Bakar Shaalee mataa OPDO ta’uun kufaatii Woyyaanee saffisiisa

Yeroo OPDOn dammaqaa jirtu kanatti jilbiiffataan akka Bakar Shaalee muummee OPDO ta'uun miseensota daran dhaabicha irraa fageessa, OPDOn akka laaftu taasisa.

Woyyaaneen waan akka sochii Oromoo hirriba isii dhoorge, qabsoo Dargii woliin geggeesitee asitti, takkaa argitee hin beektu. Harka dhiigaa lafatti haqattee, sochii kanatti xumura gootee, waan ta’e hunda akka waan takkaa hin uumamneetti dagattee bira dabruuf fiigichi isiin irra jirtu hedduu cimaadha. Kan ta’aa jiru garuu faallaa waan Woyyaanen arguudhaaf hawwituuti: Ibiddi ganda hundatti qabataa fi qabsoon eegalame babal’ataati kan adeemaa jiru. Eebjuun ifnana arguu Woyyaanetti fagaataati kan dhufe. Yerookanatti mootummaan kan imalaa jiru, yeroo tokko tokko kokolaataa yeroo biratti tirataa, gara hallayyaa keessaa bayuun hin danda’amneetti. Kanaaf agarsiisni gaariin Bakar Shaalee mataa OPDO goodhanii muuduudha. Uffannisuu jechuun isa kana!

Seenaan Bakar Shaalee, jalqabaa hanga har’aatti, gurraacha; isa xibiluu. Kan Bakar Shaalee xiqqeennaa kaasee beeku waan isaa gaarii tokko yeroo dubbatan hin dhagayamu. OPDO’tti erga makamee kaasee namni kuni kan irratti bobba’e hujii ummata ajjeesisuu, hiisisu, saamsisuu fi gidiraa dhadhamsiisuuti. Aanaan inni keessatti hojjatee fi gandi inni keessa tankaarfate kan gaddaa fi booyichaati. Namoonni godina Baalee fi Arsii Lixaa waa’ee nama kanaa eennuunuu caalatti kan irraa dubbatan. ‘Seexana yoo ta’e malee dhalli namaa gara jabeenna akkanaa qabaachuu hin malle,’ jedhe namni kallattiidhaan isa beeku tokko.

Oromoonni ergaa diinaa fudhatanii ummata isaanii irratti hojjataa turan heddu. Dhugumatti, akka ragaan namoota qajeelatti isa beekan irraa wolitti qabne mul’isutti, dhugumatti namni akka Bakar Shaaleetti jilbiiffatee fi siidaa Aksum baadhate hin jiru. Namni kuni gooftota isaa gammachiisuu fi ajaja isaanii, waa xiqqoo osoo hin sharafamin, hujii irra oolchuudhaaf fiiga: hojjattoota mootummaa fi miseensota OPDO darara, salphisa, hujii irraas ariisisa. Hanga angoon isaa hin tuqaminii fi gooftonni hin mufatinitti, Bakar, lammii isaa qaanfachiisuu fi doorsisuu irraa nama uf duubatti jedhuu miti. Miseensonni OPDO fi hojjattoonni mootummaa kallattiidhaan nama kana beekan dhiiga booyaati kan himatan; kan waa’ee isaa dubbatan.

Bakar Shaalee fi angoo sadarkaa addaddaatti argate hundaan kan wolitti isa fide beekumsa ykn muuxxannoo isaa miti. Woyyaaneen ofii isiitii nama ajjeesti. Oromoon Oromoo akka qalus jajjabeessiti. Kanniin lammii ajjeesuudhaan Woyyaanee biraa jaalalaa fi angoo guddaa argatan keessa Bakar isa tokko. Bakar dirqama kana Raayituu/Baalee eegalee, dhiiga Oromoo irra mucucaataatiin kan Finfinneen baye. Gara jabeenyaan hunda kan caaluu ta’uu isaatiif ragaan, OPDO keessa kan beekumsaa fi muuuxxannoon isa caalan heddu osoo jiran, shaampiyoonaa OPDO ta’ee muudamuu isaati.

