Balaaleffannaan gocha faashistii Woyyaanee biyyoota addaddaa keessatti cimee itti fufee jira

Mormii guddaa biyyaa keessatti isa qunnamaa jiruuf itti gaafatamaan Oromoo Diasporaati jechuun himata mootummaan.

Hiriira Mormii Nezerlaanditti taasifame

Sadaasa 2015 eegalee ajjeechaa Oromoo irratti raawwatamaa jiru balaaleffachuudhaan Oromoon biyya alaa jiraatu daangaa daangatti socho’aati kan jiru. Hiriira mormii geggeessaniin Oromoonni biyyoota Awurooppaa fi Ameerikaa keessa jiraatan yakka mootummaa Woyyaanee saaxilaa fi addunyaa irratti fudhatama akka hin arganne taasisaati kan jiran. Mootummaan garuu #OromoProtests jajjabeessuu fi hiriira mormii geggeessuu isaa qofaaf miti kan Oromoo biyya alaa jiraatan yakkaa kan jiruuf. Akka himannaa mootummaa Itoophiyaatti sochii biyya keessaaf kan qajeelfama kennan, maallaqaan kan tin’isanii fi akkasumas tooftaan kan jajjabeessan Oromoodhuma biyya ambaa keessa jiraatan kana. Akka ibsa mootummaa Itoophiyaatti Oromoon biyya alaa jiraatu ‘farra nagaa, farra guddinaa fi shororkeessaadha.’

Himannaa mootummaan Itoophiyaa guyyaa guyyatti nurratti banu ni dhageenna. Woyyaaneen mormii cimaa Oromiyaa keessatti isii mudate guutummatti kan wolqabsiisaa jiru worra ‘farra nagaa’ jettee qaxxaamura guddaa irra keetteen. Fincila xumura gabrummaa kanaaf ajajni kan dhufu, akka himannaa Woyyaaneetti, humnoota biyya keessaa socho’anii fi biyyoota alaa keessatti maandheffatan irratti. Ololli Woyyaanee fi dhugaan karaa irrattis akka wolbira hin darbine hundi keenna beekna.

Himannaan inni biraa waa’ee madda galii hiriirri kuni itttiin geggeefamuu fi biyyoota hiriira kana duubaan jiran jedhamaniidha. Yeroo addaddaatti, irra deddeebi’aa, kan yakkaa jiran Eertiraa, Masrii fi Kaataar. Haylamaaraamii hanga Miimmii Sibaatuutti kan nutti himan biyyoonni kunniin maallaqaa fi gorsaanis #OromoProtests duubaan jiraachuu isaaniiti. Maal jechuu barbaadaniiti? Mee haa ilaalluu.

Woyyaaneen maaliidhaaf Masrii fi Kaataariin #OromoProtests’n wolqabsiisti?

Waa’een  Eertiraa ifa- isa irratti yeroo hin galaafannu. Maashinoonni ololaa Woyyaaneen bobbaaste Masrii fi Kaataariin eessaa fidaniiti kan qabsoo Oromootiin wolitti makan? Hedduun namaa kan wolgaafachutti jiru isa kana. Itoophiyaa fi Masrii jidduu jaalalli akka hin jirre eennuun jalaayyuu hin dhokanne. Rakkoon yeroo dheeraa jiraachuu isaati kan angawoonni Itoophiyaa durii kaasanii odeessan. Waa’eedhuma Abbayyaa kana irratti wolitti gaarreffachuun alatti takka wolitti bu’uu isaanii seenaan argisiisu hin jiru, garuu. Hunda caalatti kan nama raaju Kaataar qabsoo Oromoo kan deeggaraa kan jirtu ta’uu Woyyaaneen nutti himuu isiiti. Osoo ta’e waan akkam nama gammachiisu ture!

Yakki Woyyaaneen biyyoota sadiin kanniin irratti bante hedduu cimaadha. Isintu diina koo nyaachisaa, leenjisaa fi hidhachiisaa natti bobbaasa jedhaati kan jirtu. Diinumaa ifa ta’ee fi ragaa gayaan alatti biyya tokko bifa kanaan raguu caalatti, gama dippiloomaasiitiin, cubbuun hamaan afaanii nama bayu hin jiru. Eertiraa woliin diina. Isaan hafan lamaan irratti badii maaltu argameeti qubni kan itti qabame? Woyyaaneen Masrii fi Kaataariin maqaa osoo hin dhayin Eertiraa fi biyyoota alaa biraatu Oromoo natti  kaase jedhaa bira darbuu inuma dandeetti ture. Daandii kana hin filanne garuu. Maaliif?

