qorra sodaa worra angoo irra jirutti gadi lakkise; isaan roqomsiise. Gara sababuma hinjirreen harkaafi miila sabboonaa Oromoo kana xaxuutti isaan geesse. Cubbuu maal!

Yaanni cimaan qawwee caala

Baqqalaa waan hanga ammaatti raawwatee miti kan rakkoo kana hundaaf isa saaxile, akka amantaa kootti. Humna (potential) fi yaada (idea) inni qabuudha mootummaan qaxxaamura guddaa akka isarra kaayu kan godhe.  Dhugumatti yaanni nama kanaafi dandeettiin isaa, deeggarsa ummata bal’aa argate taanaan, gaaga’amni inni sirna abbaa irree kana irraan gayu salphaa hinta’u. Amantaafi sodaan  mootummichaas kanuma.

Woyyaaneen nama ummata ufjala hiriirsu, kan hawaasa onnachiisuu, isa tooftaa tarsiimoo isii jalaa ittiin fashaleessu qabatee mul’atu tasa arguu hinfetu. Mormituun heddu. Hooggantoonni paartilee mormitootaas baay’ina dhaabilee siyaasaa yoo caalan malee hinhanqatan.  Dhaabuma Baqqalaan keessa jiru keessatti kan isaa olitti angoo qabu jira. Hoogganoota heddu, Dr. Mararaaas dabalatee,  hireen harka mootummaa kanaatti mana hidhaatti tortoruu isaan hinmudanne. Baqqalaan, hundi beektu,  dhaabicha keessatti nama lammaffaati. Tapha dirree siyaasa irratti, biyyuma abbaa irree keessattis, dhaaba seeraan galmaayee socho’u tokko keessatti nama sadarkaa ol’aanaa irra jiru sababuma xiqqoon (sanuu uumanii) mana hidhaatti galchanii duubaan namatti cufuun kasaaraa siyaasaa heddu akka qabu ykn fiduu malu tilmaamama. Mootummaan Itoophiyaas gaafa Baqqalaa Garbaa hidhuuf murteessu kuni jalaa hindhokanne.  Garuu, mootummaan maaliif Baqqalaa hidhuuf murteesse? Deebiin gabaabaan mootummaan filannoo ufii baduu ykn Baqqalaa balleessuu irra gayuu isaa agarra. Namni qawwee mitii shimala cimaa hinqabne tokko akkam akkasitti mootummaadhaan sodaatama jechuun keessan hinhafu. Maaliif jennaan yeroo heddu hedduun keenya kan namni dhuunfaas ta’ee mootummaan baay’ee sodaatu qawweedha jennee waan amannuuf. Dhuguma qawween waan sodaatamu. Dhimmi Baqqalaa qawween alatti wonti sodaatamu heddu akka jiru ifatti mul’ise. Hubannoofi amantaa keenya kan  hanga ammaa qabnu hanga  tokkos ta’u irra debinee akka gamaaggamnu osoo nuhindirqin hinhafne. Yaanni namoota irraa dhagayamaarus kanuma calaqqisa.

