Baqqalaa Garbaa fi barattoonni YFF shororkeessummaan yakkamuun Oromoo fi qabson isaa tuffatamuu argisiisa

Abdi Kedir | Kana booda humni Baqqalaa fi barattoota mana hidhaatti dararaman hiiksisuuf tattaafatu, mirga isaaniif dubbatu hin jiru hubannaa jedhu irraa kan geete fakkaata, Woyyaaneen. Kuni aabjuu isii ta'uu itti agarsiisuu danda'uu qaba qeerroon Oromoo!

Erga yeroo dheeraadhaaf beelamni geggeeddaramaa fi hidhamtootatti taphatamaa turee booda, abbaan alangaa mootummaa Federaalaa, Baqqalaa Garbaa fi Oromoota mormii nagaan wolqabatee hidhaman irratti himannaa yakka shororkeessummaa bane. Kuni ta’uun isaa oduu raajii miti hedduu keennaaf. Kanuma eeggamee  fi himannaa kana duras Oromoon kumaatamni ittiin adabameedha. Kan nama ajaa’ibu, garuu, yeroo Oromoon dammaqe, daangaa hanga daangaatti socho’e; ammas gaafiin ummataa sirrii ta’uu mootummaan amane kanatti, ummata kakaasuu, badii lubbuu fi qabeenya irra gaye hundaaf Baqqalaa Garbaa fi kanniin isa waliin himataman hunda itti gaafatamaa godhuu isaaniiti.

Yakki Baqqalaa Garbaa, Dajanee Xaafaa, Gurmeessaa Ayyaanoo, Aaddisuu Bullaallaa fi hoogganoota Oromoo biraa irratti baname hedduu kolfisiisaadha. Shororkeessummaa kan ta’e Baqqalaan Jawaar faa waliin mul’atuu fi kaameraa OMN fundura dhaabatuudha. Inni biraa, Doolaara 500 fi 400, kan yakki shororkeessummaa guutuu Oromiyaa keessatti ittin geggeeffame jedhame, biyya alaa irraa fudhatuudha. Doolaara 900’n maaltu akka hojjatamuu malu isinumti tilmaamaa! Jarreen kanniin fannisuu fi qabsoo Oromoo gaafii haqaa irratti hundaaye karaa balleessuu waan barbaadaniif qofa Baqqalaa fi Jawaariinis miseensota ABO godhanii gadi kaayan. OMN’s miidiyaa ABO’ti, akka himannaa yakkaa abbaan alangaa biyyattii Baqqalaa faa irratti banetti. Ammas, OMN irratti mul’achuu fi Facebook’n chat gochuun shororkeesuummaa ta’eera. Bilbilaan firaa fi Oromoota biyya alaa jiraatan dubbisuu fi waa’ee biyyi keessa jirtu irraa odeessuunis akkasuma.

Meeqa keessan kan himannaa yakkaa barattoota Yunivarsiitii Finfinnee (YFF) fundura Embaasii Ameerikattii hiriira geggeessan irratti baname hin ajja’ibsiifne? Dhala Oromoo irratti himannaan akkasii yoo banamu isin hin gaddisiisnee? Himannaan abbaa alangaa kan raga baye barattoonni kunniin sagalee isaanii dhaggeessisuu fi Oromoo idoo hundatti ajjeefamu, hidhamuu fi saamamuuf dubbachuun alatti yakki hojjatan tokkos kan hin jirre ta’uu isaati. Akka hedduu keennaa usanii barachuu fi jiraachuu ni danda’an ture; Irra salphaanis kanuma. Jaalalli saba isaanii garuu dhiibee daanditti isaan baasee akka barnoota dhabanii fi mana hidhaatti hadhaa jireenyaa dhadhaman isaan taasise. Seenaan isin haa yaadatu!