Woyyaaneen afaan baafattee, sanuu irra deddeebi’aa, biyyoota kanniin akka diinaatti kan labsite. Sadarkaa kanatti kan isii geesse waan sadi keessaa tokko ykn hundaa ta’uun ni mala. Tokkoffaan, deeggarsa nuti argaa hin jirre Oromoon Masrii fi Kaataar irraa argataa jiraachuudha. Inni lammataa, diinumaan cimaan jidduu biyyoota kanaa fi Itoophiyaa jiraachuu. Qabxii sadaffaa kan ta’uu malu ololli geggeeffamaa jiru kuni qaama tarsiimoo Woyyaaneen qabsoo Oromoo saboota biraa biratti gatii dhabsiisuu fi akka ija shakkiin laallamu taasisuu, yoo danda’ame gufuu itti heddummeessuuf, baafatte socho’aa jirtu ta’uu isaati.  Sadiinuu ykn tokko keessaa sirrii ta’uun Oromoof oduu gaariidha. Mee isa kamtu keessaa ta’uu akka malu haa ilaalluu.

Inni duraa, hanga hedduun keenna hubannutti rakkoon ijoon qabsoo Oromoo lafarra harkise gargaarsa gayaa (dinagdee, meeshaa fi diploomaasii) hawaasa addunyaa irraa argachuu dadhabuudha. Jaarmayaaleen Oromoo hundi (dhaabbilee siyaasaa fi OMNs dabalatee) saahuu yoo booyan kan dhageennu waa’ee rakkoo diinagdeeti. Hundaaf Oksijiiniin lubbuu isaanii tursiisu, akka miseensonni heddu beekanitti, kan argamu gargaarsuma miseensota irraa wolitti qabamuun. Waanuma fedhes yoo ta’e bifti jaarmayni doolaarri Masrii fi Kaataar irraa seenuuf isa amma arginu kan, huqqoo fi daalacha, fakkaachuu hin malle. Akka jedhame irreen Masrii fi Kaataar nu duubaan jira osoo ta’ee OMN woggaa lama keessatti si’a kudhanii oli qilleensa irraa hin gatamu ture. Hoogganoota keenna irraa ifattis ta’ee kophatti kan dhageennu, harkas qaldhatuu fi rakkoo mataa isii qabaattus, kan nu jajjabeessitu Eertiraa qofa.

Masriin, Sheek Muhaammad Rashaad barsiisuu fi baqattoota keenna keessummeesuun alatti, Oromoof wanti gootee kan ifatti cululuqee mudhatu hin argine. Gama kiyyaaan qabsaayaa Oromoo Masrii fi Kaataar woliin hariiroo uummannee qarshii arganne, meeshaa aynaa kana galfanne jedhu tokko hin dhageenne- yeroo Dargii fi ammas. Jarmayoonni Oromoo Masrii fi Kaataar woliin waan taasisaa turanii fi itti jiran hanga har’aatti iccitiin tursiisan jechuu ni dandeennaa? Umh! Dhimmuma kana qofa yoo ta’e malee dhimmoota biraa irratti mooraa keenna keessa iccitiin akka hin jirreedha kan beekamu. Woyyaaneen waan itti fakkaate afuuftus, waan tokko mooraa Oromoo keessaa dhagayuu dhabuun keenna, irra jireessatti wanti qabsoon teenna Masrii fi Kaataar irraa argataa turtee fi jirtu hin jiru gara jechutti nama geessa. Hoogganoonni keenna, worri jarmaya siyaasaa fi OMN, cimanii hojjachuudhaan eebjuu Woyyaanee hirriba dhoorgaa jiru kana dhugoomsuu qabu. Nutti jabaadhaa jenna!

Inni biraa rakkoon cimaan jidduu biyyoota kanaa jiraachu mala isa jedhuudha. Masrii fi Itoophiyaa jidduu, wolworaanuus baatan, jaalala wanti jedhamu hin jiru- durii kaasee. Waa’een hidhaa Abbayyaa haada dippiloomaasii qal’ate gara cituutti kaleesseera ta’a. Tibbana Haylamaaram Shaarm Al Sheek ture. Yaaliin luka arraabuu inni dhumaa abdii kutachiisaa turee haa jennuu? Kaataariin maaltu fidee ibidda kanatti akka isii darbe beekuun baay’ee rakkisaadha. Shoorri isiin sochii Itoophiyaa keessatti geggeeffamu keessatti qabdu ammatti ifaa miti. Kan beekamu tokko, sadarkaa addunyaatti Kaataar yeroo heddu humnoota bilisummaaf qabsaayan bira kan dhaabattu ta’uu isiiti. Hariiroon Kataarii fi Eertiraa jiduu jirus cimaa ta’utu himama. Ammatti, ifatti kan mul’atu dhimmoota kanniin. Tarii dhimmootuma kanniintu Woyyaanee hirriba malee halkan guutuu teessisaa bulchaa jira ta’a.

