Baqattoonni Itoophiyaa 101 gara Afrikaa Kibbaatti fuulleffatan Keeniyaa keessatti too’annaa jala oolan

Woraqaa gahaa hinqabdan kan jedhu sababni hidhaaf isaan saaxile

Baqattoonni Itoophiyaa 101 gara Afrikaa Kibbaatti baqachuuf yaalii Keeniyaa qaxxamuruu taasisan jedhaman Naayiroobii keessatti too’annaa poolisii biyyattii jala ooluu isaanii The Star gabaase. Kan hidhamuuf isaan saaxile seeraan ala biyyattii keessatti argamuu isaniiti, akka gabaasa kanaatti.

Lammiiwwan Keeniyaa baqattoota kanniin gargaaran jedhamanis too’annaa poolisii jala jiru.

Baqattoonni Itoophiyaa mana murteetti dhihaatanii seera cabsuun isaanii mirkanaaye taanaan adabbii maallqaa guddaa fi  adabbii hidhaa yeroo dheeraati kan isaan eeggatu.

Biyyoonni baqattoonni Itoophiyaa qaxxaamuruun gara Afrikaa Kibbaatti deeman hedduun seera cimaa immigreeshinaa isa baqattoota Gaafa Afrikaa ittiin adaban qabu. Baqattoota Itoophiyaa daangaa seeraan ala cabsuun alatti badii biraa hinraawwanne heddutu woggoota hedduuf manniin hidhaa Tanzaaniyaafi Malaawii keessatti akka tortoraa jiraniidha kan ragaaleen addaddaa mul’isan. Biyyoota heddu addunyaa keessatti adabbiin nama seeraan ala daangaa cabsee seenee biyyaa baasuudha; jabaatu ammoo hidhaa baatii tokkoo hanga lamaati.

Baqattoonni Itoophiyaa Afrikaa Kibbaatti doohannaa argachuuf bahan yeroo hedduu waa’ee milkii isaanii osoo hintaane waa’ee dararaa biyyoota Afrikaa heddu keessatti isaan irra gayuudha kan dhagayamu. Lammiiwwan Itoophiyaa hedduun, kanniin du’a miliqan, kan hadhaa imala dheeraa, dararaafi saamichaa kan saaxilaman irra jiressatti Moozaambik, Zaambiyaa, Malaawiifi Tanzaaniyaa keessatti. Hundumtuu jechuun nidanda’amaa rakkoo jalqabaatiin, jiruun baqaa maal akka fakkaatu kan argan, akkuma dachii biyya ollaa Keeniyaa irra ejjataniin.