Yaanni cimaan qawweefi boombii akka caalu dhagayuu hinoolle. Viktor Huugoon wanni tokko woraana addunyaa hunda caalu yaada yeroon isaa geette jechuu isaa quba qabduu? Baqqalaan Garbaa yaada yeroon isaa geette qabateeti kan socho’u: hundi keenya dandii Finfinnee, Amboo, Adaamaa, Naqamte, Ciroo, Roobee, Jimma, Asallaafi Yaaballoo irratti akka tokkotti  mootummaa nu saamu, nu ajjeesuufi nubuqqisu afoo dhaabbachuu qabna jechuun isaa. Heedduu keenyatti yaanni kuni kan hojjatu fakkaatee hinmul’atu. Mootumichi garuu yaanni kuni hundarra hedduu hamaa fi yaada yeroon isaa geette ta’uu qajeelchee beeka. Mallas Zeenaawii, ni yaadattu yoo ta’e, kan angoo barbaaduufi isa haqa isaa gafatuuf mirga gaara bahuu ykn dagallatti galuu malee mirga haqa isaa daandii Finfinnee, Amboofi Adaamaa irratti gafachuu hinlaanne. Diinni karaa ittiin isa injifatan namatti mul’isaa? Hattuun faana waan hattee namatti argisiistii? Dhimmoonni biraa akkuma jiranitti ta’ee, jechummaan Mallas suni karaa ittiin qabsoofnee mirga keenna argannuu waan nutti himu heddu ufkeessaa qaba; qalbiidhaan yoo waa xiinxalluu kan dandeennu ta’e. Haga ammaatti iccitiin dubbii kanaa kan galeef Baqqalaafi namoota muraasa qofaaf. Hedduun qabsaawota keenyaa dirree diinni itti naaf bayi jedhu irratti kan argamuu fedhan. Kuni namoota tokko tokkotti gootummaa fakkaatuu nimala. Akka tarsiimootti garuu, kuni isa injifannotti nama geessuu miti. Sun Zuun, abbaa tarsiimoo addunyaa kan jedhamu, diina keessan kallattiin dhaqaa rukutaa hinjenne. Kan inni addunyaa gorse, ergaafi barumsi inni dabarse dadhabina diinaa gargar baasaa san booda bakka qaawwalti jirtuun seenaa diina dhabamsiisadha.

Qabsoon karaa nagaa Oromoof ni hojjata

Mootummaan namoota akka Baqqalaa kanniin qawwee mitii dullaa sona qabu hinqabne kan akkas sodaatuuf waa malee miti. Yaanni Baqqalaan faati deemaniin, qawwee kan caaluufi sammuufi onnee namaa keessatti facaafamee hidda godhannaan kufaatii guddaa kan qaqqabsiisu ta’uu isaa sa’aa kanatti mootummichi hunda keenya caalatti hubateera. Ummanni Oromoo bilchaateera. Kana booda dhaaba siyaasa kamiinuu irraa kan eeggamu ummata ijaaruufi hujii irratti bobbaasuu qofa. Kuni osoo gamtaan ykn wolhubannaa dhaabbilee siyaasaa jiddutti godhamuun osoo ta’ee irra bayeessa. Yoo kuun kana jedhu inni kuun kun hinta’u jedhee wolbushessuun hujii wolharkaa balleessuu fi gara diigamiinsaatti wolgessuudha rakkoon saahuu mul’atu. Dhaaba nubilisoomsuuf waadaa seenu malee kan hojjatee hunda caalee mul’atee nubilisoomsaaru argutti hinjirru.

Sabni akka Oromoo kuni socho’ee mirga isaa kabajsiifachuu woggaa hedduu mitii baatii heddu isa irraa fudhachuu hinturre. Gadhummaa daangaa hinqabne ta’eeti malee durumaa kaasee mirgi isatuu sarbamuu hinturre. Wanti badu badeera. Waan badu sirreessuuf Oromoon waanuma  fedhe haajedhuu, karaa kamiinuu haasocho’uu, harka duwwaas taanaan, tarsiimoofi tooftaa isaa hanga tokko sirreeffatee, waanuma jedhu san hujitti geeddarraan waan fedhu akka salphatti akka argatu diinni qajeelchee bareera. Yoo bartoonni Amboo ka’an hangam ardiin akka sochootu, Woyyaaneen akkam akka dhamaatu hundi beektu. Osoo wonti akkasii bakka hundatti yeroo tokkotti, kuni ijaarsa siyaasaafi qindoomina lafarraa guddaa gaafata malee waan hindanda’amu jedhamee bira darbamuu miti, osoo ta’ee maaltu akka dhufuu danda’u tilmaamaa. Addurreef harki lachuu mirga. Wanti kumee hedduuf hawwine balbaluma jirti. Maaliif karaa ufitti dheeressina, dararaa ufitti heddumeessina garuu?