Qabxii sadaffaa ta’uu kan malu, Masrii fi biyyoonni Arabaa Itoophiyaa weeraruu fi yookaan tasgabbii nu dhoorgutti jiran yoo jenne ummata Itoophiyaa (addadurummaadhaan Amaaraa fi Tigraay) irraa waa ni arganna abdii jedhu qabdi ta’a Woyyaaneen. Qaamota ykn biyyoota qabsoo keenna keessaa gumaacha hin qabneen qabsicha dirqiin wolitti hidhuudhaan Woyyaaneen saboonni biraa qabsoo keenna ija shakkiin akka laalanii fi akka Woyyaanee woliin nurratti duulaniif olola kana bakkisti ta’a. Woyyaaneen akkana hin yaaddu, sanuu yeroo haanni mormatti godhame kanatti, jechuun hin danda’amu. Asbiratti kan hubatamuu qabu yakki mootummaan Itoophiyaa, mee Eertiraa dhiisaa, biyyoota lamaan irratti bane baay’ee cimaadha. Ummata kakaasuuf jecha biyyoota harka qulqulluu, keessumattuu kan akka Masrii fi Kaatra Jiddugala Bahaa keessatti sagalee fi humna guddaa qaban,  irratti olola akkanaa geggeessuun yoo badii guddaa argamsiise malee faaydaan isaa waan madaallii kaasu hinfakkaatu. Ummanni akka kana duraa kijiba Woyyaanees hin fudhatu. Ololli itti jiran kallattii hundaan yoo ilaallamu kasaaraadha callaan irraa argamu.

Woyyaanee fi biyyoota Arabaa kanniin jidduu hariiroon jiru gadheedha

Olola Woyyaaneen Masrii fi Kaataar irratti geggeessaa jirtu kan duukaa bu’ee hordofeef wanti tokko ifa: hariiroon biyyoota kanniinii fi Itoophiyaa jidduu jiru sadarkaa hin jiru jedhamu irra gayuu isaati. Wanti xiqqoon qarqara irra jirtu jirti yoo ta’e, hariirichi olola bal’aa tibbanna Woyyaaneen banteen hallayaa keessaa bayuun hin dandeenne bu’eera. Kan yeroo dheeraadhaaf beekamu mootummaan Itoophiyaa luka biyyoota hundaa dhiqaa fi huduu arrabaa kan hariiroo uumatuu fi lubbuu dheereffatu ta’uu isaati. Hariiroo Masrii fi Kaataar woliin qabdu maaliif akka hallayyaa bu’uuf hayyamte, Woyyaaneen? Kadhattus, miila arraabdus milkii dhabuu isiiti malee hin yaalle jechuu tasa hin dandeennu. Maaltu akkana wolitti isaan hadheesse gaafiin jedhu ni ka’a. Kan ta’uu malu, gama Masriitiin, hanga Woyyaaneen jirtu rakkoon Abbayyaa hin furamu amatanaa jedhu irra gayuu ta’uu ni mala. Kan Kaataar? Kaataar Eertiraa woliin hariiroo hidda cimaa qabu qabaachuun madda rakkooti yoo jedhame dogoggora hin fakkaatu. Kaataar albee lamaan nyaachuu hin dandeenne jechuudha. Dhimmoota kanaan alatti wanti isaan wolficisiisu heddu natti hin mul’atu.

Itoophiyaa fi biyyoota kanniin jidduu rakkoon jiraachuun milkaayina qabsoo Oromoof foddaa hiree baneera

Sababni woldhabdee biyyoota kanaa kamuu haa ta’uu, haalli amma Itoophiyaa fi biyyoota Arabaa kanniin jiddutti mul’ataa jiru qabsoo hadhaayaa Oromoon itti jiruuf foddaa hiree baneera. Foddaa kana badhifachuu fi waan agamuu malu hunda seensifachuun kan eeggamu jaarmayaalee fi namoota qabsoo bilisummaa kana hoogganaa jiran irraati. As biratti kan hundi hubachuu qabu qabsoon geggeeffamu ufirratti erkannaa guddaa qabaachuu akka qabduudha. Dhugaan jiru tokko humni Oromoon qabu, keessumattuu inni diinagdee fi dippiloomaasii, cimaa miti. Hangamuu cimnu buusii miseensotaa fi gumaacha deeggartootaatiin taankii bitachuu hin dandeennu. Kuni kan nutti argisiisu deeggarsi biyyootaa fi qaamoota addaddaa kan nu barbaachisu ta’uu isaati- qabsoo tana injifannoon xumuruudhaaf. Deeggarsa fi gargaarsa argachuun kan danda’amu jalqabatti biyyootuma Woyyaaneen diinsite ykn maqaa xureessite kanniin irraayi.