Qaamni Bakar Shaale hin jibbine tokko hin  jiru: miseensota OPDO, poolisii naannoo Oromiyaa fi jiraattoota godina Arsii Lixaa fi Baalee biratti namni kuni gatii fi kabajaa sareen qabdu hin qabu.  Woyyaaneen  sadarkaa hedduun keenna hubannuu olitti dhama’uu fi dadhabuu isii kan agarsiisu nama akkas ummataa fi miseensota dhaabichaa biratti fudhatama hin qabne kana fiddee iddoo OPDO fi naannoo Oromiyaa irratti murteessa ta’e kana irra kaayuu isiiti; duubaan kan waan cufa hojjatau Woyyaanee ta’us.

Amma, yeroo kamuu caalatti yeroo miseensonni OPDO dabnanaa fi saamicha daangaa hin qabne isa Woyyaaneen ummataa Oromoo irratti rawwataa turtee fi jirtu itti hubataniidha. Sirni federaalizimii, ol’aantummaan seeraa fi bulchiinsi gaariin woraqaa irra malee lafa irra akka hin jirre sa’aa kanatti miseensonni OPDO sadarkaa hunda irra jiran qajeelatti beeku. Meeshaa ta’uu caalatti ummataa fi naannoo isaaniitiif wanti hojjataa jiran heddu akka hin tane akka gaaritti hubataa dhufaniiru. Bakar Shaalee dhugaa irra jireessi miseensonni OPDO hubatan kana nama hin argine, hin dhageenne; dhagayus nama fudhachuuf qophii hin taane. Bakar yaadaa, komii fi qeeqa miseensonni OPDO heddu yeroo kanatti kaasaa jiran bifa kamiinuu nama keessumeessuu hin feene. Miseensi yaadaa fi gaafii gooftota mufachiisuu malu akka kaasu nama hinhayyamne tokko. Kana booda caasaa OPDO keessatti yaada gooftota biraa dhufu malee inni keessaa burqu ni rukutama; akka yaadaa fi karoora Woyyaaneetti.

Adda durummaadhaan Bakar Shaalee gara mataa OPDO‘tti akka ol bayu kan taasifameef OPDOn, bitaa-mirga osoo hin jedhinii fi osoo hin hafuursin, dandii Woyyaaneen sararate qabattee akka bultuuf. Kana dhugoomsuudhaaf hujiin OPDO keessaa miseensota aantummaa sabaa qaban taayitaa irraa kaasuu fi qaanfachiisuu bal’inaan geggeeffamutti jira. Namoonni Bakariin fakkaatan heddu, iddoo addaddaattii sassaabamaa, muummee OPDO irratti bulluq buluq jechaa jiran jedhama.

Hawwiin gama Woyyaaneetiin jiru OPDO iddoo isiin woggoota heddu dura turtetti deebisuudha. Doorsisaa Bakarii fi fakkaattota isaa muraasaan kana booda OPDOn idoo dur turtetti ni deebiti jedhanii eeguun waanuma hin fakkaanneedha. Bakar ulee miseensota dhaabaa ittiin doorsisuu fi jilbiiffachiisuun maletti beekumsa ittiin miseensota amansiisu hin qabu. Namni kuni tooftaa gaafii ummataaf deebii ittiin deebisuu fi rakkoo yeroo dheeraadhaaf tarsiimoo fala waaree ittiin argamsiisu harkaa hin qabu. yeroon kuni yeroo miseensonni OPDO gaafii ciccimaa angawoota isaanii fi TPLF irratti kaasaa jirtuudha. Bakar kana hin argu. Woyyaaneen dantaa hin qabdu. Tankaarfiin Bakar miseensota dhaabichaa irratti fudhatuuf deemu, silaa wanti baratan nama hin dhiistuu, daran miseensota OPDO dallansiisa. Oromoo gabrummaa dides daran kakaasa. Bakara Shaalee angoo kanatti as bayuun daran yoo hammeesse malee rakkoo hamaa Woyyaanee mudateef fala hin argamsiisu. Inumaa du’a OPDO dhukkubsattee saffisiisaa; umrii Woyyaanee gabaabsa.