Baqqalaan qabsaayaa Oromoo dhugaa ta’uu fi kallattiin qabsoo isaa kan deemsisu ta’uu isaatiif ragaan addaa barbaannu hinjiru; gochi mootummaa ragaa guddaadha. Yaada gaarii qabaachuufi karaa sirrii irra jiraachuun qofti gayaa miti, garuu. Yaannis hujitti jijjiiramuu qaba. Daandii sirrii irra dhaabbachuun konkolaataan rukutamutti nama geessa; tankaarfachuudha falli. Milkaayinni yaada Baqqalaafi garee isaa guutummatti kan hundaayu tokkoon tokkoo keenyaa hangam isaan deeggarre ykn bira dhaabbanne waan jedhu irratti. Yoo shakkiidhuma qabsoon karaa nagaa eessayyuu hingeettu jedhuun xaxamnee, waa’ema gaaga’ama 1992 nurra gaye akka ragaatti qabanee,  filannoon yeroo hunda hatamuu isaa irraas dubbataatuma yoo  kan  jiraannuu, Oromoo , eessayyuu hingeennu. Tasa, abad waan yaannu hinargannu. Qabsoon karaa nagaa, akkuma hayyonni heddu irratti wolii galan waan gatii malee geggeffamuu miti. Gatiin kafalamuu qaba. Gatiin kafalamus qaaliidha. Mootummaa abbaa irree garanyaattoo ykn mararfannaa tokko hinqabne wajjiin wol’aansotti jirraa yoomuu kana hindagatinaa. Erga bara 1992 kaasee gatiin kafalamaatuma jira. Gahaa ta’uu dhabuu isaa bira rakkoon kan jiru. Oromoon baatii baatitti kumaatamaan hidhamnaan, kumaatamaan doorsisamnaan, kumatamaan saamamnaan haqaafi bilisummaan sahuu hawwinu wonti harka ummataatti hingalleef tokko hinjiru.

Oromoodha hanga ammaatti humna isaa xiqqeessuufi namaa gadii uftaasisuu kan hayyame. Baqqalaan daandii Finfinnee irratti mirga koo nitikfadha jechuun isaa akka badii guddaatti ilaallamuu qofa osoo hintaane akka duumessa balaa roobuuf deemuuttis fudhatame, mootummaadhaan. Onneedhaan, ufitti amaniinsa sadarkaa ol’anaatiin mirga kootiif asumaa dubbadha, asuma keessattis haqa kootiif falmadha jechuu isaati kan dubbii itti dhale. Yeroo heddu nama akkas jajjabaatee isaan afoo dhaabbatu worri Woyyaanee nisodaachisu, nidoorsisu tooftaa adda addaan akka biyya irraa baqatu taasisu. Namoota heddu irratti tooftaan kuni yoo hojjatu argina. Yaaliin kuni hundi nama hincal’isiisu ykn gara baqaatti hingeessu taanaan tankarfiin itti aanuu kanuma Baqqalaa Garbaa irratti fudhatame. Oromoon nama  diina afoo dhaabbatee hanga dhumaatti falmatuun malee isa akka sinbiraa darbata takkaan gir jedhee biyya irraa baduun miti kan bilisoomu. Namoota  murannoo akkanaa qaban rakkoofi gufuu heddutu mudata. Obsaafi cicha sadarkaa ol’aanaa waan qabaniif malee namoonni kunniin dur harka laatan ykn baqatan ture. Yeroo dheeraadhaaf Baqqalaa hidhanii dararuudhaan yaaliin Baqqalaa rifaasisuufi ummatas (miseensotaafi deeggartoota) biraa bittinsuu gahaan godhameera. Itti milkaayanii garuu? Ammati hinmilkoofne. Erga Baqqalaan hidhaa bayee kan taajjabne, gama hamilee Baqqalaa cabsuufi yaadaa inni durii kaasee qabate gachisiisuutiin mootummaa kasaaraa guddatu mudate. Gara boodaatti karoorri inni Baqqalaafi fakkaattota isaaf qabu maal akka ta’e kan arginu ta’a.