Mootummaan waan heddu tarreessus, ammas ragaa qaba jedhaa odeessus; ija Oromoo fi kanniin amala mootummaa kanaa beekan biratti himannaan yakkaa Baqqalaa faa irratti baname sobaa fi waan jeefa hin qabneedha. Egaa Baqqalaan faati himannaa shororkeessummaa isa akkanaa kanaan miila sakaalamanii, mirga isaanii guutummatti sarbamanii dukkana mana hidhaatti gatamani. Diraamaa kijibaan kan isaan saba, maatii fi jiruu isaanii akka dhaban taasifaman. Yo Baqqalaan faati, ijaa addunyaa funduratti yakka akkanaan himataman, Oromoo Salaalee hanga Mooyyalee, Mandii hanga Jaarsootti jiran ,kanniin sochii #OromoProtests irratti hiramaataniif daandii fi mana isaaniiti guuramaa hidhaman  hunda kan eeggatu ykn mudataa jiru maal akka ta’e tilmaamuun eennuufuu rakkisaa hin ta’u. Lammii keenna (Baqqala Garbaa hanga kanniin baadiyaa addaddaa kessatti hidhamanii dararamaa jiraniitti) yoo kijibaan itti taphatamuu fi jireenyi isaanii saamamu arguun baay’ee gaddisiisaa fi onnee madeessaadha. Yeroo akkanaatti woliif birmachuu dhabuun haala hammeesse, akka jarattiin nutti albaatu taasise.

Mootummaan kuni ija sooqiddaan miicatee, qaanii waan jedhamu tokko fixate maaliif Oromoota yakka gurguddaan himate? Maaliif hidhaa woggoottan hedduun isaan adabuuf murteeffate? Baqqalaa Garbaa fa’aa mana isaaniitii guuree erga hidhee yeroon dheeraadha. Garuu, himannaa tokko osoo irratti hin banne baatii hedduf mana hidhaa isaan tursiise. Ragaa kijibaa taatu yeroo hidhanii kaasanii harkaa qaban ture. Torbaan tokkottis uumuun isaan hin rakkisu ture; muuxxannoo ganna 25 itti qaban waan ta’eef. Yeroo dheeraadhaaf himannaa osoo hin banin akka turaniif kan isaan dirqe qilleensa siyaasaa biyya keessaa fi alaati- kallattii sochii #OromoProtests fi haala biyyoota alaa. Haala kana ilaalaa fi xiinxallaa turete, Woyyaaneen. Himannaa yakkaa kana fakkaatuun gadi bayuun isii kan argisiisu Woyyaaneen hubannaa fi amantaa sochiin fincila diddaa gabrummaa Oromoon geggeessaa ture laaffate jedhu irra gayuu isiiti. Kana booda humni Baqqalaa fi barattoota mana hidhaatti dararaman hiiksisuuf tattaafatu, mirga isaaniif dubbatu hin jiru amantaa jedhu irra gayaniiru fakkaata. Egaa yaanni isaanii gara tuffiitti luuccayuu isaati kan akka afaan guuttatanii, sagalee olqabatanii gurra Oromoo hundaa irratti yakka kijibaa akka dubbisaniif onnee kan isaaniif kenne.

Baatii shanan dabran keessatti namoota kumaatamatu nubiraa qabamee manniin hidhaatti dagatame. Hidhuun qofti kan isa hin quubsine, mootummaan Woyyaanee, namoota hidhe daran dararuu fi jiruu isaanii mana hidhaa akka godhataniif qophii xumuruu isaati kan himannaan yakkaa qabatee gadi baye mul’isu. Haala kana kessatti maal maal godhutu danda’ama, garuu? Tokkoon tokkoo keennaa dirqama baadhannee fi bayuu qabnutu jira. Dirree waraanaatti qabsaayaan tokko yoo nama biraa kunfu ykn madoo ta’u inni hafe dirqama reeffa qabsayaa kufee ykn isa madaaye kaasuu fi adda woraanaa irraa duubatti geessuu qaba. Qabsoon karaa nagaas balaa fi rakkoo mataa isii qabaachuun ifa. Namni fundura namaatti ajjeefama, madaaya. Akkasumas hidhama; gidiraa gargagaraaf saaxilama. Kan gaafii haqaa qabatee mirga isaaf daanditti baye hundi, yoo giiten dhufte, woliif birmachutu irraa eeggama. Dirree irratti wolgatanii dhessuun, mana hidhaa fi siree hospitaalaa irratti wol-irraanfatanii jireenya dhuunfaa geggeessuun gaafii qabannee baaneefis deebii hin argamsiisu, injifannoo hawwinuttis tasa nu hin geessu. Har’as dheessinu boru hidhamuu fi doorsisamuu jalaa nu hin baasu. Gabrummaa barabaraa jala akka jiraannu kan nutaasisu. Hunda caalatti, wolirratti du’uu dhabuu fi isa hidhame hidhaa baasuuf ijibbaata godhuu dadhabuun fokkisaa fi seenaas xureessaadha.