Biyyoota kanniinii fi Woyyaanee jidduu woldhabdeen jira jechuun deeggarsi isaan biraa akka dirsaa gannaa nutti rooba jechuus miti. Tooftaa baafannee yoo irratti hojjanne wanti hin danda’amne tokko hin jiraatu, garuu. Biyyoota Woyyaaneen diinsite mitii isaan biraa biraas yoo ta’e dhugaa Oromoo ibsine, worwaannee fi luka jalatti jignee deeggarsa qabsoo keenna utubuu fi funduratti nu dhiibu argamsiisuun adeemsa sirrii natti fakkaata. Fafti akka Woyyaanee baadhachuu fi salphini akka isii jalatti kufanii jiraachuu tokko hin jiru waan ta’eef. Ammas beekuu kan qabnu, seenaa yeroo dhiyo keessatti, qabsoon bilisummaa biyyoota addaddaa keessatti geggeeffame humnoota alaa irraa deeggarsa, isa bifa kamuu, osoo hin arganne kan fiixa baye jira hin fakkaatu. Nu bilisoomsuf qamni du’u hin jiru. Ta’us kan maallaqaan qabsoo teenna utubu tasa barbaadamee hin argamu jedhanii jala sararuun hin danda’amu. Eertiraan alatti Oromoon addunyaa kanarratti biyya qabsoo isaa deeggartu argachuu hin danda’u jechun Oromoof qaanii; hoogganooota isaaf kufaatiidha.

Tokkummaan socho’uun filannoo osoo hin taane dirqama yerooti

Qabsoo teennaaf deggarsa addunyaa wolitti qabuuf yaaliin hin godhamne jechutti hin jiru. Yaalii hanga ammatti godhameen injifannoon guddaan kan hin argamne ta’uun eennuun jalaa waan dhokatee miti. Dhabamuu deeggarsa quubsaaf biyyoota addaddaa abaaruun duratti hir’ina gama keennaan jiru furachuu fi wantoota hanga har’aatti gufuu ta’aa jiran sirreeffachuun dirqii ta’a. Yeroo itti laatuuni dogoggora- ummanni dhumaa jira waan ta’eef.

Hujiin ciccimaan, deeggarsa addunyaa argachuu fi leeccalloo qabsoof ooltu wolitti qabachuu, waan akka salphatti milkaayuu miti. Dhugaa dhagayuu fi liqimsuuf qophii ta’uu qabna: Haala amma itti jirru kanaan hujiin dippiloomaasiis ta’ee qabsoon kallattii hundaan geggeeffamaa jiru galma gayuun inuma hin dandeenne. Haalli Oormoon keessa jiru armayoonnii fi hoogganoonni Oromoo hundi, woljalatanii woljibbannii, akka woliin dhabatanii fi sagalee tokkoon dubbatan isaan dirqa. Wolitti baquus dadhaban akkuma bibixxiilaman sanitti iddoo barbaachisu hundatti woliin mudhachuu fi ergaa tokko dabarfachuu isaniiti kan Oromoon ajjeefamaa fi gidiramaa jiru isaa irraa arguu hawwu. Kan ajjeefamuun, dhiitamuu fi saamamuun Oromoo hirriba isa dhabsiisu hundi addaddummaa xixiqqoo bal’isuu fi falmii natu caalaan yeroo balleessuu dhiisee hundi jiddutti siiquudhaan dhimmoota hanga Finfinneetti nugeessan irratti woliin hojjachuu yeroo hunda caalaa ammatti dirqii ta’a. Jaarmayoonni wolafoo dhaabachuu fi hooggantoonni woltuffachuudha Oromotti umrii gabrummaa dheeressaa fi deeggarsa addunyaa irraa argamuu malus nu dhabsiisaa kan jiru.

Qabsoo woggoottan dheeraadhaaf geggeessaa turre keessatti haalli qabsoo kanarra mijataan hin mul’anne. Hiree amma uumame, biyyaa fi biiyyaan alattis, kanatti fayyadamuudhaan hoogganoonni keenna asfii fi achi jedhaa waan qabsoo tana jajjabeessuu fi Woyyaanee addunyaa irrati daran salphisu irratti tokkummaan hojjachuu qabu. Ummatuma biyyatti diinaan wolaansoo qabu taa’anii ilaaluu fi nutu geggeessaa jira jedhaa ololuun dhaabatee hundi gara hujii lafarratti mul’atuutti tankaarfachuu qaba. Kana gara Kaayiroo fi Dohaatti balali’uudhaan yaaluun ni danda’a. Hunda caalatti, rakkoo fi gufuu arguu qofa irraa gara carraa fi hiree jiran arguu fi itti fayyadamuutti tankaarfachuu qabna.