Qabsoon Oromoo yadaafi mul’ata haarawaa barbaaddi

Mooraa Oromootti namni yaada haarawa qabu hedduu barbaadamaa ta’utu irra jira; rakkoo hedduufi wolxaxaa ta’e  qabna waan ta’eef. Yaanni rakkoo Oromoof furmaata argamsiisuu malu kallattii hunadaa burqutu irra jira. Hujii hojjatamu hunda keessatti, qabsoo bilisummaas dabalatee, woldorgommiin yaadaa jirachuu qaba. Akkamitti bilisoomna? Tarsiimoo, daandiifi tooftaa kamtu dafee bakka hawwinuun nugaya? Gara boodaatti Oromoon yoo daandii kam qabate naannoo Gafa Afrikaatti irra fayyadamaa ta’a? Yaadota ijoo kanniin irratti namoonni beekumsa qaban, kallattii qilleensa keessaafi alaa hubataa, yaada bifa wolirraa hincinneen burqisiisuu qaban. Wonti nama gaddisiisu garuu, namni tokko bilchina yaadaafi siyaasaa hangamuu cimaa ta’e haaqabaatuu, keessumattuu yaanni isaa kan yeroo heddu odeeffamuun adda ta’e taanaan, balaaleffanna guddatu isa mudata.

Namni tokko hangamuu beekaa ykn yaanni isaa cimaa yoo ta’e bakka deeggarsi ummataa bira hinjirretti eessayyuu hingayu; hinmilkaayu. Namni Oromoof qabsaaya jedhu kamuu kan deeggaramuu qabu cimina yaada isaatiin. Kanniin yaada burqisiisan, hangamuu yaanni isaanii adda ta’ee haa mul’atuu,  jajjabeeffamuufi kabajamuu qaban. Deeggarsi, wolbiradhaabbannaafi woliif birmannaan naannoofi wolbeekumsaan osoo hintaane cimina yaadaa qofarratti kan hundaaye ta’uu qaba. Miseensa ykn deeggaraa dhaaba tokkoo waan taaneef qofa yaada gaarii  kallattii biraatii bubbisu yoo kan tuffannuu rakkoo woggaa dhibbaaf yomuu fala hinargannu. Nuti garuu namoota yaada haarawa ykn waan fala ta’u  qabna jedhan nituffanna, maqaan adda addaas itti laatna. Hamileen isaanii rukutama; akka dheessanii  manatti galan taasifama. Akkanatti wolqancarsine. Gocha dadhabaa akkanaan mootummaa Woyyaanee goobsine. Ufis dadhabsiifnee ummatas dukkana hamaa keessatti hanbisne.

Rakkoo keessa jirru kana keessaa bayuuf ilaalcha wolii kabajuun dirqii ta’a. Yoo danda’ame ammoo ifatti yaadaanis ta’ee humna qabnuun woliif birmachuu, wolcinaa dhabbachuu qabna. Yeroo karaan haqaa kiyya, kan isin bilisoomsus anuma jedhamu dabreera. Kan daandii haqaa irra jirus kan nubilisoomsus isa oduun osoo hintane gochaan hunda caale argameedha. Hundi Oromoo yaada bilisummatti nugeessu minjala irra kaayuu qaba; ifaaf bilisatti. Kan irra baasu, heddu funduratti nutankaarfachiisu filachuun kan sabboontota hundaati.  Hedduuun keenya yaada caalaa ta’es hinomishnu. Kanuma durii irratti kan mataa woldhukkubsinu.  Ugginee mootummaa abbaa irree afoos hindhabbannu. Hidhamuufi lubbuu dhabuufis ufhinqopheessinu. Namoonni heddu hidhamuuf mitii mindaa baatii tokkoo dhabuuf qophii miti. Xiqqaachuu namoota murannoo qabaniiti kan qabsoo saba kanaa akkas lafarra harkise, saba guddaa kanas kan dukkana gabrummaafi hiyyummaa keessatti hanbise. Bilisummaan nuti laga, gaaraafi daggala keessa barbaannu daandii Finfinnee, Amboofi Adaamaa irra jirti. Nuti onnee tumamuu, hidhamuufi mindaa baatii muraasaa dhabuuf qophoofte qabna taanaan. Dirqama nurraa eeggamu bayuu dadhabnee Woyyaaneen ‘akkana, akkas’ nugoote jedhaa woggaa 25’f jiraanne.