Wantoonni ciminaa fi jabinni qabsoo Oromoo fi hoogganoota isaa, sochii #OromoProtests jechuu kooti, ittiin madaalamu keessaa inni tokko, tarii guddichi, hujii fi yaali nuti yoo jaallan nubiraa kufanii fi hidhaman goonuun madaalama. Altokko daanditti erga baanee, hidhaan jabaatte, ukkamsaan hammaatte jennee duubatti dheessuu bira dabrinee kanniin kumaatamaan qabamanii mana hidhaa addaddatti darbaman hunda yoo kan dagannuu qabsoo eegalle ni laafisna, dhiiga gootota qabsoo tanaaf kufanii, madaayanii bilaasha goona. Bara mara isaan nu adamsaa; nuti ammo booyaa, gaddaa, garaa gubataa fi mataa hooqataa jiraachutti nugeessa. Qabsoon murannoo gaafatti. Ammatti murannoon hunda keennaa, gatii fedhes yoo kan nukkaffalchiisuu, mootummaa kanaan Oromoo ajjeestee hin galtu, mana hidhaatti itti cuftee irra hin teettu, Agaaziin nuhinbulchituu ta’uu qaba. Yoo kana goonu balaa nurra gayuu malu tooftaa addaddaatti dhimma bayuudhaan hir’isuun ni danda’ama. Hidhamuu fi ajjeefamuu irraa guutummatti baqannee Oromiyaa bilisoomsuu mitii Baqqalaa Garbaa mana hidhaati gadi lakkisiisuun waan hin fakkaanne ta’uu hundi keenna hubachuu qabna. Itti haa yaannuu!

Woyyaaneen mana hidhaa Maqalee cabsiteeti kan namoota isii baaste, bara durii. Nuti daanditti baanee  iyyiinsaan gurraa Woyyaanee duuchuu, mirgaa fi bilisummaa namoota nubiraa hidhamaniif dubbachuu, akka qarriffaa Woyyaanee keessaa bayaniif dhiibbaa barbaachisu hunda gochuuun akkamitti nutti ulfaata? Jaallewwan kumaatama (barataa, daldalaa, barsiisaa fi qotee bulaa) mana hidhatti dagannee ufii keennaa barachuu fi jiruu nagaa geggeeffachuun qaanessaa fi seenaa xureessaa hin ta’uu? Qabsoon mirga gonfachuu fi haqa ufii tikafachuu bifa kanaan biyya kamuu keessatti hin geggeeffamne. Biyaa keenna keessatti bifa kanan wanti geggeefamuuf tokko hin jiraatu. Wolgataa fi mana hidhaatti woldagataa qabsoon geggeeffamu tokko hin jiraatu. Bifa kanaan qabsoon yoo qancare malee gara bilisummaatti hin tankaarfatu. Ummata hidhameef dubbachuu, qabsoo eegalmte akka itti fufiinsa qabaattu gochuu irratti shoorri hooganoonni Oromoo biyyaa fi biyya alaa jiran taphachuu qaban guddaadha. Hujiin hanga ammaatti jiru, gama saniin, quubsaa miti. Hujii abdachiisaan akka hojjatamuuf dhiibbaan kallattii hundaan hoogganoota irratti godhamuu qaba.

Barreessaa abdik12@gmail.com qunnamuu dandeettu.